Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Maanguddoon magaalaa Duukam jiraatan koronaavaayirasiin qabamanii du'ani

Namni sadaffaa Itoophiyaa keessa koronaavaayirasiin qabamanii du’u isaanii Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse. Namni har’a du’an jiraattuu Naannoo Oromiyaa Magaalaa Dukam yeroo ta’an jalqabumaa kutaa kunuunsi addaa taasifamuuf keessa turani jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gaaritti bulaa!

    Tamsaasni keenya har'aa xumurame!

    Gaaritti bulaa!

  2. Liibiyaatti hospitaalli Covid19 haleellaan irra geenyaan cufame, Liibiyaatti hospitaalli Covid19 haleellaan irra geenyaan cufame

    Mootummaan Liibiyaa Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramu hospitaalli magaalaa guddoo Tiriippooliitti argamu irra deddebiin haleelame jennaan cufame jedhe.

    Aanga'onni fayyaa hospitaalli al-kaahaadir garaagarummaa guyyaa muraasa keessatti al sadii haleelame jedhan.

    Warreen mootummaa deeggaran humnoota baha Libiyaa jiran, kan Jeneraal Kaaliif Haaftaariin hogganamantu itti gaafatamummaa gocha kana fudhata jedhan.

    Mootummoota Gamtoomaniitti gargaarsa namoomaa Liibiyaa kan qindeessan Yaaqoob El Hilloon weerara kanarratti haleellaan yoo dabalamu lubbuu namootaa du'aaf saaxila jechuun jalqaba torbee kanaatti akeekkachiisanii turan

    Haleellichas,''sarbama seera mirga namoomaa addunyaa ifatti mu'ate dha,'' jedhan.

    ''Warreen lolarra jiran namoota nagaa vaayirasii mo'achuuf wal'aansoo qabatan ajjeesuu dhiisuu qabu,'' jedhan

    Lollii kun Tiriipooliitti dhiyeenya kana dha kan hammaate.

    Liibiyaan erga pieezidaantishee yeroo dheeraa Mu'aammar Gaadaafiin bara 2011tti du'aniin as lolaafi hokkoraan raafamu itti fuftee jirti..

    Waraanni Biyyaalessaa Liibiyaa hoggansa Jeneraal Haaftaar jala jiru bakkeewwan baha biyyattii baay'inaan kan to'ate yoo tahu wagga tokko dura ture Tiriipoolii irratti kan haleellaa eegale.

    Mootummaa biyyattii dabalatee gareewwan mootummaa waliin hidhata qaban xiyyeeffannoo haleellaa isaati

    Biyyattiin hanga yoonaa namoota vaayirasiin qabaman 19 kan galmeessifte yoo tahe, namoota 400 gaditi qoratame.

  3. Iboolaan deebi'ee Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti mul'ate

  4. Magaalaan Niiw Yoork namoota hedduu bakka tokkotti awwaalaa jirti

  5. Waa'ee Covid-19 haga ammaa maal beekna?

  6. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namni sadaffaa koronaavaayirasiin qabamanii du'ani

    Maanguddoon umrii 65fi jiraattuu magaalaa Dukam kan turan koronaavayirasiin qabamanii du’ani.

    Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa akka ibsanitti maanguddoon kuni jalqabumarraa eegalee kutaa kunuunsi addaa taasifamuuf keessa turani.

    Jalqabarratti dhukkuba biraaf hospitaala seenaniis mallattoon vaayirasii amma addunyaa yaaddesse irratti mul'annaan qorannoon taasifameefi akka qaban barame.

    Dr Liyaan du’a dhaqqabeen gadduu isaanii ibsuun maatiifi firoota isaaniif jajjabina hawwaniiiru.

    Akkaatuma kanaan lakkoofsi namoota Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabamanii du'anii 3 gaheera.

    Namonni lama torban darbe gaafa Dilbataa yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keessa koronaavaayirasiin qabamanii du'uun isaanii ni yaadatama.

    Lamaan keesaa tokko maanguddoo umrii 60 biyya Faransaay intala isaanii bira turanii deebi'an turani.

