Naannoon Tigiraayi namoota federaalaa kaafaman muude

Madda suuraa, TPLF PAGE
Manni Maree Bulchiinsa naannoo Tigraay namoota paartiin Badhaaniinaa aangooraa kaasuun mormee ture lama sadarkaa naannootti muudama yoo kennuufi miseensi TPLF duraafi booda keessa sababa eenyummaakoon dhiibbameera jechuun kan TPLF keessaa bahee ture Obbo Zaadig Abrahaa ammoo sadarkaa federaalaatti mudame.
Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa naannoo Tigraay muudama namoota lamaa raggaasisuun kaleessa galgala kora isaa xumure.
Paartiin Badhaadhinaa miseensota TPLF aangoo motummaa jiddu galaarraa gaggeesse jechuun komataa kan ture TPLF, kaleessa Aadde Fatilewarqi G/ Igzaabiher fi Salamoon Kidaaneef muudama kenneera.
Aadde Fatilawarq Gabragzii'aabheer sadarkaa itti aantuu pireezdaantiitti itti gaafatamtuu kilaastera haqaa fi bulchiinsa gaarii ta'uun muudamaniiru.
Isa dura garuu Aadde Fatilawarq ministeera daldalaa biyyattii tahuun hojjechaa kan turan yoo tahu torbanoota darban keessa ture aangoo ministirummaa irraa kan kaafaman.
Akkasumas Dooktar Salamoon Kidaanee sadarkaa itti gaafatamaa Biirootti itti gaafatamaa hordoffii magaaloota naannoo Tigraay ta'uun muudamaniiru.
Isaan dura ammoo, Dr. Salamoon Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Itti-aanaa kantiibaa fi Itti-gaafatamaa Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalichaa tahuun hojjechaa turan.
Dabalataan obbo Asmallaash Waldasilaasee itti gaafatamaa waajjira gamtaa mootummaa naannoo Tigraay ta'uun muudaman.
Kana malees manni marichaa ijaarsa fi caaseffama aanoolee naannichaa dhiyaate irratti mariyachuun mirkannneessuera.
Haaluma kanaanis, baayyina aanolee naannichaa dura turan 34 irraa gara 57'tti ol guddisuun gandoota baadiyyaa 18 ammoo gara magaalaatti akka guddatan mirkanaa'uu midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Gama biraatiin ammoo, kanaan dura miseensa TPLF kan turee fi sababa eenyummaakoon dhiibameera jechuun miseensummaa paartichaa keessaa bahuu isaa kan ibse Obbo Zaadig Abrahaa amma Sadarkaa Ministeeraatti Qindeessaa Damee ijaarsa dimokiraasii Paartii Badhaadhinaa tahuun muudamun isaa dhagahame.

Madda suuraa, EBC














