Haleellaan saayibarii dhabbata Basaasaa Ameerikaa (CIA) irratti raawwate

Dhaabbilee Basaasaa Ameerikaa Ejensiin Odeeffannoo Giddugaleessaa Ameerikaa (CIA) fi Waajjirri Daarektarri Odeeffannoo Biyyaalessaa (ODNI) irratti haleellaan saayibarii raawwatame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dhaabbilee basaasaa Ameerikaa irratti haleellaan saayibarii raawwatame

    -

    Dhaabbilee Basaasaa Ameerikaa Ejensii Odeeffannoo Giddugaleessaa Ameerikaa (CIA) fi Waajjira Daarektara Odeeffannoo Biyyaalessaa (ODNI) irratti haleellaan saayibarii raawwatame.

    Haleellaa kanaan odeeffannoo muraasni garuummoo iccitii hin taane saaxilame jedhame.

    Dhaabbileen nageenyaa Ameerikaa, lamaan kunneen sirna saayibarii isaanii keessatti haleellaan raawwatamuu fi odeeffannoon tokko tokko saaxilamuu isaanii adda baasaniiru.

    Gabaasni kun jalqaba The New York Times’n ba’e; Rooyitarsi immoo namni dhimma kana beeku tokko odeeffannoo kana mirkaneessuu isaa gabaase.

    Odeeffannoon saaxilame maal akka ta’e, eenyu haleellaa kana duuba akka jiru fi miidhaan isaa hammam akka ta’e hanga ammaatti hin ibsamne.

    Haleellaan kun sirna odeeffannoo uummataaf banaa ta’e qorachuuf gargaaru irratti raawwatame.

    Haleellaa kanaan odeeffannoo iccitii hin taane, kan akka odeeffannoo maddoota uummataaf banaa ta’an irraa walitti qabuun xiinxala nageenyaa keessatti fayyadan bahuun ibsameera.

    Akka dhaabbileen nageenya kun jedhanitti haleellaan kun dandeettii hojii murteessaa ykn sirnoota iccitii ta’an irratti gufuu hin geessisne.

    Haa ta’u malee 'The New York Times’ odeeffannoon kun dhaabbilee mootummaa Ameerikaa biroo tokko tokko illee haleellaf saaxiluu danda'a jedhe.

    Maddoonni Fox News dubbise ammoo haleellaan CIA irratti raawwatame haleellaa FBI irratti torban darbe raawwatame waliin guyyaa tokko ta’uu eere.

    Haa ta’u malee, walitti dhufeenyi haleellaawwan lamaan gidduu jiru irratti waanti mirkanaa’ee hin jiru.

    Haleellaan kun yeroo dhaabbileen mootummaa Ameerikaa biroo Ministeerri Qonnaa, FBI, Ministeerri Ittisaa fi Ministeerri Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa saaxilamuun himametti ta'e.

    Dhimmicha irratti garuu gama mootummaa Ameerikaa irraa ibsi ifatti kenname hin jiru.

  2. Iraan uggura US cabsuuf tooftaa kamuu dhimma akka baatu dhaadatte

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan uggura US cabsuuf tooftaa kamuu dhimma akka baatu dhaadatte

    Ministirri Dhimma Alaa Iiraan, Abbaas Araaqchii, akka miidiyaan mootummaa Iraan Wiixata gabaasetti, Iraan irratti uggura lafarraa kaa'uun waan hin danda'amne ta'uu ibse.Mootummaa Ameerikaa irraa Iraan irratti qoqqobbii diinagdee kaa'amu dura dhaabbachuun dirqama mootummaa fi ummata guutuu biyyattii akka ta'e dubbate Abbaas Araagchiin.Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa Wiixata ibsa baaseen garee lammiilee fi dhaabbilee Iraan irratti qoqqobbii haaraa kaa'uu beeksiseera. Dhaabbileen kunneen dhaabbilee harka lafa jalaa fi dhaabbilee sharafa maallaqaa ta'an ta'uu ibseera ministeerichi.Tarreen maqaa namoota fi dhaabbilee 24 hammate websaayitii mootummaa irratti maxxanfame keessatti, namoota Iiraan keessaa sagal dabalatee dhaabbileen hedduun isaanii Tehraanii fi Dubaay (UAE) keessatti argaman hammatamaniiru.

