Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan Ulaa Hormuuz deebistee cufte, doonii boba’aas haleelte

Uggurri humna galaanaa UStiin buufataalee doonii Iraanirra kaa'ame itti fufuu hordofe Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufuu beeksise.

Guduunfaa

  • Ayaatolaa Mojtaabaa Kameenii ergaa haaraa dhaaman
  • Itoorikaa: Sirbi Teedii Afrooo haaraa baasee maaliif falmii kaase?
  • Iraan Ulaa Hormuuz irratti doonii boba'aa haleelte
  • Iraan daangaa qilleensaashee gariin deebiftee bante - miidiyaa Iraan
  • Ulaa Hormuuz ilaalchisee waantoota haaraa jiran
  • Iraan US buufataalee doonii Iraanitti balbala cufuu hin dhaabdu taanan Ulaa Hormuuz deebiseen cufa jechuun akeekkachiiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan akka nu sossobdu hin hayyamnuuf- Tiraamp

    Gama Iraanii har'a jijjiirama baay'etu mul'ate. Ulaa Hormuuz cufuu qofa osoo hin taane ulicha hanga waraanni xumuramutti to'achuuf murteessuu beeksisfte.

    Tiraamp ammoo gowwoomsaa Iraan hin barbaannu jedhe. Haa ta'u garuu USfi Iraan gidduutti "waliin dubbiin haalaa gaariin deemaa jira" jedhe.

    Iraan biyya waggaa 47 mootummaan tokkoon gaggeeffamte waan taateef "xiqqoo nama gowwoomsuu yaalu" jechuun kana akka hin hayyamne ibse.

    Dabaluunis, gaggeessitoonni Iraan Ulaa Hormuux cufuu akka barbaadan dubbachuun, "akka nu gowwoomsitu hin hayyamnu" jedhe ibsa Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf kenneen.

    US ijjannoo cimaa akka qabdu dubbachuun "dhuma guyyaa kanaatti odeeffannoon haaraan ni jiraata" jechuun ibsa bal'aa osoo hin kennin dhiise.

  2. Hanga waraanni xumuramutti Iraan Ulaa Hormuuz to'attee akka turtu beeksiste

    Waraanni hanga xumuramutti Ulaa Hormuuz to'attee akka turtu Iraan beeksifte.

    Qaama nageenyaa olaanaa Iraan kan ta'e, Manni Maree Nageenyaa Iraan Ulaan Hormuuz to'annaa Iraan jala akka turu murteesse.

    Waraanni Iraan hanga xumuramuufi naannichatti nagaa waraan hanga mirkanaa'utti Tehraan yeroo hin murtoofneef Ulaa Hormuuz to'attee akka turtu manni maree kun ibse.

    Dooniwwan karaa Ulaa Hormuuz darban Iraaniif qaraxa kaffaluun alatti to'annoofi hordoffiin kan irratti taasifamu ta'uus beeksifte Iraan.

    Iraan Ulaa Hormuuz kaleessa banuu beeksistus, har'a ammoo deebistee cufteetti.

    Dooniwwan karaa ulaa kanaa darban lamas har'a haleellaan irratti gaggeeffamuu miidiyaalen gabaasan.

  3. Ayaatolaa Mojtaabaa Kameenii ergaa haaraa dhaaman

    Gaggeessaa Olaanaan Iraan haaran, Ayatolaa Mojtaabaa Kameenii, ergaa haaraa dhaaman. Mojtaabaa Kameenii ergaa barreeffamaan miidiyaalee Iraan irratti dhiyaaten, qaamolee "diinota" jedhanii ibsan akeekkachiisaniiru.

    Ergaa isaanii haaraa keessatti waa'ee Ulaa Hormuuzifi marii US waliin godhamuu homaa hin dubbanne.

    "Guyyaa Humna Waraanaa" biyyattii ilaalchisuun ergaa kan dhaaman yoo ta'u, waa'ee Ulaa Hormuuz har'a deebi'ee cufamee homaa hin dubbanne.

    Haa ta'u garuu, ibsa isaanii keessatti waa'ee humna galaanaa Iraan kaasaniiru.

    "Humni galaanaa Iraan diinota keenya mo'amuun bifa haaraan akka dhandhaman itti agarsiisuf qophiidha" jedhan. Haa ta'u garuu dhimma kanarratti ibsa bal'aa hin kennine.

    Ayaatolaa Alii Kameenii haleellaa Isra'eliifi UStiin erga ajjeefamanii booda, ilmisaanii Mojtaabaan gaggeessaa Olaanaa Iraan haaraa ta'anii muudamanis uummatatti bahanii mul'atanii hin beekan.

    Yeroo garaa garaatti garuu ergaan isaanii barreeffamaan TV biyyaaleessaa Iraaniin ni dubbifama.

