Romaan Abraamovich 'yaaddoo nageenyaadha' jedhe poolisiin Siwitzerlaand

Madda suuraa, EPA
Dureessi lammii Raashiyaa Romaan Abraahimovich biyya Siwitzerlaandiif yaaddoo waan ta'uf biyya sanatti akka hin jiraanne poolisiin dhorke jedhu gabaasaaleen.
Poolisiin federaalaa Siwitzerlaand iyyannoo isaan biyya sanatti jiraachuuf galfatan akka jalaa kuffisan qondaaltota biyyattiif gorsa kennaniiru.
Shakkiin poolisiin dhiheesse dureessi kuni dhaabbilee yakkamtootaa yookiin maallaqa dhoksuu keessaa harka qabu jechuuni.
Kilabiin Chelsii Siwizerlaandittis tahe biyya biraatti himatame hin beeku.
Himannaan amma Poolisiin dureessa abbaa qabeenyaa Chelsii himate kuni shakkii hin mirkanoofne irratti.
Obbo Abraahimovich wanta poolisiin ittiin isaan himate kana ni balaaleeffatu.

Madda suuraa, Reuters
Abraamovich dhiheenya UK'tti imaluuf 'visa' erga iyyatan booda waan jalaa tureef taphni waancaa 'FA' Chelsiin Maachistar Yunaayitid itti injifate isaan miliqee ture.
Ergasiis iyyannoo isaanii itti dhiisuun isaanii ni yaadatama.
Akka miidiyaaleen Israa'el jedhanitti ergasii lammii Israa'el fudhataniiru. Lammiileen Israa'el immoo 'visa' malee UK daawwachuu danda'u.













