Arnee isloot erga Nootingihaamiin 3-0 mo’amanii akkas jedhan.
"Daqiiqota jalqabaa 30 taphattoonni koo waanuman irraa eegaa ture hojjetaniiru.
Humna guddaan taphatanii carraa dursanii galchii lakkoofsisuu uumanii ture.
Galchiin Nootingihaam Foorest jalqabaa haalicha guutummaan jijjiire.
Haala taphichaa jijjiiruuf yaaleen ture.
Taphattootas jijjiiree yaaleera. Garuu naaf hin milkoofne. Yeroo hundumaa kun itti gaafatamummaakooti jedhan Arne Isloot.
Ofitti amanamummaan kee gadi bu’aa jiraa jedhamanii yoo gaafataman: ‘’Miirri kun natti hin dhagahamu. Erga 1-0 nu dursanii booda baay’ee rakkanne.
Boqonnaan booda haala gaariin akka jalqabnuuf odeeffannoo barbaachisaa kenneefiin ture.
Akkuma dirree galleen 2-0 nu dursuu jalqaban. Taphattoonni waan danda’an hundaa yaalaniiru.
Isaaniin hin komadhu. Kubba gara galchiitti yaalle hundaa ofirraa qolachaa turan.
Furmaanni isaa waan fagoo jiru miti. Carraa baay’ee uumneerra. Waanuma carraa kudhan fa’aa isaaniif kennine miti.
Garuu amma yerootti of ilaaluu qabnuufi fuulduratti maal gochuu qabna jennee madaalludha. Yeroo galchii nurratti dursee lakkaa’amu maal gochuu qabna kan jedhu irratti hojjenna.
Tapha lama irratti walitti aansinee galchii hin lakkoofsifne jedhan.
Miirri taphattoota isaanii amma gadi aanaa tahuu kan himan Isloot taphni Shaampiyoonsi Liigii dhufaa waan jiruuf of haaromsuun qophaa’uu qabu jedhan.
Waan addaa yeroo baay’ee tapha akka kanaa Aanfiildi irratti 3-0 mo’amnee hin beeknu kan jedhan Isloot deeggartoonni isin faarsaa turan jedhee isaan jajjabeessera jedhan.
Deeggartoonni hedduu garuu osoo taphni hin dhumiin dirree keessaa bahan.