Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

UKn yaalii talaallii koronaavaayirasii dhala namaarratti torban kana keessa jalqabuuf

Talaalliin Yunvarsiitii Oksifoorditti hojjetamaa jiru bu'aawwan abdachiisaa agarsiisaa jira, jedhan ministirri fayyaa UK.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasni keenya har’aa xumurame!

    Kanneen booda nutti dhuftanif gabaasawwan kanaafi kaan argattu.

    • UK’n yaalii talaallii Covid-19 eegaluufi
    • Lakkoofsi namoota Jibuutiitti Covid-19 qaban 945 gahe
    • UN lakkoofsi namoota beelli itti hammaate dachaan dabaluufi jedhe
    • Hojjetaan WHO osoo saamuda Covid-19 sassaabuu ajjeefame
    • Akka addunyaatti lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii miiliyoona 2.5 guute
    • Festivaalli Ispeenitti korma itti kaachisan haqame
    • Maatiin dhala argachuuf waggoota 43 obsaan eegan of kalan
    • Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 114 gale
    • Daa’imman Ertiraa Itoophiyaatti rakkatanii jedhe HRW
    • Donaald Tiraamp imala godaantotaa yeroof dhorkan

    Halkan gaari!

  2. Guyyaa dhaloota waliin kabajuutti namoota $15,000 adabaman

    Biyya Gaanaatti namoonni 6 labsii yeroo muddamaa cabsanii guyyaa dhaloota wajjin kabajuuf qarqara magaala Akiraatti walitti qabaman $15,000 adabaman.

    Namoonni kuni Sambata darbe labsii weerara koronaavaayirasii to’achuuf torban sadiif namoonni mana akka turan isa labsame cabsan.

    Labsiin kun garuu wiixata darbe gartokkeen kaafameera.

  3. Bulchiinsi US Mizuuriin Chaayinaa himatte

    Bulchiinsi US Mizuuriin Chaayinaa, paarti Koministiifi qondaaltota mootummaa biroo ‘’dalagaa dogongoraa’’ akkasumas ‘’gowwomsuun’’ himatte.

    Kanatu, koronaavaayirasiin sadarkaa weeraraarra akka gahu taasise jedha himatichi.

    Himannaa Kibxata har’aa banameen Abbaan Alangee Mizuurii Erik Shimiit wanti Chaayinaan jaqaba gooten weerarri ‘to’atamuu danda’u’ babal’ate jedhan.

    Himannaan bulchiinsa federaalaa Ameerikaa kuni ‘’lubbuu namaa badef, bulchinsicha keessa isa namni rakkateefi diinagdeen raafameef,’’ beenyaa gaafata.

    Dubbii Himaan waajjira Abbaa Alangee himannaa kana ‘’seena qabeessa’’ jedhan.

    Haa ta’u malee, himannaan kuni adeemsarratti rakkoon isa mudachuu mala.

    Akka fakkenyaatti seerri US mootummoota alaa mirga himatamuu dhabuu kennaaf.

  4. Jibuutiin namoota koronaavaayirasiin qabaman 99 haaraa adda baasu beeksifte

    Namoota 99 kanneen guyyaa tokko kessatti adda baafamanidha.

    Amma lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii biyyatti keessatti 945 qaqqabeera.

    Isaan keessaa namoonni112 dhibicharraa wayita bayyanatan, lama lubbuu dhabaniiru.

    Jibuutiin biyyoota gaafa Afrikaa keessaa namoota vaayirasichaan qabaman hedduu qabachuun jalqabarra jirti.

  5. Narsoonni Waayit Haawus duratti mormii bahan

    Narsoonni masaraa biyyaalessaa Ameerikaa Waayit Haawus fuuladuratti bahuun ogeessota fayyaaf meeshaaleen itti of eegan akka kennamuf gaafatan.

    Kunneen miseensota Waldaa Narsoota Biyyaalessaa US yeroo ta’an bulchitoonniifi qondaaltonni federaalaa ogessota Covid-19 ittisuuf hojjetaa jiranif deeggarsi akka taasifamu gaafatan.

    Dubartiin maaskii godhatte tokko narsoota, doktarootaafi hojjettoota fayyaaf meeshaaleen itti of eegan dafee akka kennamuf gaafatte,

    ‘’Yoo isin nu hin eegne, nuyis dhukkubicharraa isin hin ittisnu,’’ jette.

    Kanneen hiriira bahan kunneen suuraa narsootaafi doktoroota koronaavaayirasiin du’an harkatti qabataniiru.

    Waldaan narsootaa kuni miseensota 150,000 kan qabu yoo ta’u Ameerikaa keessa isa guddichadha.

