Neetanyahuun namoonni butaman 'guyyoota dhufan keessa' gadhiifamu jedheen abdadha jedhan

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp erga Hamaas namoota uggure gadhiisuuf waliigalee booda Israa'el Gaazaa barbaadeessuurraa akka of qusattu akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Chaayinaan eessa akka haleeluu qabdu basaasuun Raashiyaa gargaaraa turte - Yukireen

    Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piingii fi kan Raashiyaa V. Putin

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piingii fi kan Raashiyaa V. Putin

    Chaayinaan Yukireen keessa eessa akka haleeltu Raashiyaaf ragaa basaasaa saatalaayitii kenniteettii jechuun himata irratti dhiyeessite Yukireen.

    Qondaalli Tajaajila Odeeffannoo Alaa Yukireen Oleg Aleksandrov akka himanitti Chaayinaan bakkeewwan Yukireen irratti haleellaan raawwatamu ragaawwaan saatalaayitii adda addaa gara Raashiyaatti erga jirti jedhan

    “Kaayyoo tarsiimoo badiisaaf ta’u adda baasuuf irra deeddeebiinaa turu kan himan qondaalli Yukireen kun qorannoo isaanii kanaanis sakatta’iinsa saatalaayitii naannoo Yukireenitti gaggeessuu irratti Raashiyaa fi Chaayinaa gidduutti tumsi sadarkaa olaanaa ta’e mul’achaa jira,” jedhan

    Garuu Aleeksaandarov ragaa himannaa isaa deeggaru tokkollee hin dhiheessine.

    Chaayinaan waraana Raashiyaa fi Yukireen keessa gidduu seenuu akka hin barbaanne kan himtu yoo ta'u, aanga'oonni biyyattii garuu Raashiyaa waliin tumsa gochuu, meeshaalee basaasa saatalaayitii dabalatee meeshaalee adda addaa Raashiyaaf dhiyeessuu fi qabeenya anniisaa irraa bitachuu itti fufuu himu.

    Bakka bu’oonni Chaayinaa fi Raashiyaa ibsa bakka bu’aan Tajaajila Odeeffannoo Alaa Yukireen kenne irratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

  2. Milkaa'ina Irrechaan booda bulchiinsi Oromiyaa fi Finfinnee waan jedhan

    Shimallis Abdiisaa

    Madda suuraa, BKO

    Ibsa waa'ee suuraa, Shimallis Abdiisaa

    Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa milkaa'ina ayyaan Irreechaa booda ummata milkaa'ina ayyaanichaaf ga'ee ba'an galateeffatan

    Galateeffachuun duudhaafi aadaa Oromooti kan jedhan Pireezidaantichi, Oromoon kanaan bara haaraatti milkii qajeelfatee wayyooma lallabee heeraafi seeraan bulaa kan dhufe saba wayyuu ta'uu eeran.

    ''Ifa Birraa simachuun gamtaan bahe irreeffachuun uumaasaa galateeffatee, nagaafi tokkummaasaa jabeeffatee irreechaan milkii qajeelfateera'' jedhan.

    Irreechi seeraafi sirna qabaachuu; duudhaaf safuun masakamuusaa miliyoonotni wal wajjin irreeffachuun dhugeeffannaan Oromoo adda argatee irrechi akka urjii ifee qabeenya guddaa addunyaa ta’uu gochaan mul'achuu dubbatan.

    Mootummaan Naannoo Oromiyaa Irreechi dhugeeffannaa Oromoo duudhaaf aadaa ganamaa walharkaa fuudhinsa dhalootaan as ga’e sirna jabaa ta’uusaa qorannoofi qu’annoon beekumsaan akka itti fufu Dhaabbata Barnootaa Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)-tti akka galmaa’uuf imala eegalame milkeessuf cichoominaan kan hojjatu ta'uu ibsaniiru.

    Akkasumas Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee Irreechi Hora Finfinnee bara 20225 yeroo kamuu caalaa haala miidhagaa ta'een kabajamuu eeruun, kun immoo misooma Koriidarii fi laggeenii bulchiinsi maagaalichaa hojjateen caalatti miidhagaa fi hawwataa akka ta'u taasisee jedhan.

