Irreecha 2012 - Manaa haga Malkaa: Irreecha Hora Finfinnee Lij Yaareed waliin

Ibsa waa'ee viidiyoo, Irreecha Hora Finfinnee Lij Yaareed waliin

Hora jahaan Oromoo Tuulamaa keessaa Horri Finfinnee hora isa hangafaati. Irreechi Hora Finfinnee waggoota 150 booda magaala Finfinneetti deebiyeera.

Hojii aartii fi koomeediin kan beekamu Lij Yaareed Irreecha Hora Finfinnee akkamiin kabaje? Manaa kaasee haga inni malkaa bu'ee irreeffatutti hordofneerra.

''Uffanni aadaa nama qofaa miti, seexanayyuu bareecha,'' jedha Lij Yaareed. Dhiyaadhaa.

Odeessa viidiyoo kana kan midhaassan:

Haabtaamuu Xibabuu fi Yaadataa Birhaanuu