  6. Amma nu gahe, Hankook: UK’n yaalii talaallii Covid-19 gaafa Kamisaa namarratti eegaluufi

    Talaallii koronaavaayirasii irratti Ministeerri Fayyaa UK Met Hankook yeroo dubbatan ‘’Waan qabnu hunda talaallii koronaavaayirasii kopheessuuratti oolchina,’’ jedhan.

    Akka isaan jedhanitti UK’n biyya kamuu caalaa talaallii kana barbaaduu irratti qarshii hedduu ramadde.

    Yaaliin Okisfordiifi Kollejjii Impeeriyaal Landanitti eegalaman abdii namatti horu jedhan.

    Akka qondaala kanaatti mootummaan paawundii miiliyoona 20 garee Okisfordiif kennuun yaaliin talaallii kanaa gaafa Kamisa namarratti eegalu jedhan.

  7. Mootummaan UK guyyaatti namoota 100,000 qorachuuf isa yaade akka galmaan gahu ibse

    Amma UK’n guyyaatti namoota 40,000 tti dhiyaatu koronaavaayirasii qabamuufi dhabuusaani qoratti.

    Xumura ji’a keessa jirru kanatti garuu namoota 100,000 qorachuuf mootummaa UK guutummatti qopha’eera jedhe.

    Golgaa afaaniifi funyaanii haguuggachurratti gorsa bahe irra deebiin ilaaluuf karoorsuutu ibsame.

    Ammatti maaskii ykn golgaa afaaniifi funyaanii godhachuun dhaabbilee fayyaa fi iddoo maanguddoonni itti kunuunfaman fa’aatti gorfama-.

    Biyyoonni muraasni immoo hawaasni guutuun akka haguuggatu gorsaniiru.

  8. UN: Lakkoofsi namoota beelli itti hammaate dachaan dabaluufi

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sababa weerara koronaavaayirasiin lakkoofsa namoota addunyaarratti beelli itti hammaate dachaan dabaluuf jira jechuun akeekkachise.

    Keessattuu biyyoota akka Sudaan, Sudaan Kibbaa fi lammiileen D.Rippablika Koongoo beelaaf saaxilamuun yaaddessaadha jedha.

    Sagantaan Nyaataa Idila -addunyaa(WFP) weerarri vaayirasichaa lubbuu namoota miliyoonatti lakka’amanii balaarra buusuu ibse.

    Dafqaan bultoota guyyaatti yeroo tokko nyaatan duraanu balaa keessa jiru jechuun itti dabalee ibse.

    Gabaasni dhaabbaticha akka agarsiisutti,lakkoofsii namoota beela’anii bara darbe mil 135 irra gara mil 250 tti dabaluuf deema jedhe.

    Biyyoonni 10 walwaraansa keessa jiran,raafama dinagdee keessa jiraniifi jijjiramni qilleensa baramaa miidhe caalaatti miidhamoodha jedhe.

    Biyyoonni akka Sudaan Kibbaa,Yaman, DR.Koongoo, Veenzuweelaa, Haayiitii, Siriyaa fi Afgaanistaan tarree kana keessa biyyoota jiranidha.

  9. Hojjetaan WHO osoo saamuda Covid-19 sassaabu ajjeefame

  10. Amma nu gahe, Lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii miiliyoona 2.5 guute

    Lakkoofsi namoota addunyaa guutuutti koronaavaayirasiin qabamanii miiliyoona 2.5 guutuu isaa ragaan Yunivarsiitii Joohns Hoopkins agarsiise.

    Akka ragaa kanaatti, kanneen du’an kuma 171,000 olidha.

    Kanneen akka guutuu addunyaatti vaayirasichaan qabamanii bayyanatan immoo 659,000 olidha.

    Namoota vaayirasichaan qabaman miiliyoona 2.5 keessaa 788,000 ol Ameerikaa keessa argamu.

  11. Festivaalli Ispeenitti korma itti kaachisan haqame

    Festivaalli beekamaa Ispeen korma itti kaachisan sababa weerara koronaavaayirasiin haqame.

    Silaa festivaalli kuni baatii Adoolessa keessa taasifama ture.

    ‘’Baay’ee nu gaddisiseera,’’ jechuun yeroof kantiibaa ta’un magaalaa Paamplonaa tajaajilaa jiran Anaa Elizaldee himaniiru.

    Festivaalli kuni turistoota kuma hedduu ta’an hawwachuun beekama.

    Yeroo vaayirasii babal’ate kanaan festivaalli haqamu kuni kan lammataati.

    Festivaalli beekamaa biyya Jarman magaalaa Muunikitti biiraa dhugun kabajamuufi namoota miiliyoona jaha hirmaachisu akka haqamu ta’un isaa ni yaadatama.

