Magaalaa Jersii: lollii qawwee lubbuu namoota ja'a galafaate

Poolisota hidhatan

Madda suuraa, AFP

Qondaala Poolisii tokko dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan Ameerikaa bulchiinsa Niwujeersii keessatti dhukaasa qawween du'an.

Qondaaltonni Poolisii mada'aan dhukaasa hidhattoota suuqii seenanii dhukaasa irratti bananiin ture.

Manneen barnoota hedduufi sochiin bizinasii cufameera.

Sababiin hidhattoonni kun balaa qaqqabsiisaniif hin baramne .

Qondaaltonni biyyattii garuu haleellaa shororkeessuummaa akka hin taanee ibsaaniru.

Qondaalli poolisii ajjeefame Joosef Siils jedhamu ga'eessi ganna 39 Niwujeersitti garee sagantaa meeshaalee waraanaa seeran alaa hiikkachisu keeessatti hirmaataa ture.

Poolisota iddoo haleellaan raawwatame qaqqaban

Madda suuraa, AFP

Dhukaasa wal jijjiruun jalqaba sirna awwaalchaa tokkoorratti eegalametu ibsame.

Sana booda qondaalli poolisii Mr. Siils akkuma itti dhiyaateen shakkamaan ajjeesuutu amanama.

Haleellaa kana booda konkolaataan baqataniitu giddugaleessa gabaa tokko keessa da'eeffatanii poolisii wajjin walitti dhukaasuu itti fufan.

Balaa uumame booda qondaaltonni seera raawwachistuufi qondaaltonni Federaalaa hedduun naannichatti ergaman.

Hidhattoota lama haleellaa banan dabalate, namoonni shan giddugaleessa gabaa kanatti ajjeefaman.

Poolisoonni akka himanitti hidhattoonni qawwee qaban kun 'high powered rifles' fayyadamuun marroo hedduu dhukaasaa turanii jedhan.

Namoota sadii suuqii (dukkaana) keessa turan hidhattoota kanatu ajjeese jedhan Mr. Keelii namni jedhu. Kun odeeffannoo qorannoo yeroo fudhatuun addaa baafamu ta'us himaniiru.

Namni dhukaasa kana keeessatti madaa'ee lubbuun hafe tokkos yaalamuun ibsameera.