MM Abiy godinalee Wallaggaatti misooma garagaraa daawatan

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) godinalee Wallaggaa deemuun misooma aanaalee godnichaa daawwataniiru. Pirojektiin Misooma Warqee Tulluu Kaappii fi Pirojektii Qeexoo aanaalee godichaa sadiif jijjiirama fida jedhan hojii misoomaa MM Abiy daawwatan keessaati.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. GOOOOL: Wolvis 0 - 1 Arsenaal

    Bukaayoo Saakaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Tapha priimer Liigii torban 27ffaa Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal gara dirree Wolvis deemaa taphataa jiruun, goolii Bukaayoo Saakaa daqiiqaa 5ffaa irratti lakkoofsiseen dursaa jira.

    Wolvis yeroo ammaa sadarkaa dhumaarratti argama.

    Bukaayoo Saakaa miindaa kilabichaaf rikkardii ta'een kontiraata haaraa tibba kana Arsenaal waliin mallatteesse.

    Saakaan sarara cinaa gama mirgaa duraan taphaturraa sarara gidduu bakka yeroo baayyee lakkoofsa 10 jedhamurra taphataa jira.

  2. Pirezidantiin UAE Abu Daabiitti Senaatara US Girahaam waliin wal argan

    Pirezidantiin Yunaayitid Arab Emireetis Sheek Mohaammad Biin Zaayid Al Nahyaan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Yunaayitid Arab Emireetis Sheek Mohaammad Biin Zaayid Al Nahyaan Roobii Abu Daabii keessatti Senaatara US Lindsey Girahaam waliin wal argan.

    Senaatarri US kun fuula X isaaniirratti pirezidantii UAE waliin wal arguu himuun, waa'ee UAE fi hogganaashee ilaalchisee wanti odeeffamaa jiru "oduu sobaati" jechuun qeeqaniiru.

    Jalqaba torban kanaa, pirezidantiin Turkii Xayyiib Erdohaan daawwannaa Abu Daabiitti qabatanii turan dabarsuu hordofee waa'ee fayyaa Sheek Mohaammad Biin Zaayid miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta'ee ture.

    Keessumaa waajirri pirezidantii Turkii fuula X irratti, bulchaan Emireetis "rakkoon fayyaa" isaan mudateera jedhee baasee booda haquun dubbiin kun akka miidiyaa hawaasaarratti babal'atu taasiseera.

    Girahaam X irratti akka barreessanitti, Pirezidanticha waliin sa'aatii tokkoofi walakkaa akka turan kaasuun, "oduu sobaa waa'ee hin baasne Yunaayitid Arab Emiretis fi Pirezidant Sheek Mohaammad Biin Zaayid irratti oofamu" waan fudhatama hin qabnedha.

    Waldhibdeen UAE fi Sa'ud Arabiyaa gidduu jiru Abu Daabii ija shakkiin akka ilaalamtu kan godhe yoo ta'u, keessumaa sagaleewwan miiidyaa hawaasaa Sa'udii Emireetis tasgabbii dhabuu naanoo keessaa harka qabdi jechuun qeequ. Yaadawwan Sa'ud Arabiyaarraa karaa toora interneetiin kennaman yeroo baayyee addatti Sheek Mohaammad irratti xiyyeeffatu.

    Akka miidiyaan WUE WAM gabaasetti, walga'iin Roobii kun Qasr Al Shati keessatti yoo ta'u, maddi oduu UAE kun suuraafi viidiyoo yeroo Sheek Mohaammad Biin, akkasumas aanga'oonni Emiretis olaanoo Senaatara US kana waliin dubbatan agarsisieera.

    WAM akka jedhetti, lachuu waa'ee misoomawwan naannichaafi carraaqqii waloo Baha Giddugaleessaa keessatti nagaa baballisuurratti mariyataniiru.

  3. Sudaanitti haleellaa dirooniin namoonni 50 ol ajjeefamuu UN balaaleffate

    Loltoota konkolaataa gubbaa jiran

    Madda suuraa, AFP

    Sudaanitti haleellaa diroonii gaggeeffameen guyyoota lama keessatti namoonni 50 ol ajjeefamuu Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii balaaleffate.