    Itoophiyaa keessa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 65 kan gahe yoo ta’u isaan keessaa 4 yeroo bayyanatan 3 du’aniiru.

  7. Doktorri meeshaaleen itti of eeggatan akka guutamu gaafataa ture lubbuun darbe

    Ogeessi Ministirri Muummee UK dhimma hanqina meeshaalee ogeessonni fayyaa itti of eeggatan haa guutamu jechuun akeekkachiisaa ture ofii isaa koroonaavaayirasiin qabamee du’e.

    Abduul Maabuud Choowudihaarii ogeessa dhukkuba ujummoo fincaanii (urologist) ture.

    Dr Choowudihaariin nama ganna 53 yoo tahu Baha Landan hospitaala Kuwiinsitti gaafa Roobii kan lubbuun isaa darbe.

    Hospitaala otoo hin ciisiin guyyoota shan dura meeshaaleen ogeessa fayyaaf gargaaran haa guutaman jechuun kadhachaa ture.

    Ilmi nama kanaa,’’abbaan koo gara laafessaafi goota ture,’’ jechuun BBCtti hime.

  8. Beeljiyeem du’a namootaa isa guddaa galmeessifte

    Beeljiyeemitti sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 496 tahan lubbuun darbeera.

    Inni kun guyyoota kaanirra guyyaa duuti baayyee itti galmaa’edha jedhameera.

    Biyyattiitti lakkoofsi waliigalaa namoota du’aniis 3,019 gaheera.

    Biyya lakkoofsa ummataa miiliyoona 11.4 qabduuf lakkoofsi du’a namootaa kun guddaa dha jedhameera.

    Haa tahu malee, namoonni kunneen hospitaala Beeljiyeem keessatti kan du’an osoo hin taane, lafa kunuunsaafi manatti dha.

    Duuti inni dhumaa ji’a darbe ture kan galmaa’e.

    Giirat Meeyfoord pirezidantii Wal’aansa Addaa Hawaasa Beeljiyeemii yoo tahan,’’ lakkoofsi kun kan guddate biyyattiin namoota dhukkubichaan shakkamaniifi qabamuun isaanii mirkanaa’e lakkoofti.

    ‘’Biyyooti kaan garuu kan bu’aan qorannoo isaanii poozatiivii tahe qofa lakkaa’u,’’ jedhan.

    NamooNNi manatti du’aa jira isa duriirra dabaleetu jira jedhan.

    Haalli hospitaalaafi kutaan wal’aansi addaa itti kennamuBeeljiyeem keessa jiru tasgabbaa’aa dha jedhameera

  9. Kanneen koronaavaayirasiirraa fayyan 91 deebi’anii qabamani

    Kooriyaa Kibbaatti namoonni 91 koronaavaayirasiirraa akka bayyanatan yaadame deebi’anii qabamuu qondaaltonni fayyaa biyyattii himan.

    Maaliif lammata koronaavaayirasiin akka qabaman ifa miti jedheera Giddugalli to’annoofi Ittisa Dhukkubaa Kooriyaa (KCDC).

    Daarektarri dhaabbata kanaa Jewong Ewun-kyewong ibsa har’a kennaniin vaayirasichi dhukkubsattoota keessa ‘‘lubbuu horate’’ jedhan.

    Akka isaan jedhanitti lammata waan vaayirasichaan qabaman miti.

    Ogeessonni fayyaa biroo immoo dhukkubsattoonni kunneen durumaa itti hin wayyoofne yookiin immoo qorannoo irratti rakkotu ture jedhu.

    Wanti Kooriyaa Kibbaattii ta’e qalbi namoota heddu harkisuu mala.

    Sababni isaas, akka ogeessonni fayyaa addunyaarra jiran abdatanitti namoonni takkaa vaayirasichaan qabaman vaayirasicharraa humna ofirraa ittisuu horatu.

  10. Kanneen alaa dhufanii Covid-19 irratti argame keessaa %56 Dubaay irraa dhufan, Waliigalatti namoota 65 vaayirasichi irratti argame keessaa 48 seenaa imala biyya alaa qabu.

    Kan har’a akka haaraatti koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa’e sagal dabalatee Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19 irratti argame walumaa galatti namoota 65 qaqqabeera.