    Kantiibaa Adaanachi Irreecha kana irratti sabaafi sablammootni biyyattii, akkasumas turistiootni biyyoota adda addaa hedduun argamaaniiru jedhan

    Hirmaattota Irreechaa

    Madda suuraa, BKO

    Ibsa waa'ee suuraa, Hirmaattota Irreechaa
    Hirmaattota Irreechaa

    Madda suuraa, BKO

    Ibsa waa'ee suuraa, Hirmaattota Irreechaa
    Hirmaattota Irreechaa

    Madda suuraa, BKO

    Ibsa waa'ee suuraa, Hirmaattota Irreechaa
  3. Masriin marii boru Israa’eliifi Hamaas giddutti taa'amu keessummeessufi

    Kaayiroo

    Madda suuraa, Anton Aleksenko

    Ibsa waa'ee suuraa, Kaayiroo

    Akkaataa yaada pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhiyeessaniin,Wixata kana dhimmoota waljijjiirraa namoota butamanii Israa’elii fi hidhamtoota Filisxeem irratti bal'inaan akka mari'atamutu eeggama.

    Maddeen dippilomaasii fi tikaa Masrii, Ameerikaa fi Filisxeem BBC'tti akka himanitti, mariin Masrii keessatti kan jalqabu yoo ta'u, jilli Israa'el, Ameerikaa fi Hamaas, Masrii fi Turkii waliin kan hirmaatan ta'a.

    Bakki mariin Masrii keessatti itti gaggeeffamu hanga ammaatti hin murtoofne, garuu naannawa riizoortii Galaana Diimaa Sharm el-Sheikh jedhamu ta'uu akka danda'utu tilmamama.

    Maddeen nageenyaa Masrii akka ibsanitti, mariin marsaa itti aanu sababa ''muddama jiruun'' Kaataar osoo hin taane Masrii keessatti akka gaggeeffamuf filatame yoo ta'u, Kaayiroon ''bakka mariin kun itti jalqabuuf carraa guddaa akka qabu ibsameera.

    Israa’el keessatti, naannoowwan Gaazaa keessaa ba’uuf kaartaa qopheessuu fi tarree hidhamtoota Filisxeemota akka qaama waliigaltee jijjiirraa kanaatti gadhiifamuu danda’an qorachuu dabalatee qophiin qabatamaan marsaa haaraa kanaaf jalqabameera.

    Kunis karoora Tiraamp kan hidhamtoota adabbii umurii guutuun itti murtaa'e tilmaamaan 250 ta'an gadhiisuu kan dabalatu ta’uu odeeffannoon aangawoota Masrii irra argame kan mul'isu

  4. Amma nu gahe, Tiraamp: Israa'el karoora loltoota baasuu jalqaburratti waliigalte

    Pirezidantii Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhiheenya kana waltajjii isaanii 'Truth Social' irratti Israa'el ''sarara bahuu jalqabaa irratti walii galteetti'' jechuun maxxansaniiru.

    Kunis kaartaa karoora nagaa qabxii 20 Ameerikaan dhiheessite waliin maxxanfame irratti sararoota adda addaa loltoonni Israa'el ittiin baafaman kan agarsiisu fakkaata.

    Itti fufunis, yoo Hamaas mirkaneesse dhukaasa dhaabuun "ATATTAMAAN kan hojiirra oolfamu ta'a" jedhan.

    "Wal jijjiirraan namoota butamaniifi hidhamtootaa ni jalqaba, bahuu loltootaa marsaa itti aanuutiifis haala ni uumna," jechuun barreessan.

    Karoorri nagaa kun daangaa kaartaa Waayit Haawusiin maxxanfame irratti mul'ate yoo hordofe, waraanni jalqaba bahuun isaa Gaazaan gara %55 akka dhuunfatamu taasisa jechuun hiriyyoonni BBC Verify tilmaamaniiru.

    Haata'u malee waa'ee humnootiin ishee Gaazaa keessaa bahuu kanarratti Israa'el irraa ammalleen hin dhagahamne.

    Akka yaadachiisaatti, gareewwan marii Israa'elii fi Hamaas bakka bu'an marii al-kallattiif gara Masrii deemuuf qophaa'aa jiru.