    Iraan uggura Ameerikaan buufata doonii biyyattii irra galaanaa kaa'e jechuun himame dura dhaabbachuuf “tooftaalee hundaa ni fayyadamna” jedhe. Hojjetaan mootummaa Dhimma Alaa Iiraan tokko tarkaanfii kana akka “gocha waraanaa fi weerara mootummaa irratti raawwatame”tti ibse.

    Doonaald Traamp Dilbata jechuun, torban darbe keessatti Iraan yeroo waraanni ji'oota sagalii ture jalqabee as, yeroo kamiyyuu caalaa diroonii fi misaa'elota hedduudhaan haleellaa raawwachuu ibse. Haa ta'u malee, haleellaa kanaan “miidhaan tokko illee hin geenye” jedhe.

  3. DRC'n xiyyaara waraanaa jalaa kufe dhabe jetti finciltoonni nutu kuffise jedhu

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, DRC'n xiyyaara waraanaa jalaa kufe dhabe jetti finciltoonni nutu kuffise jedhu

    Waraanni Dimookiraatawa Rippaablika Koongoo xiyyaara waraanaa kufe jedhamu barbaadaa jiraachuu hime. Kun immoo kan dhagagame erga finciltoonni xiyyaaricha baha biyyattiitti kuffisuu himanii booda dha.

    Waraanni DRC xiyyaara fe'iisaa xiqqaa Cessna 208 faana qunnamtiin kan adda cite Dilbata sababa "haala qilleensaa rakkisaa" tureen ta'uu hime. Hireen xiyyaara kanaa fi hojjettoota isaa ammallee gaaffii keessa jira jedhe.

    Guyyuma wal fakkaataatti, gareen finciltootaa the rebel Front for the Refoundation of the Nation (FRN) jedhamu xiyyaara waraanaa kutaa Kibba Kiivoo Mineembiwee jedhamu haleeluuf ergama fudhate rukunnee buufne jechuun beeksise.

    Xiyyaara kanarra paayileetota Yugaandaa fi Afrikaa kibbaa namoonni afur akka turan kan gabaafame yoo ta'u, isaanis lubbuun osoo jiranuu qabamuu himame.

    BBC'n himata finciltootaa kana ofii addatti hin mirkaneeffanne.

    Xiyyaarri finciltoonni rukunnee buufne jedhanis kan mootummaan DRC himatu ta'uu wanti adda baafame hin jiru.

    Waraanni Yugaandaa hirmaaannaa keessaa qaba jedhamuu isaa haaleera.

    Ibsi Ajajaa Humna Ittisaa Yugaandaa, Jeneraal Muhoozi Kaayinerugaabaatiin kenname, taatee dippiloomaasii fi waraanaa Baha Riippaabilika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti mudate irratti deebii kenname dha.

    "Waraanni Yugaandaa UPDF'n xiyyaara Mineembiwee keessatti rukutamee kufe sana irratti hirmaannaa tokkollee hin qabdu. Dhaabbata sana irratti adabbii fudhanneerra» jechuun ibsi mootummaa waraanaa irratti himame, kan Muhoozi Kaayinerugaba irratti jechuun X irratti maxxanfame jedhu.

    Ibsi sun dhaabbata kami akka ta'e hin eeru; akkasumas adabbii akkamii akka irratti fudhatame hin ibsine.

    Booda jechuun, Jeneraal Kaayinerugaabaan akkas jechuun barreesse: «Lammii Yugandaa kamiyyuu Dhaabbilee loltoota kaampaanii qacaramtoota keessatti, DRC keessatti hojjechuun hin eeyyamamu jedhe.