    Namoota 65 kanneen keessaa ammoo 48 kan ta’an seenaa imala biyya alaa qabu. Kana jechuun biyya alaatii kan Itoophiyaa seenanidha jechuudha.

    Namoota 48 alaa gara Itoophiyaa galan keessaa ammoo 27n isaanii Dubaay irraa kan dhufan ykn Dubaay keessa kan darbanidha. Kun harka dhibba keessaa yeroo ilaalamu %56 jechuudha.

    Kanaaf ammoo sababiin buufata xiyyaaraa Dubaay guddicha akka ta’e himama.

    Buufanni xiyyaarichaa balali’insa hedduu osoo hin dhaabiin dura addunyaatti baay'ina namoota keessumsiisuun shanaffaadha.

    Gabaasni bara 2017 keessa bahe tokko akka agarsiisutti buufanni xiyyaaraa kun waggaa tokkotti imaltoota miliyoona 88 keessummeessa.

    Dubaay ofii isheetiin hanga ammaatti lammilee 2,990 vaayirasichi irratti argame qabdi.

    Isaan kana keessaa 12 lubbuun isaanii kan darbe yoo ta’u 268 kan ta’an ammoo fayyaniiru.

  11. Keeniyaafi Taanzaaniyaan namoota dabalataa shan irratti Covid-19 argatan

    Ministirri Fayyaa Keeniyaa Mutaahi Kaagiwee namoonni dabalataa 5 vaayirasichaan qabamuu himan.

    Kunis, qorannoo namoota 504 irratti taasifameen akka ta’e ibsaniiru.

    Akkaatuma kanaan lakkoofsi waliigalaa namoota qabamanii 189 gaheera.

    Kanneen bayyanatan 10 immoo bakka addatti tursiifamanirraa har'a bahu jedhame.

    Kanneen Taanzaaniyaatti galmaa’e keessaa lama jiraattota magaalaa Daar es salaami.

    Hanga yoona lakkoofsi waliigalaa namoota koronaavaayirasiin Taanzaaniyaa keessa qabamanii 32 yoo ta’u isaan keessaa 5 bayyanatanii 3 du’aniiru.

  12. Manguddoon ganna 101 koronaavaayirasiirraa bayyanatan

    Oduun tibbana dhageenyu hundi hammeenya. Isa kana dhagahuun garuu namatti tola.

    Manguddoon ganna 101 koroonaavaayirasiin qabamanii turan guutummaan guutuutti dhukkubicharraa waan bayyanataniif hospitaalaa bahaniiru.

    Keet Waatsan biyya UK jiraataa naannoo Woorsistarshaayir yoo tahan jalqaba kufaniitu miila isaanii baqaqasanii wal’aanamuufhospitaala galanbooda garuu vaayirasiin koronaa irratti argame.

    Haati warra mucaasaanii Joo Waatsan,’’miila baqaqfachuun waan tokko, yeroo inni vaayirasichaan qabamu immoo kan caalu dhufa jennee turre, umurii isaaf jabduu isaatu jira,’’ jette

    Joo Waatsan, amma gara lafa kunuunsi isaaniif kennamutti deemaniiru, ‘’isuma waa’ee miila isaa komatuun alatti fayyuma,’’ jette.

    Waa’een manguddoo kanaa miidiyaa hawaasummaa irratti haalaan odeeffamaa jira.

  13. ''Uumaattis nan amana, harkakoos nan dhiqadha''

    Faarfataa Barakat Tasfaayee faarfannaawwan amantaa faarsuun beekama.

    Ammammoo weerara Covid-19n walqabatee faaruu “Ayizoosh Itoophiyaa” jedhu baaseera.

    Faaruu isaa kana keessatti ergaawwan barbaachisoo Covid-19 ittisuuf murteessoo ta’an himamaniiru.

    “Ayizoosh Itoophiyaa! Oduu diinaaf hin kenniin guurakee” jechuun kan faarse Barakat,

    Fageenya eeggadhee dhaabbachuun obboleettii, obboleessakoof; harka koo dhiqachuun biyyakoofi maatiikoof; uumattis nan amana, harkakoos nan dhiqadha.

