Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Israa'el gosoota Gaazaa keessatti Hamaas mormu jedhan hidhachiisaa akka jirtu mirkaneessan.
Yaadni Netaaniyaahun kun kan dhagahame erga miidiyaaleen Israa'el maddoota ittisaa wabeeffachuun ministirri mummichaa garee kibba Gaazaa keessatti argamu tokkoof meeshaa waraanaa akka kennamuuf hayyaman jechuun gabaasaniin boodadha.
Namoonni siyaasaa Israa'el hedduun garuu nageenya Israa'el balaadhaaf saaxilu jechuun Netaaniyaahuun himataniiru.
Netaaniyaahuun viidiyoo gabaabaa tiwiitara isaanii irratti baasaniin "Kana raawwachuun rakkoo maalii qaba?" dubbatan. "Lubbuu loltoota Israa'el kan baraarudha" jechuun, itti fufanii, " beeksisuun isaa ammoo Hamaas qofa gargaara" jedhan.
MM Israa'elis kana kan dubbatan, gabaasa Israa'el hayyama isaatiin gosa Gaazaa keessa jiruuf kan nama maqaansaa Yaasiir Abuu Shaabaab jedhamuun durfamuuf meeshaa waraanaa dhiyeessaa turte jedhu eeruudhaan.
Garee namoonni muraasni akka milishaa ykn garee yakkamtootaatti ilaalan kun akka humna mormituu Hamaasitti of dhiheessee jira.
Kaayyoon isaa konkolaattota fe'umsaa gargaarsa gara Gaazaatti fidan eeguu akka ta'e kan dubbatu yoo ta'u, qeeqxonni garuu faallaa kanaa hojjechachuun saamaa jira jedhu.
Yaadni kun Beeniyaamin Netaaniyaahuun kan tuffatame ta'uu danda'a, garuu gara salphina siyaasaa haaraa hamaa ta'etti guddachuu danda'a.
Maddeen ittisaa Israa'el, himannaan kanaan dura nama siyaasaa mormituu Israa'el, Avigdor Liibermaan dhiheessanii ture sirrii ta'uusaa gaazexeessitoota biyya keessaaf mirkaneessaniiru.
Dursaan paartii mormiituu, Yisraa'el Beetee'inuu jedhamu kunis kanaan dura midiyaa motummaa Kaan jedhamuutti akka himaniitti, Neetaaniyaahun qofaasaa meeshaaleen waraanaa gosa Abuu Shaabaab jedhamuuf akka dabarfamu mirkaneessaniiru jedhanii ture.
''Mootummaan Israa'el garee yakkamtootaafi saamtootaa kanneen garee Islaamummaa waliin adda baafamaniif meeshaa waraanaa kennaa jira,'' jedhan Liiberman.
"Akka ani beekutti, kun kaabineedhaan akka raggaasifamuuf adeemsa keessa hin darbine," jechuun dabalanii dubbatan.
Itti aansuudhaan, maddeen ittisaa Israa'el qawwee Kalaashnikov kanneen Hamaas irraa hiikchiifame dabalatee gosa Abu Shaabaab hidhachiisaa akka turte mirkaneessan.
Gosti kunis naannoo Raafaa kan to'annoo waraana Israa'el jala jiru keessa socho'aa kan tureera.
Haata'u malee, Yaasir Abu Shaabaab ammoo, Israa'el gareesaaf meeshaa waraanaa dhiyeessite jedhamu "cimsee waakkachuun" toora interneetii irratti maxxanse.
"Meeshaan waraanaa keenya salphaa, yeroonisaa ka irra darbee fi kan deeggarsa ummata keenyaatiin argameedha," jedhan.