  12. Ministirri Muummee UK Booris Joonsan Giiftii UK haasofsisuufi

    Ministirri Muummee UK Booris Joonsan torban kana keessa Giiftii Elizaabet akka dubbisuuf jiran waajirrisaanii beeksise.

    Koroonaavaayirasiirraa dhiyeenya kan bayyanatan Joonsan, torban sadii keessatti yeroo jalqabaatiif bilbilaan Giiftiitti haasa’an.

    Har’a waaree boodas pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin haasa'uuf jiru.

    Waajirri MM UK akka jedhutti ,haasaan hooggantoota lamaanii yaa’ii garee biyyoota torbaa G7 Ameerikaan dursiturratti tarkaanfii weerara koronaavaayirasiirratti fudhatamurrattis akka mariyataniif carraa gaariidha uumaa jedhame.

    Kana malees, Joonsan yeroo dhukkubsanii turanitti dhaamsa Tiraamp erganiifi turaniif galateeffataniru.

    Booris Joonsaan koronaavayirasiirraa erga bayyanatanii hojiisaanii idileetti hin deebine.

  13. Abbaa warraafi haadha warraa dhala argachuuf waggoota 43 obsaan eegan

    Dubartiin ganna 68 fi abbaan warraasaanii ganna 70 ilmoo dhabuurra hafuuf waggoota 43 abdiin eegaa turani torban darbe dulluma keessa ijoollee lakkuu horatan.

    Ijoolleen isaanii nagaadhaan hoospitaala yuunvarsiitii Leegos irraa fudhatanii gara manasaanitti qajeelaniiru.

    Aadde Margareet Adenugaa yeroo sadii mala teeknolojii IVF jedhamuun miciree horachuuf yaalanii hin milkoofne turre jedhan.

    Yaala kanaan daa’ima horachuu akka danda’an kan gorsan doktoroota dhimma walhormaataa turan,Murteen garuu kan isaanii ture.

    Ogeessi fayyaa tokko dulloma keessa dhala argachuusaanii kanaan ’raajiidha’ jechuun ,umrii kanatti ulfa’uun balaan guddaas akka qabu dubbatan.

    Malli teeknolojii IVF jedhamu sanyii dhiiraaf hanqaaquu erga walitti fidanii booda gara ujummoo gadameessaatti deebisuun dhala akka argatan gargaaruudha.

    Abbaan warraa isaanis obbo Nohaa Adunegaa abdiidhuman gaafa tokko daa’ima arganna jennee Naajeriyaarraa gara UK tti deddebi’aa turre jedhan.

    Bulchiinsi hoospitaalas haadhaa daa’ima kanaa hoospitaalatti akka da'aan eeyyamu beeksisera.

  14. Taphni Liivarpuul fi Atleetiikoo Maadriid tatamsa'ina vaayirasiif 'shakkamuu mala'

    Taphni Chaampiyoonsi Liigii Liivarpuul fi Atleetiikoo Maadriid gidduutti taasifame tatamsa’ina koroonaavaayiras Liivarpuulitti uumameef sababadha jedhamee shakkamuun ‘xiinxala gaariidha,’ jedhan gorsaan saayinsii mootummaa UK tokko.

    Du’aatii namootaa koroonaavaayirasiin Liivarpuul keessatti mudateef sababani tapha Chaampiyoonsi Liigii Bitootessa 11 Anfiilditti taasifameefi namoonni 52,000 ol istaadiyeemii seenuun daawwatanidha jedhamaa tureera.

    Namoonni 3,000 ta’an Maadriid magaalaa gariin cufamtee turterraa dhufanii taphicha daawwatan kana keessatti ni argamu.

    Ragaan qabatamaa taphichaafi namoota vaayirasichaan qabaman walitti hidhu jiraachuu baatus, qorannoon itti fufee akka qorannoon adeemsifamuuf daandii saaqeera jedhu, itti aantuun gorsituu saayinsii mootummaa UK, Anjeelaa Maakliin.

    Hospitaalota Liivarpuul jiran keessatti hamma yoonaa namoonni 246 ta’an lubbuu isaanii vaayirasii kanaan dhabanii jiru.

  15. WHO'n faalamni qilleensaa du'aatii Covid-19'tiif sababa ta'uu akka malu akeekkachiisuuf

  16. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 114 gale

    Qorannoo sa’aatii 24 darban keessatti namoota 745'f taasifameen namoonni haaraa sadii koronaavaayirasiin irratti argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Akka ibsa Ministirri Fayyaa Liyaa Taaddasaa baasanitti, namoota sadan kan keessaa lama gara biyya alaatti kan hin imalle oggaa tahu, tokko Sa'udii Arabiyaa irraa kan deebiye dha.