    Haadhakoofi abbaakoof jecha manaa bahuu dhiisuun “Itoophiyaan waamicha dhiyeessiteetti, loltuu amanamaas ni barbaaddi,” jechuun ergaa isaa dabarfateera afaan Amaariffaan.

  14. Amma nu gahe, Itoophiyaatti dabalataan namoonni sagal vaayirasichaan qabaman argaman

    Ministeerri Fayyaa akka beeksiseetti sa'aatiiwwaan 24 dabran keessa namoota vaayirasichaaf qorataman 442 keessaa, namoota sagal irratti vaayirasichi argameera.

    Kanumaanis biyyattiitti lakkoofsi namootaa vaayirasichaan qabaman gara 65tti ol guddateera.

  15. Itoophiyaatti ashaangulitiiwwanillee maaskii godhachaa jiru

    Finfinneetti daldaltoonni uffataa ashaangulitiiwwan uffata itti kaa'un agarsiisaaf dhiyeessan, maaskii afaaniifi funyaan haguuganiiru.

  16. 'Kun oduu ajaa'iba tahedha', Dhalataan Eertiraa vaayirasicharraa bayyanatee hospitaala keessaa bahe

    Konkolaachisaa Uber kan tahe namni ganna 43 Biiniyaam UK keessa waggoota 15n dabran jiraateera.

    Hospitaalli Ingiliiz keessatti argamu Darent Valley Hospital jedhamu fuula Facebook isaa gubbaa akka barreesseetti Biiniyaam Bitootessa 22 Covid-19n qabamuun gara hospitaalichaa gale.

    Dhukkubichi itti cimuunis ventilatara mekaanikaalaan guyyoota 12f harganaa ture.

    viidiyoo namoonni harka rukutaa jiran agarsiisu gadhiiseera.

    Akka hospitaalli kun jedhetti haalli Biiniyaam fooyya'uun, Kibxata dabre kutaa wallaansa addaa keessaa bahuun, kutaa biraatti dabarfame.

    Achis fayyummaansaa deebi'uun gara maatiisaatti galeera.

    ''Dhukkubsataan hospitaalichaa Covid-19n qabame, bayyanachuun hospitaala keessaa baheera. Hojjettoonnis haalaan harka dhahaafii turan,'' jechuun barreesseera hospitaalichi.

    Hospitaalichi Biiniyaamif dafee akka fooyya'u hawweeraaf.

  17. Kooriyaan Kibbaa sodaan vaayirasichaa jiraatus ‘filannoorraa duuba hin deebi’u’ jette

    Yeroo weerarri koronaavaayirasii yaaddoo addunyaa ta’e kana keessa Kooriyaan Kibbaa filannoo gaggeessuurraa duubatti hin deebi’u jechuun murannoo dimookiraasiif qabdu agarsiisaa jirti.

    Filannoo paarlaamaa Roobii dhufu gaggeeffamuuf jiru dursee filannoo jalqabaa guyyoota lamaaf taasifameen namoonni filannoof bahan hedduudha.

    Namoonni filannoof bahan hunduu ho’i qaama isaanii ni ilaalama, maaskiifi giloovii harka isaaniitti uffachuun isaaniis osoo gara filannootti seenuun sagalee hin kenniin dura murkanaa’a.

    Kooriyaan Kibbaa Jimaata namoota haaraa koronaavaayirasiin irratti argame 27 adda baafatteetti.

    Kun ammoo biyyattii keessatti lakkoofsa namoota dhibeen kun irratti argamee 10,450 akka qaqqabu taasiseera.

    Lakkoofsi namoota du’anii ammoo afuriin dabalee walumaa galatti 208 qaqqabeera.

    Haa ta’u malee, magaalaan Gaheeguu biyyattii keessatti kan giddu-gala weerara dhibee kanaa taate yeoo jalqabaatiif namni koronaavaayirasiin irratti argame hin argamiin ooleera.

  18. Korporeeshinichi kiraa manaa %50 hir’ise

    Koroporeeshiniin Manneen Federaalaa ji’a Ebla irraa kaasee gatii kiraa manaa %50n hir’isuu isaa beeksise.