  5. Pirezidantiin Israa'el karoora nagaa hojiirra oolchuuf Netaaniyaahuuf 'deeggarsa guutuu' kennan

    Pirezidantii Israa'el Isaak Herzoog

    Madda suuraa, PA Media

    Pirezidantiin Israa'el Isaak Herzoog haleellaa Hamas Onkoloolessa 7 bara 2023 erga raawwatame amma waggaa lama akka ta'u kan yaadachiisan yoo ta'u, ummanni Israa'el abdii nagaa, tasgabbii fi namoonni booji'aman hiiksiisuuf jecha tokko ta'uu dubbatan jedhan.

    Pirezidantiin Israa'el barreeffama X irratti qoodaniin, Pirezidanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp ''karoora qabatamaa jijjiiramaaf abdii dhugaa kennu fuulduratti tarkaanfachiisuu keessatti hoggansaafi ifa naamusaa agarsiisaniif'' galateeffataniiru.

    Itti dabaluudhaanis, ''karoora kana hojiirra oolchuu fi namoota booji'aman hunda deebisuuf murtee barbaachisaa ta'e fudhachuu isaaniitiif'' Netaaniyaahuuf ''deeggarsaa guutuu'' akka qabu ibsaniiru.

  6. Masiriin marii Israa'elii fi Hamaas keessummeesiti

    Alaabaa Masirii

    Madda suuraa, Getty Images

    Masiriin marii nagaa Hamaasii fi Israa'el gidduutti gaggeeffamu akka keessummeesitu min. Dhimma Alaa biyyattii himan.

    Wiixata dhufu Masiriin al-kallattiin marii bakka bu'oota Israa'elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamu keessummeesiti jedhan Ministirri Dhimma Alaa Masirii.

    Gareen waliin mari'atan kun dhimma namoota Hamaasiin Israa'el jalaa butamanii fi lammiilee Filisxeem mana hidhaa jiranii wal jijjiiruu irratti waliin mari'atu jedhan.

    Abdii jiru karaa marii nagaa waraanicha dhaabuudha. Karoora Tiraamp dhiyeesse irratti jabeessanii hojjechuudha jedha ibsi ministeerichaa.

    Akka michuun BBC, CBS gabaasetti garee mari'atan kanatti Baha Gidduugaleessaatti ergamaa addaa US kan tahan Istiiv Wiitkoofii fi intala Tiraamp kan fuudhu Jaared Kuushner Masiriitti garichatti makamu..

  7. 'Ilmakoo argee hammadha jedheen abdiin eegaa jira'- Haadha ilmi jalaa Hamaasiin butame

    Maatiin firoonni jalaa Hamaasiin butaman abdiin eeggataa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Viikii Koohen ilmi ishee Hamaasiin butamee ammayyuu Gaazaa keessa jira.

    Harmeen kun ilmishashe Hamaasiin jalaa butame deebi'ee arga jettee abdiin eegaa jiraachuu himte.

    Maqaan isaa Nimrood jedhama. Har'a abdii xiqqoon isheetti dhagahamuu dubbatte.

    ''Gammadeera, abdiidhaan nan eeggachaa jira,'' jechuun dubbatte.

    Ilmi ishee loltuu Israa'el yoo tahu haleellaa bara 2023 keessa booji'ame.

    Garuu ''waa kana gidduutti uumama jettees sodaa qabdi.''

    ''Haala amansiisaa miti. Ammas irra deebi'uun gadduu hin barbaannu. Ammayyuu ilmakoo isan jaaladhu argee hammadha jedheen abdiin eeggataa jira'' jette.

  8. Gaazaan lafa waraana irraa bilisaa taati, Hamaas hidhannoo hiikkata

    Ummata Israa'el jiroonni jalaa butanama

    Beenjaamin Neetanyahuun gidduu kana ''namoota Hamaas ukkaamse ni deebisna, Hamaas ammoo hidhannoo ni hiikkata'' jedhan.

    Guyyoota dhufan keessatti namoota Hamaas ukkaamsee fudhate ni deebisna jennee abdanna jedhan.

    Deeggarsa humna waraanaa Israa'eliif taasisaniif ''Michuukoo pirezidaant Tiraamp nan galateeffadha'' jedhan.

    ''Hamaas hidhannoo hiikkata, Gaazaan bakka humna waraanaa irraa bilisaa taha'' jedhan Neetaanyahuun.