  4. Paastarii beekamaan kana dura Itoophiyaatti afeerame ture walqunnamtii saalaa fokkuun shakamee to'atame

    Barsiisaan wangeelaa Ubeert Engil
    Ibsa waa'ee suuraa, Barsiisaa wangeelaa Ubeert Engil

    Barsiisaan amantii beekamaan Zimbaabiwee haleellaa saalaa fi yakka qunnumtii saalaa sodomiin shakkamee to’atamuu Poolisiin beeksise.

    Barsiisaan wangeelaa Ubeert Engil jedhamuuf fi gaggeessaa waldaa Charismatic International Church jedhamuu kan ta’e Dilbata magaalaa guddoo Haraaree keessatti tajaajilaa osoo jiruu to’atame.

    Viidiyoon akkaataa itti to’annoo jala oole agarsiisuu miidiyaa hawaasaa gubbaa hedduu qoodamaa jira.

    Barsiisaan amantii kun ergamaa addaa pirezidant Emersan Manangaaguwaa fi Awurooppaa fi Ameerikaatti ambaasaaddara waliigalaa ta’uuni muudamee ture.

    Bara 2023 qorannoo addaa Aljaziraan hojjateen yakka daddabarsa maallaqaa seeraan alaafi saamicha warqee keessaa qooda guddaa akka qabu saaxileera.

    Namni kun bara 2021 amala saalqunnamtii fokkuu ykn Sadoomii raawwachuu dubartoota hedduun himatamee ture.

    Yoo xiqqaate dubartoota shan kan ta’an Ingilaandi kan jiraatan irraa ta’uu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Barsiisichi himannaa sana fudhatama dhabsiisee ture.

    Ubeert waggaa sadii dura barsiisota wangeelaa Itoophiyaa Abbaa afuuraa keenya ittiin jedhaniin Finfinneetti affeeramee ture.

    Kaawunsiliin Tokkummaa Waldaalee amantoota Wangeela Itoophiyaa dhufaatiisaa cimsee balaaleffachuun ni yaadatama.

  5. Haleellaa Sa’udiin kaleessa raawwatteen namoonni nagaan 17 ajjeefamuu Huutii hime

    Haleellaa

    Haleellaa Sa’udii Arabiyaan Wiixata darbe magaalaa buufata doonii Hudeeydaa, qarqara Galaana Diimaa irratti argamtu keessatti raawwatteen namoonni 17 ajjeefamuu fi 11 madaa’uu isaanii Huutiin himate

    Huutiin, Iraaniin deeggaraman, Hudeeydaa dabalatee kutaalee Yaman hedduu to’atanii jiru. Loltootni kunneen mootummaa Yaman idil-addunyaan beekamtii qabu, kan Gamtaa waraanaa Sa’udiin durfamuun waraana keessa jiru.

    Ministeerri Telekomii Huutii haleellaan Wiixata bu’uuraalee telekoomii irratti raawwatameen hojjettoonni 17 ajjeefamuu fi namooni biroo 11 madaa’uu ibseera.

    Haleellaa kanaan gamoon bulchiinsaa, manneen jireenyaa hojjettootaa, masjiidaa fi bu’uuraaleen misoomaa biroo mooraa sana keessa jiran guutummaatti barbadaa’uu isaanii ministeerichi himeera.

    Miidhaan kun tajaajila telekoomii fi interneetii addaan kutuun namoota kumaatama heddutti lakkaa'aman irratti dhiibbaa geessiseera jedhame.

    Dabalataan, dubbi himaan waraana Huutii Yahyaa Saari, ergaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin, Gamtaan Sa’udiin hogganamu bulchiinsa Laahij, kibba-dhiha Yaman keessatti argamu irratti haleellaa raawwachuu himan.

    Haleellaan kun baasiwwaan gurguddoo fi konkolaattota biroo irratti xiyyeeffachuu ibsaniiru. Haa ta’u malee, namoota haleellaa kanaan miidhaman hangam akka ta'an hin ibsine

    Sa’udiin haleellaawwan lamaan ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Haa ta’u malee, Gamtaan waraanaa kun Dilbata darbe meeshaalee misaa’ela baalistii Sa’udii Arabiyaa qarqara dhiha Galaana Diimaa irraa gara isheetti dhukaafaman fashaleessuu isaa beeksisee ture.

