MM UK Roomaan Abraamovichiin amma kaffali ykn diddu ni himatamta jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee UK Kiir Istaamar abbaa qabeenyee kilabii Cheelsii duraanii Roomaan Abraamovichiin 'namoota waraana Yukireeniin miidhamanniif maallaqa kaffali ykn ni himatamta' jedhan.
Abraamovich bara 2022 keessa yuuroo biliyoona 2.5 kilaba Cheelsii gurguree argate namoota waraana Raashiyaanitti Yukireenitti gaggeessituun miidhaaman gargaaruuf akka oolchu waadaa seenee ture.
Haata’u malee maallaqicha kaffaluurra harkifateera.
Sababa kanaaf maallaqa isaa baankii Biritiish keessatti akka hin sochoone dhorkameera.
Mootummaan UK maallaqni kun gargaarsa namoomaaf akka oolu barbaada, garuu Abraamovich ''midhamtoota waraanaa hundaaf'' akka oolu cimsanii dubbatan– Kana jechuun lammileen Raashiyaas maallaqa kanatti fayyadamu jechuudha.
Dureessi kun qoqqobbii UK jalatti maallaqa kana argachuu hin danda'u garuu maaallaqni gurgurtaa Cheelsiirraa argame ammallee seeraan kan isaati.