    ''Marsaa lammaffaatti, Hamaas hidhannoo hiikkata, karaa salphaa taheenis tahu karaa ulfaataa taheen Gaazaan humna waraanaa irraa bilisa taati, ni milkeessina'' jedhan.

  9. Tiraamp Hamaas ariifachuu qaba, harkifannaa kamuu obsaan hin ilaalu jedhan

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Akka namoonni Hamaasiin butaman gadhiifamaniif Israa’el yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu ''nan dinqisiifadha. Waliigaltee nagaa raawwachuuf carraa gaariidha’’ jedhan Tiraamp.

    ''Hamaas ariifachuu qaba. Kanaan ala waan hunduu ni dhiisama’’ jedhan Tiraamp.

    ''Harkifannaa kamiyyuu hin ibsu. Isa namoonni baay’een akaks tahuu mala jedhan ani ibsaan hin ilaalu. Waliigaltee kana dafnee haa xumurru’’ jedhan.

    Itti dabaluunis ''Qaamni hunduu karaa haqa qabeessa taheen ilaalama’’ jedhan.

    Ganama kana bakka adda addaa sadiitti haleellaa qilleensarraa Israa’el raawwatte lubbuu nama tokkoo galaafachuun namoota hedduu madeesseera.

  10. Hamaas namoota butee ture gadhiisuuf qophiidha- Erdohaan

    Hamaas namoota butee ture gadhiisuuf qophiidha- Erdohaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hamaas namoota butee ture gadhiisuuf qophiidha- Erdohaan

    Pirezidaantiin Tarkii Resib Taayib Erdohaan Hamaas karoora Tiraamp dhiyeesse gariin simachuu isaa gaarii tahuu ibsan.

    Erdohaan karoora Tiraamp nageenya Gaazaaf baase ''simachuu'' ibsaniiru. Istaanbulitti bakka namoonni hedduu walitti qabamanitti yoo dubbatan Erdohaan ''naannichatti nagaa waaraa buusuuf foddaan isaa banameera'' jedhan.

    Humni waraanaa Israa'el ammoo oppireeshinii Gaazaa keessatti gaggeessaa jiru akka dhaabuuf Erdohaan gaafataniiru.

    Tarkiin Hamaas dabalatee gaaffii uummata Filisxeem deeggaruun beekamti.

    Bara 2024 keessaa eegaluun Tarkiin waliigaltee dadldalaa Israa'el waliin qabdu kamiyyuu addaan kutteetti.

    Erdohaan Israa'el Gaazaa keessatti ''duguggaa sanyii'' raawwatte jetti. Neetanyahuudhaan ammoo Erdohaan ''Yakkamaa waraanaa'' jechuun ibsu.

  11. Saanaayi Taakaayichi ministira mummee dubartii jalqabaa Jaappaan tahuuf

    Saanaayi Taakaayichi

    Madda suuraa, Reuters

    Paartiin aadaa duriitti cichuufi biyya bulchu Saanaayi Taakaayichi dhaabicha akka hoggantu fileera, kanaanis dubartiin ganna 64 ministira mummee biyyattii tahuuf jirti.

    Taakaayichi paartii tokkummaa dhabeeefi waldhabdee keessoofi dhimmoota kaanin rakkataa jiru gamteessuu irratti danqaan ishee mudata jedhameetu yaadama.

    Diinagdee tirataafi qaala'insa jireenyaa biyyattii waliin wal'aansoo qabuunis irraa eegama.

    Yoo ministira mummee tahuunshee waan hin hafne taheef hariiroo Jaappaaniifi Ameerikaa dhimma taariifaan rakkoo keessa jiru qixeessuu fa'i ishee gaafata.

    Bara darbe Ministira Mummee Shigeeruu Ishibaa, yeroon aangoosaa waggaa tokko darbe filannoo paartii irratti irra deddeebiin mo'amuurraa kan ka'e akka aangoo gadhiisuu hime.

    Taakaayichiin ministira mummee dubartii jalqabaa Biriiteen Maargaareet Taachariin kan dinqisiifattu yoo tahu, amma abjuu ishee milkeessuuf kan jala geesse fakkaata.

    Dubartoonni baayyeen garuu akka nama jijjiirama fiduutti ishee hin ilaalan.