    Mojtaabaa Kameenii haleellaa irratti gaggeeffameen miidhaan irra gahuufi kanaaf uummatatti bahanii akka hin mul'annetu himama.

  4. Amma nu gahe, Iraan Ulaa Hormuuz irratti doonii boba'aa haleelte

    Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufuu akkuma beeksisteen taankarii boba'aa Ulaa Hormuuz irratti haleelte.

    Dhaabbanni Daldalaa Maritaayimii UK akka beeksisetti, bidiruuwwan humna galaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan lama Ulaa Hormuuz irratti taankarii boba'aa haleelan.

    Kuni kan ta'e Ulaa Hormuuz naannoo qarqara Omaanitti ta'uu dhaabbanni UK kun beeksise.

    Dabauunis hojjatoonni doonichaarra miidhan homaatuu akka hin geenye ibse.

    Maddi oduu Rooyitars ammoo dooniwwan daldalaa lama osoo Ulaa Hormuuz qaxxaamuraa jiranii humnoota Iraanin dhukaasi irratti banamuu gabaase.

    Iraan kaleessa ulaa kana guutummaan banuu beeksistus, sa'aatii 24 osoo hin guutin deebistee cufte.

    Sababni isheen dhiyeessite ammoo humni galaanaa US dooniiwwan daldalaa buufatawwan doonii Iraan seenanii akka hin baane uggura kaa'ee ture kaasuu diduudha.

  5. Iraan Ulaa Hormuuz deebitee cufuun dubbii Tiraamp "yeroo dhiyootti waliigalteerra geenya" jedhe shakkii keessa kan galchuudha

    Ulaa Hormuuziin wal-qabatee waan deemaa jiru qabatamaan kana jechuun rakkisaa ta'eera. Iraan kaleessa ulicha guutummaan banuu beeksistee har'ammoo deebistee guutummaan cufe jette.

    Sababni isheen dhiyeessite ammoo US buufataalee Iraan dooniwwan daldalaa akka hin galleefi hin baane ugguruu hin dhaabne kan jedhuudha.

    Ameerikaan waan isheerraa eegamu hin goone kan jedhu sababa Iraan dhiyeessitu kan biraati. Hanga US uggura buufataalee doonii Iraanirra keessa kaastutti, Iraanis sochii daldalaa Hormuuzitti taasifamu akkuma yeroo waraanni gaggeeffamuutti akka cuftu har'a ibsiteetti.

    Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufuu erga beeksiftee hanga ammaa Waayit Haawus irraa waanti dhagahame hin jiru.

    Gama biraan ammoo Tiraamp waraanni Iraan yeroo gabaabduu keessatti akka dhumu irra deddeebiin waadaa seenaa jira.

    Iraan yuraaniyeemii gabbiste dabarsitee kennuu dabalatee waan US gaafatte hundumaa tole jettee akka jirtuufi yeroo dhiyootti waliigalteerra akka gahamu akkasumas mariin biyyoota lamaan gidduutti guyyoota muraasa keessatti akka gaggeefamu ibse.

    Iraan garuu dubbiin Tiraamp dhara ta'uu ibsite.

  6. Amma nu gahe, Iraan Ulaa Hormuuz deebistee cufte

    Iraan Ulaa Hormuuz cufuu beeksifte. Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, humni waraanaa Iraan sochii Ulaa Hormuuz to'achuu eegaleera.

    Humnoonni Eedota Warraaqsa Islaamaa sochii Ulaa Hormuuz haala yeroo waraanni tureetti akka deebi'uuf cufuu eegaluusaa Fars News Agency dabalatee miidiyaalen biyyattii heddu gabaasan.

    Iraan kaleessa Ulaan Hormuuz guutummaan banuu beeksisuu hordofee dooniwwan daldalaa hammi tokko achirra darbuu eegaluu gabaafamee ture.

    Haa ta'u garuu US dooniwwan daldalaa buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi achii akka hin baane uggura keesse hin kaasse hin kaasne.

    US uggura kana hin kaastu taanan, Ulaan Hormuuz deebi'ee akka cufamu afa yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Baghaar har'a ibsanii turan.

    Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa ibsa baaseen, US hojii "wanbadeewwan galaanarraa hojjataa jirti" jedhe.

  7. Iraan daangaa qilleensaashee gariin deebiftee bante - miidiyaa Iraan

    Daangaan qilleensaa Iraan walakkaadhaan balallii idil-addunyaaf banamuu miidiyaan mootummaa Iraan IRNA gabaase..

    Abbaan taayitaa siivil aviyeeshinii biyyattii daangaan qilleensaa biyyattii fi buufataaleen xiyyaaraa sa'aatii biyyattii ganama sa'aatii 01:00 irraa kaasee banamuu hubachiise.

