Humni qilleensaa Ameerikaa seenaa yakkaa nama ajjeechaa Teeksaas raawwate himu dide

Madda suuraa, Getty Images
Humni Waraana Qilleensaa Ameerikaa odeeffannoo seenaa yakkaa namicha ajjeechaa namoota 26 Teeksaasitti raawwate, Deeviid Paatriik Keelii waliin wal-qabatu galmee biyyaalessaa keessatti argachuu dhabuu isaanii qorachaa jirra jedhan.
Keeliin bara 2012'tti jeequmsa naannoon mana murtiitti himatamee, meeshaa waraanaa bitachuu danda'uurraa dhorkamee ture.
Garuu bara darbe meeshaa tibbana mana kadhannaa xiqqoo Saan Antooniyoon ala jirtu keessa namoota kadhannaa irra turan 26 ittiin ajjeese bitachuu danda'e.
Namichi kun osoo bakka sanaa konkolaataan osoo baqatuu baqachuutti rasaasa ofiitiin akka tasaa rukutamee du'uusaa poolisiin himeera.

Madda suuraa, Scott Olson
Magaalaa xiqqoo bakka namoota miidhaman hunduu itti beeku
Humni Qilleensaa ibsa Wiixata kenneen: ''odeeffannoon [Deevin] Keelii jeequmsa naannoon himatamuu ibsu Waajjira Buufata Humna Qilleensaa Hooloomaanitti argamuun, giddu-gala galmee yakkaa biyyaalessaa irratti akka hin galle'' beeksiseera.
Humna Ittisa biyyattii waliin ta'uun galmee yakkaa Keelii qorachaa jiraachuus ibseera.
Bulchaan Teeksaas Gireeg Abboot namichi kun manni murtii mirga meeshaa waraanaa bitachuu irraa mulqee waan tureef, karaa seera qabeessaan bitachuu akka hin dandeenya ibsanii turan.
Keeliin meeshaa sana kan bitate dukkaana Akaadaamii meeshaalee ispoortii fi kan biroo, magaalaa Saan Antooniyoo keessatti argamurraayyu.

Madda suuraa, SUZANNE CORDEIRO
Waldiddaa amaatii waliinii
Keeliin meeshaa awutoomaatikii fi shugguxii lamaan haleellaa mana kadhannaa sanarratti osoo hin geggeessin dura amaatiisaa waliin walitti bu'anii akka turan qandaaltonni ibsanii jiru.
Erga rasaasaan rukutamee booda abbaasaatti bilbilee lubbuun nan hafa jedhee akka hin yaadne itti himee ture.
''Haleellaan sabummaa yookaan amantaa kan fuulleffate miti,'' jedhan Mr Maartiin.
''Maatii keessatti keessumaa amaatiiwwan gidduutti rakkoon ture,'' akkasumas barreeffama sodaachisu amaatiisaaf ergee akka tures dabaluun himanii jiru.
''Nuti kan beeknu amaatii isaa waldaa kanatti waaqeffatutti irraatti arii akka qabudha,'' Mr Maartiin dabalanii dubbatu.

Eenyuu fa'ituu miidhame?
Shariif Joyii Kaawuntii Wilsan irraa akka jedheetti, ajjeechaa magaalaa xiqqoo Saawuzern Ispiingis kan Kibba-baha magaalaa Saan Antoniyoo irra km 50 irratti argamtuutti raawwwatameen, ijoolleen umurii 12 fi 14 du'aniiru.
Ijoollee baayyee xiqqoo ajjeefaman keessaa ammoo mucaa waggaa tokkoo ni argama.
Akkasumas miseensa maatii tokko kan ta'an namoonni saddeetis du'aniiru, akka gabaasa waashingtan poostiitti.
BBCn ollaa maatii kanaa Polinaa Gaarzaatti dubbatee, isaaniis waldaadhaa gara manaatti akka hindeebii'iin itti himaniiru.
Paastarii Waldaa 'Farist Baaptizist Charch' kan ta'an, Fraank Poomeroyi intalli isaa kan waggaa 14 Anaabeleen warra ajjeefaman keessatti akka argamtu midiyaa Ameerikaatti himaniiru.
Namoonni gara biraa 20 miidhaan irra gaheera.
Abbaan qawwee eenyuudhaa?
Keleen haadha warraa fi mucaa buddeen isaa miidheen himatamee bara 2012tti seeratti dhiyaate ture. Isaan boodas hidhaa baatii 12 itti murtaa'e ture.
Waggoota lamaan boodas 'amala garii hintaane' akka argate dubbii himtuun Humna qilleensa Ameerikaa An Steefaanek dubbate jirti.
Abbaan qawwee kunis hanga Adoleessa paarkii Amuzimant jedhamuufi kan ollaadhuma Saawuzarlaand Ispiriingisitti argamuu wardiyyummaan hojachaa tureera.
Qaccarriin isaas torbaan shaniin irra darbeen booda 'dhaabachu' isaa kubbaaniyichi ibseera.
Innis akka waardiyaa hinhidhatiinitti hojachuuf heyyama qaba ture.
''Akka inni heyyama nagaa eegdummaa dhunfaa keessaa haqamuuf odeeffannoo gara yakkaa biyyaaleessaatti galfame omtu hinjiru,'' jedha poolisiin.
Ajjeechaan rasaasaa kunis erga abbaan qawwee hirmaattoota sirna muziqaa Laas Veegaas irratti dhokasuun namoota 58 ajjeessee dhibbaatama miidheen booda ji'a isaatti kun uumame.












