Namni yoom dubbachuu eegale?

Madda suuraa, Getty Images
Ilmaan dhala namaa kan jalqabaa kan ta'an yeroo durii bineensota biroo irraa of eeguuf jecha abiddatti gargaaramaa turan, adamoos adamsanii jiraachaa turan, uummanni kun yeroo jalqabaaf yoom haasa'uu eegalan.
Akkasumas afaanota yeroo ammaa kumaatamaan addunyaa kanarratti dubbatamaa jiran duubatti deebi'uun jalqaba isaanii bira gahuun danda'amaa laata?
Barreessaa fi qorataan afaanii Mikaa'el Rozen qorannoo geggeessuun xiinxala armaan gadii qindeesseera.
Haalli adeemsa jijjirama tirannaa kan geeddare

Madda suuraa, Getty Images
Dhalli namaa qofti afaan bineensa kamiyyuu irraa addatti qabaachuun adda akka isa taasisu Pirofeessarri Xiinqoqaa Yuunversiitii Niwukaastil Maagii Taalermaan himaniiru.
Waliin haasa'uun tirannaa keessatti ce'umsa guddaa waan ta'eef namni afaan eessaa jalqabe isa jedhu beeku barbaachisa jedhu.
''Waa'een afaanii walxaxaa ta'us, nama akka taanu waan godhe keessaa isa ijoodha jedhan pirofessarri jijjirama tirannaa fi antiroppooloojistiin Yuunversiitii Kaambiriij Roobert Foolii.
Afaan erga dhalatee gartokkee waggaa miliyoona tokkoo ta'eera jedhama.
Addunyaarra afaan 6,500 olitu jira. Haata'u malee, akkamitti qorattoonni afaan kamtu dura uumame isa jedhu adda baasu danda'u?
Afaan dur ture Baabiloniyaa,Saaniskirit ykn Masrii durii tariii tarreessu dandeenya.
Haa ta'u malee Afaan gara jalqabarratti argamuu jennee tarreessinu waggota 6,000 akkuma afaan amma jirutti uumamanii jedhu pirof.Talermaan.
Maddi afaani jalqabaa waggooota kuma 50 kan ta'u jedhanis jiru. ogeeyyiin xiinqooqaa waggaa sana ol ta'uu danda'aa jedhu.
''Baay'een keenyaa waggaa walakkaa miliyoona tokkoo qaba jennee amannaa '' jedhu pirof. Taalermaan.

Madda suuraa, Getty Images
Afaan addunyaarratti heddummante kun madda tokkicharraa dhufani jedhu Pirof.Fooliin. ragaan dhala sanyiis uummata Afrikaa madda dhala namaa ta'uu akeeka.

Madda suuraa, Getty Images
Ragaan haftee lafee hortee nama du'ee yoom akka haasa'uu eegalame mala dha'iinsa kennu danda'a kan jedhan jiru.
Waggoota 600,000 tti dhiyaatu kan jiraataa ture Neanderthals horteen dhala namaa jedhamu jijjirama tirannaatiin lafarraa bade naannoo Ispaayinaal koordii akka bal'atutu himama.
Horteen bara durii jiraatan biroon qaamaa ispaayinaal koordii bal''aa ammasii hin qabani jedha.
Haftee lafee nama du'ee qorachuun

Madda suuraa, Getty Images
Ragaa hambaa lafee nama du'eetiin olitti qo'annoon qaccee afaan kamtu dubbatamuu eegalame isa jedhu mul'isu danda'us yaadni jedhus jira.
Pirof. Taalermaan ragaa dhala sanyiii fayyadamuun beekumsa amma jiruun adda baasuun akka ulfaatu himan.
Hamma guddina sammuutiin

Madda suuraa, Getty Images
Buqqee mataa sanyiii dhala namaa qorachuun afaan yoom akka eegalame nutti himuuf fayyada? tarii
Sababni gabaabaan garuu sammuu hagam guddatu qabachuutu afaan uumuu danda'a isa jedhu beekuun hin danda'amne.
'Neanderthals' hortee dhala namaaf bu'uura ta'uu danda'a jedhamu buqqee mataa hortee dhala namaa kaanirra guddaa ta'e qaba jedhan Pirof. Taalermaan.
Jechi namni dubbate tarii ''hey'' kan jedhu ta'u danda'a

Madda suuraa, Getty Images
Dhalli namaa tarii wal tumsuu fi nannoorraa nyaataa gargaraa barbaaduu haasa'aa akka ture pirof. Taalermaan kan dubbatan.