    Lamaan isaanii lammiilee Itoophiyaa ogguu tahan, tokko lammii Chaayinaadha - innis Sabbataa kan jiraatuufi seenaa imalaa kan hinqabnedha jedhameera.

    Itoophiyaan haga ammaa namoota 8698 vaayirasichaaf kan qoratte oggaa tahu, namoonni 16 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

  17. 'Itoophiyaatti daa'imman Eertiraa kophaa baqatan rakkoof saaxilaman'

  18. Namoonni 20 awwaalcha doktora Covid-19’n du'e dhorkan to'ataman

    Kibba Indiyaa keessatti ooggessi fayyaa dhibee Covid-19’n lubbuun isaa darbe akka hin awwalamneef jeequmsaan waan dhorkaniif, yoo xiqqaate namootni 20 toa’nnoo jala oolaniiru.

    Chennaay keessatti maatiifi hiriyoonni Dr Saaymon Heerkuliis Dilbata galgala yeroo reeffa isaa laffa awwaalchaa gessanitti haleelamaniiru.

    Boodarra Wiixata bariirra hiriyyaan isaa tokko qofaa lafa matiin hin jireetti awwaaleerani.

    Ogeessi fayyaa sammuu kun “dhuma akkasii qabachuu hin qabu ture,” jedha.

    “Garuumma salphaa akkanaa namaarraa hin arganne. Kanarra darbee immoo haati warraa isaafi ilmi isaa achitti argamanii isa gaggeessu hin dandeenye,” jechuun Dr Piradiip marsariitii News Minute’tti himeera.

    Namootni 20 ta’an maatiifi hiriyoota Dr Herkuliisiin uuleefi sibilaan haleeluu isaanii midiyaan biyyatti gabaaseera. Dabalataanis gocha kanaan konkolaachistoonni ambulaansii lama miidhamaniiru.

    Namootni nannoo lafa awwaalchaa jiraatan nama Covid-19n du’e achitti awwaaluun vaayirasicha naannichatti ni tatamsaasa jedhanii yadda’anii jechuun poolisiin himeera.

    Dr Herkuliis yeroo weerara kanaatti mana ta’uurra ummata tajaajilaa ture.

    Vaayirasichas dhibamtoota isaa tokkorra isa qabachuun isaa hin ooluu jedha Dr Piradiip.

    Ministeerri fayyaa bulchiinsa Tamiil Naadu C Vijayabaskar gocha kana balaalleefataniiru.

    “Wanti oggeessa fayyaa kanarratti raawwatamee nama dheekkamsiisa. Wanti akkana fulduratti raawwachuu hin qabu,” jedhaniiru.

    Ogeessotti namootni waa’ee seera awwaalchaa nama Covid-19’n du’ee baruu qabu jedhu.

    Ministirri fayyaa federaalaa yoo qajeelfama kenname seeraan hordofame namoota koroonaavayirasiin du’an awwaaluun yaaddoo hin qabu jedha.

    Qajeelfamni ba’an kun akkamiin reeffa akka qopheessaniif awwaalaan of keessaa qaba. Akkasuumas sirni awwaalcha kun akkamiin adeemsifamuu akka qabu ni hima. Kana keessa wa’een qaama tuqu keessa hin jiru.

  19. Eegduun pirezedaantii Seraaliyoon Covid-19n qabaman

    Eegduun pirezedaantii Seraaliyoon koronaavaayirasiin irratti argamuun isaa mirkanaa’eera.

    Eegduun Pirezedaant Juuliyees Maadaa dhibee Covid-19n irratti argame kun fayyaa gaarii keessa akka jiran kaleessa galgala himanii ture.

    Dabalataanis miseensonni maatii eegduu kanaas fayyaa kan qaban yoo ta’u hanga ammaatti mallattoon koronaavaayrasii irratti hin mul’anne jedhaniiru.

    Pirezedaant Juuliyees ammoo eegduu isaanii kana waliin walitti dhufeenya waan taasisaniiruuf guyyoota 14f adda of baasu jedhameera.

    Seraaloyoonitti hanga ammaa namoonni 43 koronaavaayirasiin irratti argameera.

  20. Gaazexessaan gameessi CNN Richaard Kuweest Covid-19n qabame

    Ergaa fuula Twitter fi gama TV CNN dabarseen gaazexeessaan beekamaa kun Koroonaavayirasiif qoratamee pozatiiva tahuu dubbateera.

    ''Mallattoo cimaa qabaachuu dhiisuu kootti baayyeen gammada - qufaa duwwaan qaba,'' jedhe.

    Gaazexeessaan yeroo hedduu gabaasota bizinasii irratti xiyyeeffatee hojjechuun beekamu kun, waggootaan dura gara Itoophiyaa imaluunis gabaasa hejjateera.