Gabaasa kallattii Irreecha Hora Finfinnee

Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee Waggaa 150 booda yeroo jalqabaatiif haala adda ta'een kabajamaa jira. Ayyaana kanaaf namoonni godinaalee Oromiyaa adda addaarraa dhufan hedduun isaanii addabaabayii masqalaa fi bakka Irreechi itti kabajamu fuullee bulan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. MNO qaamolee Irreechi Finfinnee milkiin akka xumuramu gumaachan galateeffate

    Pireezidantii itti aanaa MNO Obbo Shimallis Abdiisaa qaamolee Irreechi Finfinnee milkiinaan akka xumuramu gumaachan hunda galateeffatan.

    Daandiin cufaa ta’ee bakka tajaajilli adda cite jirutti, simannaa jirattootni magaala Finfinnee keessummootaaf taasisaniifis galata qaban ibsaniiru.

    Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee sabaafi sablamoonni akka aadaa isaanitti simatanii faaya aadaa isaaniin irratti hirmaachuu isaaniifis galateefataniiru.

    Sirni kun Itoophiyummaa akka kami guddisuun akka barbaachisu agarsiiseeras jedhan.

    Ayyaanni Irreecha ayyaana nagaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uu isaa qabatamaan mul’isuun danda’ameera jedhan.

    Lammiileen Itoophiyaa waliif yaaddoo osoo hin taane waliif foon, irreefi human akka walii ta’an aadaan isaanis kan waliinii ta’uu ayyaana kanarratti agarsiisaniiru jedhan.

    Akkasumas MM Dr Abiyi Ahimaad yaada dhiyeessuurraa kaasee ayyaanni Irreechaa kun Finfinneetti akka kabajamu gahee guddaa bahuu isaaniif maaqaa Ummata Oromoon galateeffatan.

    Ayyaanni kabajamaan kun akka hin milkoofne qaamoleen rakkoo uumuun gufachiisuuf yaalii adda addaa taasisaa turanillee hin milkoofnefi; kana boodas hin milkaa’uuf jedhaniiru

    Qaamoleen nageenyaa ayyaanni kun nagaan akka xumuramu shoora olaanaa bahaniis galateffataniiru.

    Akkasumas Irreecha Hora Arsadee bor kabajamuufis qophiiin xumuramuu himaniiru.

    Obbo Shimallis Abdiisaa

    Madda suuraa, Oromia communication Bureau

  2. Suuraawwan hordoftoonni BBC Afaan Oromoo nuuf qoodan keessaa muraasa!

    Suuraawwan hordoftoonni BBC Afaan Oromoo nuuf qoodan keessaa muraasa!

    Moti Gezaheng

    Madda suuraa, Moti Gezaheng

    Aman H Abdurkader

    Madda suuraa, Aman H Abdurkader

    Liiban Maccaa

    Madda suuraa, Liiban Maccaa

    Liiban Maccaa

    Madda suuraa, Liiban Maccaa

  3. Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee nagaan xumuramu Poolisiin beeksise

    Kabajni ayyaana irreecha Hora Finfinnee nagana xumuramuu poolisiin magaalattii beeksiise.

    Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee namoonni baayyeen irratti hirmaatanii fi haala ho’aan jala bultiin isaa addabaabaayii Masqalaatti kabajame ture haala naga qabeessa ta'een xumuramusaa Komishiniin poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiise.

    Komishinichi ayyaanichi nagaan akka gaggeefamu Rayyaa Ittisa Biyyaa, Komishiii Poolisii Federaalaa, Tajaajila Tika Biyyaalessaa fi Poolisii Oromiyaa waliin qondoomuun hojjetamuus beksiseera.

    Fiixaan bahiinsa kanaafis walta’insa gaarii hawaasni taasiseef komishinichi galateefateera.

    Komishina poolisii Finfinnee

    Madda suuraa, Addis Ababa Police commisssion

  4. Kabajni Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee nagaa fi milkiin xumurame

    Kantiibaa Itti aanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa kabajni ayyaana Hora Finfinnee sirna miidhagaa fi rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan xumuramuu isaniiru.

    Kantiibichi ibsa miidiyaaleef kennaniin akka beeksisan, waan hunduu haaluma gaariin xumurame.

    Milkaahina ayyaana kanaaf gumaata jiraattootni magaalaa Finifnnee fi qaamolee biroo taasisaniif galataffataniiru.

    ‘’Qaamolee nageenyaas rakkoon nageenyaa tokkollee akka hin mudanneef qophii gaariifi miira itti gaafatamummaan guutameen’’ guumaataniif qaamoleen nageenyaa hojii isaanii gahumsaan bahuu isaaniifis galata galchaniiru.

    Ibsa Bulchaan Finfinnee kennaan

    Madda suuraa, Waajira Kantiibaa Finfinnee

  5. Jala bultiin kabaja Irreecha hora Finfinnee viidiyoon

    Jala bultiin kabaja Irreecha hora Finfinnee qophiilee garaagaraa of keessaa kan qabu ture. Kantiibaa Itti aanaan magaala Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa, Pireezidantii Itti aanaan MNO obbo Shimallis Abdiisaa fi aanga'oonni mootummaa olaanoo biroonis argamaniiru.