    Hoji-gaggeessaan Koroporeshinichaa Obbo Rashaad Kamal akka ibsanitti weerara koronaavaayirasii waliin walqabatee Korporeeshinichi manneen daldlaa 18,153 ta’aniifi manneen jireenyaairratti gatii kiraa manaa hir’isuuf murteesseesaa FBCn gabaaseera.

    Kiraan manaa hi’r’achuun kan isaan ilaallatu manneen magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa keessa jiranidha.

    Kan jechuun ammoo Koroporeeshinichi kiraa manaa irraa ji’aan argataa kan ture Birrii miliyoona 120 irraa gara miliyoona 60 gadi bu’a jechuudha.

    Kiraa manaa hir’isuuf murteessuun kan taasifame kun kan jalqaa yoo ta’u dhiibbee weerarri koronaavaayirasii qaqqabsiisu ilaalamee hanga kiraa manaa fudhachuu dhiisuutti murteen fudhatamuu dnda’as jedhan.

    Aanga’oonno mootummaa gurguddoo tibba kana namoonni mana kireessan rakkoo weerara koronaavaayirasiirraa kan ka’een kireeffattootaaf akka hir’isan yoo danda’an ammoo akka dhiisaniif gaafataniiru.

  19. Amma nu gahe, Paarlaamaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa raggaasise

    Manni maree bakka bu’oota Uummataa Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa tatamsa’ina weerara koronaavaayiras to’achuu fi miidhaasaa xiqqeessuf mana maree ministirootaan dhiyeenya bahe raggaasisee jira.

    Walgahiin addaa lammaffaa mana maree bakka bu’oota uummataa sababa dhibee Koronaavaayirasiin paarlaamaa biiyyattii osoo hin taanee galma Waajjira Ministira Mummeetti akka adeemsifamu manni marichaa kaleessa beeksisee ture.

    Dabalataan walgahiin mana marichaa kallattiin akka tamsa’u himamee turullee tamsaasni kallattii hin turre.

    Lakkoofsi namoota Koronaavaayirasiin qabaman Itoophiyaa keessatti dabalaa erga dhufee as naannoleen tarkaanfiiwwan mootummaa federaalaan fudhataman dabalataan naannoleen tarkaanfiiwwan dhuunfaa isaanii fudhachaa turan.

  20. Jarmanitti namoonni koronaavaayirasiin irratti argame 5,000 oliin dabale

    Jarmanitti sa’aatii 24 darbe keessatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 5,323'n dabaleera.

    Kun dabaluun ammoo lakkoofsi namoota biyyattii keessatti koronaavaayirasiin irratti argame 113,525 qaqqabeera.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii biyyattii keessatti erga guyyoota shanan darbaniitii dabalaa jira.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan du’aniis 2,373 qaqqabeera.

    Jarman namoota koronaavaayirasiin irratti argame lakkoofsa hanga kanaa qabaattus namoonni du’an akka biyyoota biroo hedduu miti jedhama.

    Jarman qorannoo bal’aa taasisuufi dhukkubsattoota biyya alaatii fudhattee wallaanuunis baayyee jajamaa jirti.

    Milkaa’ina kana duuba kan jiru imaammata fayyaa biyyattiifi hojii ogeessota fayyaa biyyattiidha.

    Ministirri Fayyaa Jarman Jens Spahn doktoroonniifi narsoonni biyyattii hojii isaanii kanaaf kan isaaniif malu argachuu qabu jedhan.

    Wabii faayinaansii isaanii mirkaneessuuniifi badhaasa isaaniif kennuun barbaachisaadha jechuun rippoorterootatti himan.

    Jarman muuxannoo hojjetoota fayyaa qabdutti fayyadamuu biyya Siwiidin irraa argatte.

    Sa'aatii ogeessonni fayyaa torban tokko keessatti hojjetan 40 irraa gara 48 guddateera biyya Siwiidin keessatti.

    Magaalaa guddoo biyyattii Istookoolmi keessatti hojjettoonni fayyaa kaffalatii duraan isaaniif kaffalamu irratti, Ebla 3 irraa kaasee %220 dabalata argatu.