
Madda suuraa, UNICEF
Gabaasni haaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka agarsiisutti godaantota Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu irraa gara Awurooppaatti imaluuf Liibiyaa keessatti darban achitti dirqiin gudeedamuun, dirqiin daldala saalqunnamtiif saaxilamuu, hojii humnaa hamaa fi dararaan irra gahaa jiru.
''Dhiittaan mirga namoomaa gara laafina hin qabnee fi qindaa'aan'' godaantota kana irratti raawwatamaa jiru, cancala daldala namaa seeraan alaa ''yeroo baayyee aanga'oota Liibiyaa waliin hidhata qabaniin'' akka ta'e ibseera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa fi Ergamni Deeggarsa Liibiyaa gabaasa waloo Guraandhala 18, 2026 baaseen gidiraa lammiileen Itoophiyaa Liibiyaa keessa jiran irra gahe bal’inaan ibseera.
Gabaasni kun haala waggoota lamaan darban ture ka ilaale yoo ta'u godaantota Itoophiyaa dabalatee ka Sudaan, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi kaanis walumatti 100 ta'an waliin af-gaaffii gaggeesseera.
Gabaasni kun akka jedhutti godaantotni, koolu galtoonnii fi baqattoonni Liibiyaa galan yeroo baayyee qawween itti aggaamamee “dirqiin hidhaman, butamanii maatii isaanii irraa adda baafamu” jedha. Sana booda gara “bakka tursiisa seerawaafi seeraan alaatti” geeffamu jedha.
Dararaafi dhiittaa mirga namoomaa achitti isaan mudatu keessaa bahuuf maallaqa guddaa kaffaluu jedha gabaasichi.
Daldaltoonni maallaqa argachuuf jecha godaantoota "dirqiin daldala saalqunnamtii, hojii humnaa fi garbummaa mana keessaa" jala akka galchan himeera.
Gabaasni kun yeroo qophaa’utti lammiilee Itoophiyaa dabalatee dubartootaa fi shamarran umuriin isaanii waggaa 17 hanga 43 ta’an 45 waliin gaaffiifi deebii taasiseera.
Gabaasni kun akka jedhutti dubartoonni hundinuu bakka hojii isaaniittis ta'e wiirtuuwwan daldala namaa keessatti "gudeeddii, yaalii gudeeddii fi saalqunnamtii dabalatee jeequmsa saalaa" akka isaan mudate himaniiru.
Lammii Itoophiyaa ganna 19 tokko bara darbe ''reebicha, beelaafi gudeeddii dabalatee miidhaa suukaneessaan'' erga irra ga'ee booda ''kunuunsa fayyaa dhorkamtee'' du'uu ishee gabaasni kun ni mul'isa.
Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kun aangawoonni Liibiyaa namoota akka feeteen wiirtuuwwan tursiisaa seerawaa fi seerawaa hin taane keessatti hidhaman hunda hatattamaan akka gadhiisan kan gaafate yoo ta'u, humnoonni nageenyaa Liibiyaa namoota Liibiyaa irraa gara Awurooppaatti ce'uuf yaalan ''butuu balaafamaa ta'e'' akka dhaabatu gaafateera.