Tokko isa ammaa kanadha. Garuu taphni kun diraamaan kan guute taha. Anaaf Mikeel tapha of eeggannoo qabu filanna. Garuu maraatuu mana lixe akka tahu nan hubadha.
Kana gurrumakoofuu
dhagahuun natti ulfaata kan jedhe Isloot, taphattoota ciccimoo qabna.
Dandeenttii isaanii akka baasanii kennan haala mijataa uumuun hojiikooti.
Isa kana ammo har’a
gochuu hin dandeenye. Yaaleen ture. Waan bara darbe naaf hojjete tapha kana
irratti na dide. Itti gaafatamummaan isaa kan kooti jechuun ibse.
Taphoota Piriimer
Liigii torba keessaa jaha mo’amaniiru. Kun haga kana dura taphoota 53 irratti
mo’aman waliin wal qixa.
Paawondii miliyoona
450 kan baase Liiverpuul inumaayyuu morkattoota isaanii akka Maanchister Siitii
fi Arsenaal irra akka malee jabaachuuf turan.
Garuu ammatti hin
taane. Liiverpuul meeqaffaan xumura jettu?
Viiktar Giyookeres miidhama isa mudateen hin taphatu. Maartineelii, Maduweekee fi Odeegaard akkasuma miidhamarra jiru. Garuu yoom deebi’u kan jedhu irratti hin dubbanne.
Garuu amma yerootti of ilaaluu qabnuufi fuulduratti maal gochuu qabna jennee madaalludha. Yeroo galchii nurratti dursee lakkaa’amu maal gochuu qabna kan jedhu irratti hojjenna.
Tapha lama irratti walitti aansinee galchii hin lakkoofsifne jedhan.
Miirri taphattoota isaanii amma gadi aanaa tahuu kan himan Isloot taphni Shaampiyoonsi Liigii dhufaa waan jiruuf of haaromsuun qophaa’uu qabu jedhan.