Taphataan maanchister Siitii Tijjaanii Raayindersi tapha
West Haam booda inni guddaan taphicha to’annoo keenya jala gochuudha jedhe.
Haala tapha isaaniitti gammachuu hin qabu. Amma garee Maan
Siitii kanatti madaqaa jiraachuu hime.
Galchiis lakkoofsiseera. ‘’Waan gaariidha. Injifannoon itti
fufuu qabna. Hojii xumurame miti. Jabaannee itti fufuu qabna.
Arsenaaliin dhiibbaa keessa galchuu qabna. Haala akkanaan ayyaana
Qilleef gahuun waan gaariidha jedhe.
Tijjaanii Raayinders baranuma AC miilaan irraa Maan Siitii
gale. Rayaan Cherkii fi kaanis walitti madaquun Maan Siitiin walitti aansee mo’ataa
jira.
Peep Gaardiyoolaan ammoo taphaan booda akkas jedhe..
Haalaand galchii nuuf lakkoofsisaa jiruuf nan galateeffadha.
Isa, Foodenii fi Orayiliin taphicha saffisiisuun nu gargaaraniiru. jedhe.
"Tapha har’aa keessatti wantoonni tahan gaariidha, kaan
gaarii miti. Garuu waan gaarii qabnu akkuma jirutti tahee waan fooyyeessuu
qabnutu jira,’’ jedhe.
‘’Ittisa irratti karaa baay’ee gaarii turre. Kubba waliin
garuu sadarkaa gahuu barbaannu irraa ammayyuu fagoo jirra jedhe.
Isaan [West Haam] carraa argatanii ture. Sababni isaa bakka
sanatti haalli itti taphanne sirrii hin turre.