    Har'arraa kaasee balalliiwwan dhawaata bakkatti ni deebi'u, jedha gabaasni IRNA.

    Toorri balalliiwwanii gama baha biyyattii balalliiwwan idil-addunyaatiif banameera jedhe miidiyaan biyyattii kun.

    Daangaan qilleensaa Iraan Guraandhala 28, guyyaa US fi Israa'el haleellaa Iraanirratti bananii kaasee cufamee ture.

  8. Ulaa Hormuuz ilaalchisee waantoota haaraa jiran

    Iraan kaleessa Ulaa Hormuuz guutummaan banuu hordofee gaggeessitoonni addunyaa waan jedhan:

    Tiraamp - Waa'ee Iraan ilaalchisee Bahi Giddugaleessaa "haala gaariin deemaa waan jiru fakkaata" jedhe Tiraamp. Mariin USfi Iraan sambattan kan akka itti fufuu danda'u ibsuun "oduu gaaritu jira" erga jedhee booda maal akka ta'e "amma hin dubbadhu" jedhe.

    Kaleessa Tiraamp, fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti "Iraan waliin 100% hanga waliigallutti" humni galaanaa US Ulaa dooniwwan daldalaa buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi hin baane cufuu akka itti fufu ibsee ture.

    Afa yaa'ii paarlaamaa Iraan - Gama biraan ammoo afa yaa'ii paarlaamaa Iraan kan ta'an Mohaammad Bagheer Gaalibaaf dubbii Tiraamp "US waraanicha mo'atteetti" jedhee dubbate "soba adiidha" jechuun waa'ee Ulaa Hormuuz ilaalchisee akeekkachisa cimaa kennan.

    US Iraanitti balbala daldalaa cufuu hin dhaabdu taanan, Iraan deebistee Ulaaa Hormuuz "cufuu dandeessi" jechuun akeekkachiisan.

    Gaggeessitoota Awurooppaa - Kaleessa Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroonifi MM UK Kiir Istaarmar akkaataa Ulaan Hormuuz banaa ta'ee itti fufu irratti gaggeessitoota biyyoota 40 waliin karaa onlaayinii mariyatanii turan.

    UKfi Faransaayi waliin ta'uun imalli daldalaa Ulaa Hormuuz akka hin danqamneef ergama idiladdunyaa akka dursan Istaarmar ibsan.

    Kunis haala mijataa irratti hundaa'uun bifa naga qabeessa ta'eefi ittisaa qofaan yeroo dhiyootti hojiirra ooluu akka eegalu ibsan.

    Pirezidaantii Chaayinaa - Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing Iraan Ulaa Hormuuz banuusheetti akka gammadan Tiraamp beeksise.

    Dabaluunis, daawwannaan gara Chaayinaatti taasisuun Shii Jiin Piing wajjin wal-arguu Caamsaa 14-15 akka taasifamu ibsuun, "daawwannaa addaafi seena qabeessa ta'a" jedhe.

  9. Iraan Ulaa Hormuuz deebistee akka cuftu akeekkachiiste

    Iraan kaleessa Ulaan Hormuuz guutummaatti banamuu beeksistee turte. Har'ammoo deebistee akka cuftu akeekkachiiste.

    Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa Iraanifi marii US waliin taasifame kan gaggeessan Mohaammad Baaghar Gaalibaaf, US dooniwwan daldalaa buufataalee Iraan akka seenaniifi bahan ugguruu hin dhiistu taanan Ulaa Hormuuz deebisnee cufna jedhan.

    Mariin USfi Iraan gidduutti torbee darbe Paakistaanitti gaggeeffame milkaa'uu dhabuu hordofee US dooniwwan daldalaa kamiyyuu buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi hin baane uggurtee turte.

    Libaanositti dhukaasi dhaabbachuu booda Iraan Ulaan Hormuuz guutummaatti akka banamu gochuu ibsitus, US Ulaa Hormuuz Iraanitti akkuma cuftetti jirti.

    Gama biraan ammoo mariin Iraan waliin gaggeeffamu sambattan kana akka itti fufu Tiraamp ibsuun, waraanni Iraan yeroo gabaabduu keessatti akka dhumus ibseera.

    Waa'ee Ulaa Hormuuz odeeffannoo dabalataaf:

  10. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo kan har'aa eegalleera.

    Iraan US dooniwwan daldalaa buufatashee akka hin seennefi hin baane dhorkuu hin dhaabdu taanan Ulaa Hormuuz deebistee cufuu akka dandeessu ibsite.

    Odeessawwan waktawaa jala buunee isin biraan geenyaa nu hordofaa!

    Guyyaa gaarii qabaadhaa!