    Haleellaa diroonii Dilbataafi Wiixata darbe gaggeeffame jedhameen yoo xiqqaate namoonni nagaan 57 du'uu maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Kanneen du'an keessaa 13 ijoollee ta'uu UN waabeffachuun Rooyitars gabaase. Namoonni nagaan heddu kan ajjeefaman haleellaa diroonii guyyoota lamaaf naannolee Sudaan afur keessatti gaggeeffameen ta'uuti ibsame.

    UNtti gaggeessaa mirgoota namoomaa kan ta'an Volkar Tark haleellaan diroonii bu'uuraalee siviliifi namoota nagaa irratti xiyyeeffate balaa hamaa qaqqabsiisuu ibsan.

    Dilbata darbe haleellaa Humni Waraanaa Sudaan Kaaba Kordofaan lafa gabaatti gaggeesse jedhameen namoonni nagaan 28 yoo du'uu ibse UN.

    Wiixata ammoo haleellaa diroonii Lixa Kordofaanitti Humna Waraanaa Sudaanin gaggeeffame jedhameen namoota nagaa 28 du'e akka gabaasa kanaatti.

    Gama biraan ammoo Humni Addaa Sudaan (RSF) Wiixata darbe Kibba Kordofaanitti manneen barnootaa lama irratti haleellaa diroonii gaggeessuu isaa UN beeksise.

  4. lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantotni hedduun Liibiyaa keessatti yakka saal-qunnamtiin miidhaman-UN

    Godaantota biyyoota Afrikaa Liibiyaatti ugguraman

    Madda suuraa, UNICEF

    Gabaasni haaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka agarsiisutti godaantota Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu irraa gara Awurooppaatti imaluuf Liibiyaa keessatti darban achitti dirqiin gudeedamuun, dirqiin daldala saalqunnamtiif saaxilamuu, hojii humnaa hamaa fi dararaan irra gahaa jiru.

    ''Dhiittaan mirga namoomaa gara laafina hin qabnee fi qindaa'aan'' godaantota kana irratti raawwatamaa jiru, cancala daldala namaa seeraan alaa ''yeroo baayyee aanga'oota Liibiyaa waliin hidhata qabaniin'' akka ta'e ibseera.

    Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa fi Ergamni Deeggarsa Liibiyaa gabaasa waloo Guraandhala 18, 2026 baaseen gidiraa lammiileen Itoophiyaa Liibiyaa keessa jiran irra gahe bal’inaan ibseera.

    Gabaasni kun haala waggoota lamaan darban ture ka ilaale yoo ta'u godaantota Itoophiyaa dabalatee ka Sudaan, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi kaanis walumatti 100 ta'an waliin af-gaaffii gaggeesseera.

    Gabaasni kun akka jedhutti godaantotni, koolu galtoonnii fi baqattoonni Liibiyaa galan yeroo baayyee qawween itti aggaamamee “dirqiin hidhaman, butamanii maatii isaanii irraa adda baafamu” jedha. Sana booda gara “bakka tursiisa seerawaafi seeraan alaatti” geeffamu jedha.

    Dararaafi dhiittaa mirga namoomaa achitti isaan mudatu keessaa bahuuf maallaqa guddaa kaffaluu jedha gabaasichi.

    Daldaltoonni maallaqa argachuuf jecha godaantoota "dirqiin daldala saalqunnamtii, hojii humnaa fi garbummaa mana keessaa" jala akka galchan himeera.

    Gabaasni kun yeroo qophaa’utti lammiilee Itoophiyaa dabalatee dubartootaa fi shamarran umuriin isaanii waggaa 17 hanga 43 ta’an 45 waliin gaaffiifi deebii taasiseera.

    Gabaasni kun akka jedhutti dubartoonni hundinuu bakka hojii isaaniittis ta'e wiirtuuwwan daldala namaa keessatti "gudeeddii, yaalii gudeeddii fi saalqunnamtii dabalatee jeequmsa saalaa" akka isaan mudate himaniiru.

    Lammii Itoophiyaa ganna 19 tokko bara darbe ''reebicha, beelaafi gudeeddii dabalatee miidhaa suukaneessaan'' erga irra ga'ee booda ''kunuunsa fayyaa dhorkamtee'' du'uu ishee gabaasni kun ni mul'isa.

    Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kun aangawoonni Liibiyaa namoota akka feeteen wiirtuuwwan tursiisaa seerawaa fi seerawaa hin taane keessatti hidhaman hunda hatattamaan akka gadhiisan kan gaafate yoo ta'u, humnoonni nageenyaa Liibiyaa namoota Liibiyaa irraa gara Awurooppaatti ce'uuf yaalan ''butuu balaafamaa ta'e'' akka dhaabatu gaafateera.

  5. Marii nagaa 'rakkisaan' Raashiyaa fi Yukireen bu'aa malee xumurame

    Russian, American and Ukrainian representatives met in Geneva on Tuesday and Wednesday

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Bakka bu'oota Ameerikaa, Raashiyaa, Yukireen Jenevaa

    Mariin nagaa Raashiyaa, Yukireenii fi US jidduu waraana Mooskoon Yukireenirratti bantetti xumura gochuu kaayyeffate bu'aa malee goolabame.

    Marii gar-sadee, Jenevaatti taa'ame, Kibxata waaree booda eegale Roobii immoo sa'aatii lama qofaaf ture.

    Ergamaan addaa US Istiiv Witkoof marii kanarraa abdii akka qaban ibsanii turanis, Raashiyaa fi Yukireen marii kanarratti "rakkisoo" turan.

    Mooskoo fi Kiyiiv dhimmoota ijoo akka daangaa fi dhimmoota dhukaasa dhaabuu irratti yaadnisaani walirraa fagoo ture.

    Bakka bu'aan Kireemiliin Vilaadimir Medinskii mariin miilanaa sirnaawaa akka ture ibsuun mariin biraa dhiyootti akka jiraatu ibsanii turan.

    Piurezdantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii sababa ejjennoon garee lamaanii addaan fagoo tureef mariin kun "salphaa akka hin taane" dubbatanii turan.

    Bakka bu'aan Yukireen Raastam Yumeeroov dubbii qabbanaawaadhaan marichi "dhama-qabeessaa fi ho'aa" ture jedhan. Jijjiiramnis akka jiru ibsanii turan.

    Mariin kun goolabamuuf yeroo gabaabduu dura Zeleniskiin "Raashiyaa osoo marii duubatti harkisuu baattee sadarkaa dhumaarra ni geenya ture" jechuun dubbatanii turan.

  6. Daawwannaa MM Abiy fi aanga'oonni kaan Qeellam Wallaggaa fi Wallagga lixaatti taasisan suuraan

    MM abiy Ahimad yeroo godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa daawwatanitti uummanni bahee yeroo simatetti

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi aanga'oonni olaanoo federlaalaafi naannoo Oromiyaa misooma godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Wallagga Lixaa daawwataniiru.

    Warshaa Warqee Tulluu Kaappii godina Wallagga Lixaatti argamuufi Pirojektiin misooma Jallisii Weexoo aanaalee godina Qeellam Wallaggaa sadiif jijjiirama fida jedhame pirojektoota aanga'oonni olaanoo kun daawwatan keessaati.

    Daawwannaa isaanii kana suuraan daawwadhaa.

    Misooma muuzii

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    MM abiy Ahimad yeroo godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa daawwatanitti uummanni bahee yeroo simatetti

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    MM abiy Ahimad yeroo godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa daawwatanitti uummanni bahee yeroo simatetti

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    MM abiy Ahimad yeroo godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa daawwatanitti uummanni bahee yeroo simatetti

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    MM abiy Ahimad yeroo godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa daawwatanitti uummanni bahee yeroo simatetti

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    MM abiy Ahimad yeroo godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa daawwatanitti

    Madda suuraa, MM Abiy ahimad

    MM abiy Ahimad yeroo godinaalee Qeellama Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa daawwatanitti

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

  7. Somaalilaand haasaa pirezidaantiin Turkii Finfinneetti taasisan fudhatama hin qabu jechuun mormite

    Pirezidaantii Somaalilaand

    Madda suuraa, Somaliland Presidential Office

    Somaalilaand haasaa pirezidaantiin Turkii Raasip Xaayib Erdogaan kaleessa Finfinneetti taasisan "fudhatama kan hin qabne" jechuun mormite.

    Pirezidaant Erdogaan kaleessa yeroo haasaa taasisan, Israa'el Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuun fudhatama akka hin qabneefi Itoophiyaanillee Somaalilaandiif beekamtii kennuu hin qabdu jedhanii turan.

    Somaalilaand garuu haasaan Pirezidaant Erdogaan "fudhatama kan hin qabneefi walitti dhufeenya Somaalilaand michoota naannoo waliin qabdu kan jeequdha" jette.

