Zut alors! Warra Ameerikaatti cilalluu nyaataaf horsiisan

Madda suuraa, Peconic Escargot
Ameerikaatti qonnaan bultoonni cilalluu horsiisan lama manneen nyaataa bebbeekamoon cilalluu xaassaatti saamsamee gurguramu dhiisanii o'aa isaan dhiyeessaniif akka fudhatan gochaa jiru.
Cilalluuwwan 70,000 ta'an kan horsiisu Taylor Kinaap akka jedhutti, cilalluun "waan ajaa'ibaati".
Obbo Kinaap hundeessaafi abbaa qabeenyaa horsiisa cilalluu guddicha Ameerikaadha.
US keessatti bakka Pekonik Iskaargoot jedhamu Odola Loong Ayilaand, Niiwu Yoorkitti kan argamu yoo ta'u, hanga ammaatti Qajeelchi Qonnaa US (USDA) qonnaa kana fakkaatan lamaaf waraqaa ragaa kennuun akka soorata namaaf cilalluu horsiisan godheera.
Namichi kun yeroo ammaa cilalluu ho'aa ta'an manneen nyaataa Magaalaa Niiw Yoork keessa jiraniif ofiin dhiyeessaafi jira. Gabaa hedduu jirus waliin ga'uudhaaf hedduu rakkachaa jira.
Erga bara 2017 hojii cilalluu horsiisuu kana jalqabee gurgurtaan isaa dachaadhaan dabaleera.
Namni umuriin isaa waggaa 31 ta'e kun Sheefii (nama nyaata bilcheessu) yoo ta'u akka cilalluun nyaataaf ooltu yaadni kan dhufeef yeroo jalqabaaf Awurooppaa keessa yeroo hojjetaa turettidha.
Yeroo dhamdhamee ilaaluttis cilalluun ho'aan kan waadamee xaasaatti saamsamuun US keessatti gabaaf dhiyaatu caalaa filatamaadha jedhe.
Haata'u malee, manneen nyaataa ykn dhaabbileen nyaataa US keessa jiraniif cilalluu du'an ykn lubbuun jiran alaa galchuun hin hayyamamuuf. Sababiin isaas, cilalluun akka sanyii ilbisoota weeraraniitti waan ilaalamtuuf. Gosti cilalluu nyaataaf oolan beekamoon sadii Awurooppaa keessatti argamu.

Madda suuraa, Peconic Escargot
Fedhiin cilalluu soorachuu bara 2018 US keessatti %42 dabalaa deemuu isaa hubachuun bakka horsiisa Pekooniik hundeessuun manneen nyaataa US keessa jiran kun cilalluu ho'aa harkaafi harkatti akka argachuu danda'an taasiseera.
Cilalluu biyya alaarraa galchuun waan hin danda'amneef sanyii argachuurratti yeroo jalqabaaf rakkatee ture. Haata'u malee, sanyii cilalluu mimmiciree warreen Kaalifoorniyaatti dhiyeessanirraa argachuu danda'eera.
Achii dhufteen sanyii cilalluu kanaa bara 1850 keessa kan gara Kaalifoorniyaa fidamanii achumatti hafanidha jedhameera.
Cilalluu kanas bara sana kan gara US fidan godaantota Awurooppaa ta'uun ni himama. Baqataan/baqattuun bara sana fide/fidde jedhames sakkatta'insa gumuruuk kellaarra ture bara 1789 dhoksaan dabarsuudhaan US galchuun umurii guutuu dhokachuun jirataa/ttee dabarsite jedhama.
Horsiisa cilaaluu Pekooniik jedhamu kana jalqabuudhaaf Tayloriifi namni isa waliin hojjetu maallaqa $30,000 ta'u buusiifi abbootii qabeenyaa biroorraa walitti qabaniitu. Hordoffiin raggaasifachuufis USDA waliin walitti dhiyeenyaan hojjeteera.

Madda suuraa, Getty Images
Cilalluun akaakuu lubbu qabeessa waggoota miliyoona 500 ol durarraa kaasee jiraataa turedha akka qorannoon aagarsiisutti.
Cilalluun naannootti madaquudhaaf kan hin rakkisneefi naannoorraatillee miidhaa guddaa hin qaqqabsiisnedha.
"Akkuma gosoota qurmuxxii kan akka, kilaam [kan ciracha jiraatu keessa jiraatu], kiraab [qaajjibbuu] fi loobistarii [kan torbaan qabaa fakkaatu] - biroo yeroo nyaataaf qopheessamanitti- bidhaan danfaatti naquudhaan cilalluu affeeluun nyaataaf qopheessu. Ani garuu dura cilalluu dura firiijii keessa kaa'uudhaan akka qorran nan taasisa. Cilalluun kunneen yeroo kun hundi ta'utti maaltu akka ta'aa jiru waan beekan miti."

Madda suuraa, Katelyn Luce
Riikiifi Tayloor lamaanuu cilalluu horsiisan ho'aa isaa dheedhii gurguru. Kana jechuun osoo hin turtoriin torbaniif tokkof qofa waan turaniif qilleensa qabbanaa'aa keessa tursiifamu.
Gatiin cilalluun ho'aa harkaafi harkatti dhiyeessuun gurguraman kun kan isa xaasaatti saamsamee gurguramuu harka lamaan caala.
Tayloor gabaa cilalluu isaa kana magaalaa Niiw Yoorkiin alattis baballifachuuf karoora akka qabu dubbata. Kana milkeessuudhaafis, dhaabbileen soorata galaana keessaa argaman warra dhiyeessan waliin walitti michoomuudhaan cilalluun ho'aa ta'e akka maamiltoota qaqqabu gochuuf hojjechaa jira.
Yeroo ammaa kana torban keessatti foon cilalluu kiiloo 27 gabaatiif dhiyeessa.