  12. Xaaliyaaniitti hojjettoonni miiliyoonaan lakkaa'aman Gaazaa bira dhaabbachuuf hiriira ba'an

    Magaalaa Room keessattis namoonni kumaan lakkaa'aman hiriira ba'aniiru

    Hojjettoonni Xaaliyaanii hiriira sadarkaa addunyaatti degegarsa uummata Filisxeemiif ba'amaa jirutti dabalamaniiru.

    Hojjettoonni kunneen mindaan akka dabalamuuf ykn ammoo haalli bakka hojii akka sirratu gaafachuuf miti kan daanddiitti ba'an.

    Uummata Gaazaa dararaa hamaa keessa jiru faana dhaabbachuusaanii mul'isuuf malee.

    Yeroo ammaa lammiileen biyyoota Awurooppaa hedduu keessatti hiriiri ba'uun haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwattuu fi humnoonni Israa'el gargaarsa namoomaa Gaazaatti karaa cufuu mormaa jiru.

    Hojjettoonni Xaaliyaaniis Jimaata kaleessaa (Onkoloolessa 3, 2025) hiriira kanatti dabalaman.

    Ministirri dhimma biyya keessaa Xaaliyaanii namoonni kuma 400 ta'an iddoowwan 29 ta'anitti hiriira ba'uu ibse.

    Yuuniyeniin hojjettootaa biyyattii ammoo lakkoofsi kun kan ibsame dachaa afur ta'a jedhe.

    Torbee kana keessa wayita Israa'el dooniiwwan gargaarsaa gara Gaazaa akka hin seenne dhorkite mufiin akkaan hamaate.

    Tuuta dooniiwwan gargaarsa namoomaa qabatanii gara Gaazaa imalaa turaniitti kan karaa cufan loltoota Israa'el.

    Loltoonni Israa'el dooniiwwan gargaarsa fe'an seenuun ugguran. Dooniiwwan kunneen keessa aanga'oota olaanoo fi rogeeyyii Awurooppaatu turan.

    Lammiileen Xaaliyaanii 40 caalu.

    Ministirri Muummee Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meeloonii waliigalatti haleellaa Israa'el balaaleffataniiru.

    Haala kanaan dhimmi uummata Filisxeem yaaddessaa ta'uu dubbatan.

    Tarkaanfiin Israa'el kun Xaaliyaaniin dhala namaa akka hin gargaarre harka hidhuudha jedhan.

    Itti aanaan isaanii Maatewoo Salviinii haleellaan kun seeraan ala jedhan. Akeekkachiisa tokko malee kan raawwate doorsisa hamaadha jedhan.

    Kanaaf qoqqobbii kaa'uu akka malan akeekkachiisan.

    Xaaliyaanonni hedduun gurmuudhaan ba'uun ''ajjeechaa jumlaa dhaabaa, dooniiwwan ugguruu dhaabaa!'' dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.

  13. Tiraamp, Hamaas fi Neetaaniyaahuun maal jedhan?

    Neetaniyaahuu fi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Waraana Gaazaa dhaabsisuuf mariin dippiloomaasii cimee itti fufeera. Keessattuu Pirezidanti Tiraamp, qondaalota Hamaas fi Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu gidduutti dhimma ijoo ta'eera.

    Hamaas karoora Tiraamp Gaazaa irratti baasan fudhachuu fi namoota uggure, kanneen lubbuun jiranis kanneen du'anis reenfasaanii, deebisuuf waliigaleera.

    Ammoo qabxiiwwan karoora kana keessatti eeraman hedduu irratti marii akka barbaadu ibseera gareen kun.

    Tiraamp Israa'el hatattamaan Gaazaa haleeluu akka dhaabdu akeekkachiisaniiru. Hamaas nageenyaaf qophiidha jedhan.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu biyyisaanii boqonnaa jalqabaa karoora Tiraamp hojiirra oolchuuf qophii ta'uu ibsan.

    Akka qondaala Israa'el kanaatti karoora kana keessatti hojiin jalqabaa namoota ugguraman gadhiisisuudha.

    Ittaansee Tiraamp fi garee isaanii waliin qindoomuun karoora kana guutummaatti akka hojiirra oolchanis ibsaniiru.

    Akka karoora Tiraampitti Israa'el waliigaltee kana ifatti fudhannaan namoonni ugguraman sa'atii 72 keessatti akka gadhiifamaniif haalli ni mijaa'a.