    Beekamtii biyyummaa Israa'el Somaalilaandiif kennite kan balaaleffatan Erdogaan, Somaalilaandifis ta'ee Gaanfa Afrikaaf homaa fayidaa akka hin qabne ibsanii ture.

    Somaalilaand ammoo "biyyoonni Gaanfa Afrikaa jiran tarsiimoo alaa isaanii ilaalchisee murtee kennuu kan qabu mootummoota naanicha keessa jiraanifi uummata isanii ta'uu qaba" jechuun deebii kennite.

    Dabaluunis, "humnoonni alaa naannicha keessa harka galfachuun nagaafi tasgabbii jeequu hin qaban," jechuun Somaalilaand ibsa baaste.

    Itoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf Pirezidaant Erdogaan kaleessa Finfinnee yeroo galan MM Abiy waliin ibsa waloon yeroo kennan, "Itoophiyaan walabummaafi tokkummaa daangaa biyyootaa ni kabajji" jedhanii ture.

  8. MM Abiy warshaa omisha Warqee Tulluu Kaappii daawwatan

    MM Abiy warshaa omisha Warqee Tulluu Kaappii daawwatan

    Madda suuraa, Abiy

    MM Abiy Ahimed fi qondaalonni mootummaa olaanoon piroojektii warshaa Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaatt argamu daawwatan.

    Dawwannicha irratti MM Abiy qabeenya uumamaa akkamiin fayidaa biyyaafi uummataaf oolchuun akka danda'amu warshaan kun fakkeenya guddaadha jedhan.

    Piroojektiin godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjiitti argamu kun walta'insa mootummaafi invastaroota dhuunfaatiin hojjetamaa jiraachuus eeran.

    Piroojektin omisha warqee kun faayidaa dinagdee malee barnootaa, misooma daandii, dhaabbilee fayyaafi ijaarsa manneen jireenyaaf shoora kan qabu ta'uu ibsan.

    ''Piroojektichi hawaasa naannichaa caalaatti misoomaa hedduuf kakaasuudhaan gahee olaanaa akka qabaatu dawwanna keenyan hubanneerra," jedhan MM

    Warshaa warqee kun waggaatti warqee KG kuma 4fi 386 omishuu akka danda'us eerameera.

    Godina Wallagga Lixaatti ‎warshaan omisha Warqee Tulluu Kaappii kaappitaala Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 300fi miiliyoona 30 ta'uun hojii eegaluun ibsameera.

    MM Abiy warshaa omisha Warqee Tulluu Kaappii daawwatan

    Madda suuraa, Abiy

  9. MM Abiy fi qondaalonni olaanoo mootummaa biroo Qeellam Wallaggaafi Wallagga Lixaa daawwataa jiru

    Dawwanna MM Qeellam Wallaggatti

    Madda suuraa, Abiy

    Ibsa waa'ee suuraa, Dawwanna MM Qeellam Wallaggatti

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi qondaalotni mootummaa kaan Qeellam Wallaggaafi Wallagga Lixaa bakka kanaan dura hidhattootni keessa socho'u jedhamee amanamutti daawwannaa taasisaa jiru.

    Anga'ootni mootummaa kunnen hojiiwwan qonnaa misooma jallisii fi kanneen biroo daawwataniiru.

    MM Abiy Misooma jallisii aadaatti fayyadamuu fi qabeenya dhihoo jiru faayidaarra oolchuun bu'aa qonnaa fooyyee qabu umuuf caalatti hojjatamuu akka qabu himan.

    Dabalataan bu'uuraaleen misoomaa akka daandii qonnaan bultoonni omisha isaanii karaa salphaa ta'een gabaaf akka dhiyeessan carraa uumu himan.

    Tattaaffiin misoomaa fedhii fi dandeettii hawaasa naannawichaa waliin yoo wal simu bu'aa argamuu danda'u guddaa ta'ulleeakeekan.

  10. Mariin nagaa Yukireen 'haala gaariin deemaa jira' - US

    Istiiv Wiitkoof

    Madda suuraa, Getty Images

    Ergamaan addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof mariin waraana dhaabuu Yukireeniifi Raashiyaa ''haala gaariin adeemaa jira,'' qaamoti lameen marii guyyaa lammataa Jiniivaatti itti fufuuf qophii xumuranii jiru jedhe

    Haatahu malee, maricharraa bu'aan guddaan argamu gad-aanaa tahuu hime.

    Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zelenskii ''pireezidantiin Ameerikaa biyyisaa ejjennoo akka jijjiirtu gaafachuun haqa miti, ''yoo mo'ichi Raashiyaaf kenname nagaan hin dhufu,'' jedhe.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp dhihoo kana mariin Siwiizarlaand akka milkaa'u gochuun dhimma Yukireen jechuun maqaa Raashiyaa otoo hin dhiin dubbatan.

    Raashiyaan daangaa Yukireen irratti fedhii qabdurraa hin sochoone.

    ''Tattaaffiin Pireezidant Tiraamp biyyoota kunneen walitti dhiyeessuuf godhan jijjiirama gaarii fidaa jira, du'a hamaa lola kanaan mudachaa jiru hambisuuf bulchiinsa isaa jalatti hojjechaa jirra,'' jechuun Wiitkoof X irratti barreesse.

    Zelenskiin irra deddeebiin biyyi isaanii fedhiishee akka dhiistu gaafatamaa jirti jedhan.

  11. Iraan dhimma nukilaaraa ilaalchisuun "wantota ijoo ta'anirratti" Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuu beeksifte

    Minisira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan dhimma nukilaraa ilaalchisuun "wantota ijoo ta'anirratti" Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuu beeksifte.

    Biyyoonni lamaan Jenevaatti marii al-kallattiin erga taasisaniin booda ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii akka jedhetti, "dhimmoota ijoo" nukilaraa ilaalchisee waliigalteerra gahameera.

    Ameerikaanis "marii kanaratti fooyya'insi mul'ateera" jechuun ibsiteetti.

    Ministirri dhimma alaa biyya jaarsummaan biyyoota lamaan walitti fiddee Omaan, Baadir Albusaadii, "galma waloo adda baasuufi dhimmoota teekinikaa waan ilaalaturratti mariin kun fooyya'insa argmsiiseera," jedhe.

    Mootummaan Iraan mormitootarratti tarkaanfii fudhachuu hordofee Ameerikaan tarkaanfii waraanaa fudhachuuf doorsisaa turteetti.

    Ameerikaa fi michoonnishee Awurooppaa iraan meeshaa waraanaa nukilaraa ijaruuf jetti jedhanillee Teehiraan irra deddeebiin waakkatteetti.

    Dhimmoota Ameerikaa fi Iraan waliigaluuf irratti mariyatan keessaa tokko dhimma nukilaraati.

    Aanga'aan Ameerikaa tokko, "fooyya'insi jiraatulleen qabxiiwwan bal'aa hedduun ammallee irratti mariyannu jiru.

    Qabxiiwwan irratti garaagara taanu ilaalchisee Iraanonni torban laman itti aanan keessatti yaada furmaataa fidanii akka dhufan ibsaniiru," jechuun waa'ee marii kanaa ilaalchisuun BBCtti himaniiru.

  12. Tiraamp dhiibbaa guddaa anarratti gochaa jira - Zeleniskii

    Zeleniskiifi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waraana waggoota afuriif Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessitu dhaabuudhaaf fala barbaaduu keessatti mariin akka milkaa'u gochuu kan dandeessu Kiiv jechuun dhiibbaa guddaa irraan gahaa jiraachuu himte.

    Zeleniskiin gaaffiifi deebii marsariitii US Axios waiin taasiserratti daangaan Yukireen gama bahaan jiru Doonbaask Raashiyaan qabattee jirtuufi Yukireen akka gadhiistu barbaadamu keessatti osoo rifereendamiin gaggeeffamee lammileen Yukireen hin fudhatan jedhe.

    Marii nagaa gaggeeffamaa jiru keessatti Tiraamp Yukireeniinirratti qofa dhiibbaa taasisun "sirrii miti" jechuun Raashiyaarratti ammoo dhiibbaa gochaa akka hin jiree kaase.

    Mariin nagaa waraanaa Yukireen-Raashiyaa kana dhaabsisuuf taasifamu yeroo ammaa Jineevaa keessatti gaggeeffamaa jira.

    Tiraamp kanaan dura si'a lama mariin nagaa kun akka milkaa'uuf Yukireeniifi Zeleniskiin itti gaafatamummaa qabu jechuun dubbateera.