Horataan Chelsea Roman Abramovich beekumsa barbaachisa lammii Israa'elii tah'un qaba

Madda suuraa, AFP
Biliyooneyaan Russia ka yahuudaa, Horataan Chelsea Roman Abramovich , Tel Aviivvitti darbe, beekumsa barbaachisa lammii Israa'elii tah'un qaba hundeessiinaan.
Abbooti taita godaansa ka BBC dubatte, torbe darbe embasii Israa'elii ta Moscow jirtuutti odeefatanni, akka ini beekumsa sun qabu hundeessaan. Viisaa isa ka UK haaromsuuf irra tursan.
Dubbii himaan isa, gabaasa lammummaa keennaniif jedhu, yaada kennuu didee.
Abramovich, ka gana 51, duureessa nama cufaa caalu ta'a Israa'elii keessa yoo lammummaa argate.
Viisaa isa ka Investarii UK, torbaan dhihoo ka darbe yeroon dhumte ammo mootummaan UK, dubi isa akka abbaa tokootti yaada kennuu didee.
Tursiisaan Viisaa isa, yaaddoo guddaa waliigalaa ta jidu London fi Moscow jirtu eegi summaawuu basaasaa Russia Sergei Skripal kibbaa Ingilandii keessatti.
Abramovich wancaa FA ka dhihoo tana Chelsea Manchester United irra aantee hin dhufne. .
Gabaasii miidiyaan Isra'elii kaardii Mallattoo argate jira jedh. Seera deebi'uu jalaatti yahuudiin lammii Israa'elii ta'u dandeeti.
Ministeeraan dhimma keessa Israa'elii , Abramovich lafaan bahee jedhe mirkaaneesse, amale Israa'eliitti godaane jedh.
Deeman ini yeroo hundaa Israa'elii dhaquu waga 2015 jalqabate eegi hooteela Tel Aviiviitti bitaate.
Abramovich qabeenii isa $11.5bn (£8.6bn), akka barruulee Forbes .

Madda suuraa, Reuters
Roman Abramovich eennu?

Madda suuraa, Reuters
- Nama tokoo ka Russia keessa duureessa, Chelsea waga 2003 bitaate.
- Duraan waan ijoolleen taphattuun gurguraa jedhan adoo gana 1990 keessa coomaan hin milkaa'in.
- Hiriyyaan bakka hujii isa duraan sooressa beekkama Boris Berezovky, firaa Pireezidaanti durii ka Russia Boris Yeltsin.
- Abramovich duraan bulchaa naannoo Chukotka, Russia keessa.
- Pireezidaanta Russia Vladimir Putin dhihaata jedhan.

Madda suuraa, Reuters