    Ministirri Muummee UK Keer Istaarmer Hamaas karoora kana fudhachuun tarkaanfii akkaan abdachiisaa ta'edha jedhan.

  14. Hamaa namoota uggure gadhiisuuf waliigallaan Tiraamp Israa'el Gaazaa barbadeessuu akka dhaabdu akeekkachiisan

    Haleellaa Israa'el Gaazaa irratti raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas Israa'eloota uggure keessaa kanneen hafan gadhiisuuf waliigaleera. Garuu karoora nagaa Tiraamp baasan irratti mariin dabalataa ni barbaachisa jedhe.

    Hamaas karoora nagaa kana fudhachuu erga ibsee akkasumas namoota uggure hunda gadhiisuuf erga waliigalee booda Pirezidant Tiraamp Israa'el haleellaa Gaazaa irratti raawwattu akka dhaabdu akeekkachiisaniiru.

    Pirezidantichi Hamaas karoora nagaa kana hin fudhatu taanaan ''azaabatu isa eeggata,'' jechuun itti dhaadataa ba'an.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuu boqonnaa jalqabaa karoora nagaa kana hojiirra oolchuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

    Hamaas ''nageenya waaraa fiduuf qophiidha'' kan jedhan Tiraamp, Israa'el garuu ammarraa Gaazaa barbadeessuurraa akka of qusattu dhaamaniiru.

  15. Tiraamp Hamaas karoora nagaa Gaazaa akka fudhatuuf hamma Dilbataatti yeroo kenneef

    Dubartii wayyaa gurraacha uffattee caccabaa Gaazaa keessa deemtu

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Hamaas karoora US Gaazaaf baaste hamma Dilbataatti fudhachuu qaba ykn ''waan hamaatu taha,' jedhan.

    Tiraamp ergaa Jimaata har'aa miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti barreessaniin Dilbata sa'atii Waashingitan 12:00 irratti waliigalteerra gahamuu qaba jedhan.

    Karoorri Tiraamp baasan lolli hatattamaan akka dhaabbatuufi sa'atii 72 keessatti lammiileen Israa'el butamanii ammallee lubbuun harka Hamaas jiran akkasumas warreen du'an reeffisaanii akka kennamu gaafata. Kunis lammiilee Gaazaa hidhamanii jiran akka geeddaraatti kennuus dabalata

    Gidduugaltoonni Arabaafi Tarkii Hamaas karooricha akka fudhatuuf dhibbaa akka gochaa jirantu amanama. Qondaalli olaanaa Hamaas garuu karooricha akka hin fudhanetti himanii ture.

  16. Liiverpuul v Cheelsii, Arsenaal mo'achuun Liiverpuuliin qixxaataa?

    Leenjisaa Maanchester Yunaayitin fi taphattoota Arsenaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Liiverpuul Arnee Siloot tapha Chelsii waliin qaban dursuun waa'ee gahumsa taphattoota isaanii fi miidhama haaraa qabanii irratti ibsa kennan.

    Siloot karra eegaa isaanii miidhame Aliisan ilaalchisee yoom akka deebi'u yeroo kaa'uun ulfaata jedhan.

    Aliisan dhiyyootti hin deebi'u. Liiverpuul karra eegaa waggaa darbe mallatteessiise Joorj Mamardashavil bakka Aliisan fayyadama.

    Inumaayyuu tapha Maanchister Yunaayitid waliin dhiyootti qabaniifiyyuu hin deebi'u jedhame.

    Siloot karra eegaa qabnu Mamardashiviliif carraa kennuutti gammadeera. Gahumsa isaatti nan amana jedhan.

  17. Ilmi Roobert Mugaabee himannaa qorichaan walqabatuuf mana-murtiitti dhiyaate

    Ilma Mugaabee abbaa waliin

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ilmi pirezidantii duraanii Zimbaabuwee Roobert Mugaabee qoricha sammuu namaa hadoochun qabatee argamuun himatamee mana-murtii Haraaree jirurratti dhiyaate.

    Akka ragaan mana murtii jedhutti, umuriin isaa wagga 33 kan ta‘e Roobert Mugaabee Jr. Roobii ganama osoo daandii konkolaataa kallattii tokko qofa taaterra kallattii dogoggoraan konkolaachisaa jiruu to’atame.

