Adi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) marii biyyaalessaa
Itoophiyaan gaggeessuuf jettu keessaa of baasuu ibse.
MM Abiy Ahimed bara 2018 aangoo qabachuu hordofee gara biyyaatti kan gale ONLF, fuula X [Tiwiiterii] irratti ibsa maxxanseen, marii Biyyalessaa Itoophiyaan gaggeesuuf jettu iftoomina hin qabu jedhe.
''Jalqabarratti marichi iftoomina akka qabaatuu fi hundumaa
kan hammatu tahuuf waadaa galamee ture.
''Paartiin biyya bulchaa jiru dhiyeenya naannoo Somaalee
keessaa ofuma isaatiin namoota maricha irratti hirmaataan filaa ture.
Kana gochuun waliigaltee paartilee waliin taasise cabsuun
sagalee uummata bal’aa bakka bu’u moggaatti dhiiseera,’’ jechuun sababa maricha
keessaa itti bahuuf jedhu ibse.
Kun kaayyoo Marii Biyyaalessaa kan faallessudha kan jedhe
ONLF, Sababoota wal dhabdee biyyicha keessaa hundeerraa furuudhaaf qaamoleen
dhimmichi isaan ilaallatu hundinuu hammatamuu qabu ture jedhe.
Dabalataan qaamoleen siyaasaa murteessoo tahan naannoo
Oromiyaa, Amaaraa fi Tigiraay irraa hin hammatamne jedhe, naannolee kanneen keessatti
ammayyuu wal dhabdeen akka jiru eeruun.
Mariin amma yaadame [Mariin Biyyaalessaa] gar-tokkee fi
kaayyoo nagaa buusuu yaadame kan galmaan ga’u miti jedhe.
ONLF ammas marii iftoomina qabuu fi hunda hamate irratti
hirmaachuuf qophii akka tahe ibsuun, hanga kun hin taaneetti garuu maricha keessaa of
baasuu ibse.
Itoophiyaan wal dhabdee biyyicha keessatti walitti fufinsaan
mudatu furuudhaaf Marii Biyyaalessaa qopheessuu erga jalqabdee bubbuleera. Garuu
ammayyuu mariichi qabatamaadhaan hin eegaliin jira.
ONLF qofa osoo hin taanes, dhaabbileen siyaasaa Oromiyaa keessa socho’an ABO fi
KFOnis maricha keessaa of baasaniiru.
Qaamoleen hidhatanii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa
socho’anis marii kana keessatti hin hammatamne.