    Viidiyoon dowwadhaa!

  6. Hirmaattota hedduu, gosoota huccuu aadaa garaagaraa, Weelluu...

    Irreechaa Hora Finfinneetti gaggeefamaa jiruun Lakkoofsi namootaa hedduu ta'uu fi miiraa addaa qabaachuu namoonni bilbilaan dubbifne nutti himaniiru.

    Irreechi Finifnneetti kabajamuun isaa namoota irratti hirmaataa jiraniitti miira addaa kan uume ta'uu alatti, gosootni huccuu aadaa dizaayina haaraan hojjetaman hedduutu mul'atee jedhameera.

    Hirmaattotni garee fi dhuunfaan huccuuwwan aadaa gosa garaagaraan faayamanii aragamuun ayyaanichaatti miidhagina addaa umeera nuun jedhan.

    Qarree fi qeerroon garee gareen wal hiruun sirboota aadaa garaagaraan gammachuu guddaan ayyanicha kabajaa jiru.

    Keeniyaa irraas jilli kabajamtuu Reheemaa Didaa Jaldeessaan hoogganamuus ayaanicharratti hirmaateera.

    Hirmaattota
    Hirmaattotni alaabaa garaagaraa qabatanii
  7. Irreecha Finfinnee suurotaan

    Irreecha hora Finfinnee waggoota 150 booda magaala Finfinneetti kabajamaa jirurratti sabaafi sablammoota dabalatee uummatni miiliyoonotaan lakkaawamu hirmaachaa jira. Ganama har'aa (Sanabata xiqqaa) barii irraa qabee miira addaa naannoo Addabaabayii Masqalaa jiru suurata kanaan gariin hubachuun ni danda'ama.

    Hirmaattota Irreecha Finfinnee
    Hirmaattota Irreecha Finfinnee
    Hirmaattota Irreecha Finfinnee
  8. Gabaasa keenya kallattii har'aa kanumaan goolabna, Boru walitti deebina | Ayyaana Gaarii

    Buna

    Madda suuraa, SOCILA MEDIA

    Suuraa miidiyaa hawaasaarraa arganne kanaan, nagaan bulaa jenna.

    'Bunaafi nagayaa hin dhabinaa

  9. Ergaa baga geessanii Paartii 'ABiN'

    Paartiin Warraaqsa Biyyaalessaa Saba Amaaraa -ABIN ayyaana Irrechaaf ergaa baga geessanii dabarseera.

  10. Cuukkoo kaartaa Oromiyaa

    Cuukkoo kana Aadde Xurunash Tasgaraa kan jedhaman midhaassaniiru.

  11. 'Magaalaa kanatti reebamne ajjeefamnes,...'

    Pireezidantii Ittaanaa Oromiyaa Shimallis Abdiisaa

    Pirezedaanti itti aanaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa ergaa dabarsaniin 'Magaalaa kanatti hidhamne, reebamne ajjeefamnes har’a dhiigaaf lafee qabsa’ootatu nu dhaabe,'' jedhaniiru.

  12. Suuraalee jalabultii keessaa muraasa

    Suuraalee waahillan keenya Finfinneetti argaman: Haabtaamuu Xibabuu fi Bizuworqi Olaanaa nuuf ergan keessaa.

    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
    Jala bultii Irreecha
  13. Obbolaan lakkuu Irreechaaf akkasitti faayamaniiru

    Doktorronni lakkuu Qaalkidaan Geetaahuun fi Iyyaruusaalem Geetaahuun dhalatanii kan guddatan magaalaa Shaashamanneetti yoo ta'u, barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaas achumatti hordofan.

    Achi booda qabxii ol'aanaa galmessisuun yuunivarstii meedikaalaa Hawaassaatti gosa barnootaa Laaboratooriidhaan qabxii ol'aanaan eebbifaman.

    Booda Finfinneetti yuunivarsitii meedikaala Haayaatitti muummee barnoota fayyaa keessa 'medicine' baratan.

    Ammas qabxii ol'aanaadhaan kan eebbifaman.

    Amma dura dubbisnee odeessa kana midhaassinee turre As cuqaasuun dubbisaa

  14. Ergaa Taakkalaa Uumaa

    Inj Taakkalaa Uumaa
  15. 'Qophoofneerra'

  16. 'Ijji baddus, iddoon ijaa hin baddu' Taakkalaa Uumaa

    Taakkalaa Uumaa

    Sirna Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaa jirurratti Kantiibaa itti aanaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa 'Ijji baddus iddoon ijaa hin baddu. Waggaa 150n booda asitti irreeffachuutti deebine,' jedhaniiru.

  17. Addabaabaayii Masqalaatti

  18. Suuraalee Miidiyaa hawaasummaarraa

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  19. Wi-Fi bilisaa Hora Finfinneetti

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  20. Faajjii Abbaa Gadaa