    Yeroo sanatti qabatee kan ture borsaa gurraacha kan sakkata’e poolisiin, gudunfaa qoricha sammuu nama hadoochu maariwaanaa jedhamu arguu hime.

    Taatee kana hordofee poolisiin ibsa baaseen namoonni shan “isa waliin hidhata qaban” to’atamaniiru.

    Abukaatoon ilma Mugaabee BBCtti akka himetti, himannaa irratti baname waakkachuuf akka karoorfateefi kan poolisiin irratti dhiyeesses falmuuf jiru.

  18. MM Abiy Ahmad waa'ee Irreechaa maal jedhan?

    MM Abiy Booranatti

    Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

    Ministirri Muummee Abiy Ahmad Irreecha Malkaa kan bara 2025 ilaalchisuun uummata biyyattiin baga geessan jedhan.

    Ergaa kana miidiyaa hawaasummaasaaniirratti Jimaata (Hagayya 3, 2025) kan dabarsan Ministirri Muummee Abiy, ''Sirna galateeffannaa Oromoo'' kan ta'e Irreechi maaliif akka kabajamus ibsaniiru.

    ''Oromoon sanyiin namaa horee kan baay'atu, kan faca'e ija kan godhatu atoomsaafi gargaarsa humna Waaqaatiin jedhee dhugeeffata.''

    Irreechi gurguddaan Oromoon waggaa eegee kabaju gosa lamatu jira. Kan Waqtii roobi fuula as deebifatu tulluutti ba'uun Waaqa uumaa rooba kadhatan Irreecha Tulluu jedhama.

    Roobni roobee, lolaan lola'ee, kan facaasan misee, dukkanni gannaa ba'uun birraan yoo bari'u kan irreeffatamu ammoo Irreecha Malkaa jedhama. Irreechi Malkaa sirna galateeffannaati.

  19. Puutin Ameerikaan misaa’elii Yukireeniif akka hin ergine akeekkachiise

    Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin misaa’elii US Tomahawak Yukireeniif erguun “araana gara sadarkaa haaraatti“ kan geessuufi hariiroo Raashiyaafi Ameerikaa gidduu jiru kann balleessu ta’a jechuun akeekkachiise.

    Dubbii kora magaalaa Sooshiirratti dubbateen, Puutin kun haala adda waraanaa lafarra jiru Raashiyaan itti milkaa’aa dhufte hin jijjiiru jedhe.

    "Misaa’eloota Tomahawk bakka humni waraanaa US hin jirretti fayyadamuun kan hin yaadamnedha. Kun ammoo gara waraana sadarkaa haaraa guutummaatti adda ta’etti kan geessuufi hariiroo Raashiyaa-US ka [balleessudha]“ jedhe.

    Misaa’elin Tomahawk yoo Yukireeniif ergamee Raashiyaarra miidhaa kan geessisu yoo ta’e, humni ittisa qilleensaa Raashiyaa balaa haaraa kanaaf deebii hatattamaa kenna jedhe Puutin.

  20. Waa'ee 'Diggaa Saaqoo' yeroon Yuniversitii turen sirbuuf murteesse

    Yoosan Geetahun

    Madda suuraa, Wallee Jomoree irraa fudhatame

    ''Yoo hojjenne waan guddummaa uummata kanaa [Oromoo] mul'isu hojjechuu qabna,'' jedha Artist Yoosan Geetahuun waa'ee wallee isaa haaraa irratti wayita gaaffii fi deebii BBC waliin taaisu.

    Walleewwan jiruu fi jireenya uummataa mul'isan, irra caalaa viidiyoodhaan dabaalee hojjechuun kan beekamu Artist Yoosan, tibbanas wallee mata dureensaa Jomoree jedhu uummata biraan ga'eera.

    Walleen haaraan kun qabiyyeensaa jaalalaan qabee seenaa kan mul'isu, waraabbiinsaas qulqullina barbaachisuun akka hojjetame namoonni miidiyaa hawaasummaarratti yaadasaanii ibsaniiru.

    Artist Yoosan walleewwan akkanaa turee hojjetus garuu qalbii namaa keessa kan turan hojjeta jechuun kan yaada kennaniifis jiru.

    Weellisaan kun maaliif akka yeroo dheeraa fudhatu BBCtti himeera.