Abdii Mohaammad: Pireezidaantiin Somaalee duraanii mirga wabii dhorkaman

Madda suuraa, Mana murtii olaanaa Federaalaa
Pireezidaantiin naannoo Somaalee Abdii Mohaammaad Omaar kan Wiixata darbe to'annoo jala oolaan mana murtiitti dhiyaatanii mirga wabii dhoorkaman.
Sarbamiinsa miirga nanmoomaa, jeequmsa amantaa fi sabummaarratti xiyyeefate kakaasuun shakkamanii to'annoo seeraa jala kan oolaan Abdii Mohaammad Omaar, kaleessa yeroo duraaf mana murtiitti dhiyaatanii himata irratti baname erga dhimmisaanii caqasanii booda mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf gaafatanii ture.
Namoonni Abdii Omaar waliin mana murtiitti dhiyaatan biroon Afur kan jiran yoo ta'u, Komishinarri poolisii naannoo Somaalee duraanii Farahaan Taahiiris keessatti ni argamu.
Komishinarichi Hagayya 26 hanga 29tti garee Hegoo jadhamu hundeessuun naannchatti hokkarri akka umamuu taasisaniiru jedhmuun shakkaman.
Sababii kanaatinis lubbuun namoota akka darbu taasifameera jechuun himannaan irratti dhiyaachu midiyaan motummaa gabaaseera.
Dhimma isaanii qorachuuf abbaan alangaa guyyaa dabalataa 14 gaafatee hayyamameefiira.
Shakkamtootni kun manni amala sirreesaa nyaata fi waaldhaansa fayyaarratti gahaa akka dhiyeessuuf gaafachuufi kan mana amala sirreessan dhiyaatu itti toluu yoo baatee maatiin dhiheessuufi akka danda'u deebiin kennameeraaf.















