Ajjeechaa Laas Veegaas: 'Qawwee ariitiin dhukaasu irratti' seerri dabalataa haaraan gaafatame

Madda suuraa, Reuters
Waldaan Qawwee Biyyaaleessaa 'meeshaalee dhukaasa ariifachiisaaf fayyadan' kan akka abbaa qawwee ajjeechaa Laas Veegaas itti fayyadamee irratti 'seerriwwan dabalataa' akka bahuu waamicha taasise.
Garichis akka jedheettis: ''Meeshaalee dhukaasa ariifataa walakkaa akka tajaajilanii omishamuun garuu akka atomaatikii gutuutti tajaajilan hundu seerawwan dabalataa kanaan hammatanu qabu.''
Paartiin Rippaablikaanoota waggootaaf to'annoo qawwee didaa tures meeshicha ni dhorkina jedhaniiru.
Qaamooleen seera tumanis walgahii taasisuun seera meeshaa kana dhorku irratti hojachuuf karoorfataniiru.
Waldaan Qawwee Biyyaaleessaa seera baaftoonni ''atatamaan meeshaalee kunneen seera fedaraalaa gutuu isaanii akka qorataniif '' Kamisa darbee gaafataniiru.
Pireezidaant Doonaald Tiraampis boodarra riiportaootatti akka himanitti, bulchiinsi isaanii ''yeroo gabaabaa dhufan keessatti'' meeshaalee kanneen haala itti dhorkaman irratti ni hojata jedheniiru
"Erga hojii seexanaa fi miidhaa nama sammuu hinqabnee Laas Veegaasiin asi, uummanni Ameerikaa gara fuula duraatti attamiin balaan akka ittifamu irratti deebii barbaachaa jira,'' jedhaniiru Dureewwan waldaa qawwee biyyaaleessaa Waaynee LaaPierree fi Kiriis Koks ibsa barreefamaa keessatti.

Madda suuraa, Reuters
Akkasumas abbootii siyaasa ''qawwee dhorkuun Ameerikaanoon gara fuula duraatti akka miidhaa nama sammuu dhukubsate iraa ofi hinittifne taasisa jechuun mormaniis,'' qeeqaniiru.
Ibsi dhaabbatichaa erga ajjeechaan Dilbata tareLaas Vegaasitti lubbuu namoota 58 balleessuun kanneen 500 ta'an miidhee raawwatanee as kan jalqabaa ta'e kunis, meeshaaleen dhukaasa ariifataaf tajaajilan kunis kan waajjira Alkoolii, Tamboo fi meeshaa waraa Buulchiinsa Obaamaatii mirkanaa'ee ta'u caqasee jira.