  6. NATO’n karoora Raashiyaan saatalaayitii niwukilaraa gara hawaatti erguuf qabdu irratti yaaddoo ibse

    Hogganaan Nato Mark Rutte fi Chaansilarri Jarman Friedrich Merzi gabaasa karoora Raashiyaan meeshaa niwukilaraa gara hawaatti furguggisuuf qabdu irratti deebii wayita kennan.
    Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan Nato Mark Ruut fi Chaansilarri Jarman Friedrich Merzi gabaasa karoora Raashiyaan meeshaa niwukilaraa gara hawaatti furguggisuuf qabdu irratti deebii wayita kennan.

    Gamtaan Waraanaa Biyyoota Dhihaafi Kaabaa Ameerikaa (NATO)'n, gabaasni Raashiyaa saatalaayitii meeshaa niwukilaraa baatu gara hawaatti furguggisuuf qophaa’aa jirti jedhu ba’uu hordofee yaaddoo nageenyaa ibse.

    Hogganaan NATO Mark Ruut biyyooti miseensa dhaabbatichaa balaa hawaa irraa dhufuu danda’u kamiyyuu irratti ittisa cimsuuf hojjechuu isaanii dubbatan.

    Akka miidiyaaleen Jarmanii gabaasanitti, odeeffannoon basaasa Raashiyaan guyyoota 60 dhufan keessatti saatalaayitii meeshaa niwukilaraa baatu gara hawaa keessaatti erguuf qophaa’aa jirti.

    Odeeffannoon kunis baatii kana keessa biyyoota miseensa NATO’f dabarfamee ture.

    Haa ta’u malee, odeeffannoo kana biyya kamtu NATO'f dabarse inni jedhu ifa hin taane.

    Ruut yeroo gabaasicha ilaalchisee gaafataman, NATO naannoo biyyoota miseensa isaa hunda eeguuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka itti fufu ibsan. Kunis nageenya hawaa keessa jiru mirkaneessuu akka dabalatu dubbatan.

    Gama Raashiyaatiin, dubbii himaan Pirezidaantii biyyattii Dimitiri Peeskov gabaasa kana ilaalchisee gaafatamee, waa’ee odeeffannoo kanaa akka quba hin qabne dubbatan.

    Gabaasawwan ''maddoota hin beekamne irraa dhufuuf xiyyeeffannoo kennuun gatii hin qabu'' jechuun kuffisaniiru.

    Imbaasiin Raashiyaa magaalaa Berliin jirus himannaa kana “kan ragaa hin qabne” jechuun mormee, gabaasaaleen kun qaama ''duula ololaa'' ta'uu ibseera

    Hanga ammaatti, Raashiyaan saatalaayitii meeshaa niwukilaraa baatu gara hawaatt erguuf qophii ta'uu ragaan mootummaa irraa ifatti dhiyaate hin jiru.

  7. 'Haleellaan Israa'el Gaazaa dachii summaayetti jijjiireera' - Oxfam

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, UN akka tilmaamuutti, loltoonni Israa’el waggoota lama keessatti Gaazaa irratti dho'iinsa walumaagalatti toonii kuma 200 ol ta’u darbate.

    Haleellaan Israa'el raawwatte Gaazaa gara “lafa badhee summii qabuutti akka jijjiire” fi naannoon Filisxeem harki 99 ol akka faalame gabaasni Oxfam mul'iseera. Dhaabbanni tola ooltummaa kun akka jedhetti, sibiilonni ulfaatoon, hafteewwan dhodhootuu, diigamaan gamoo, keemikaalonni summii qaban akkasumas faalamni qilleensaa, bishaanii fi biyyee Gaazaa keessatti kuufaman ammas ta'e waggoota kurnan dhufan keessatti Filisxeemotaaff yaaddoo dha.

    Daayirektarri Olaanaa Oksfaam Intarnaashinaal Amitaabih Behaar, “yakka waraanaa naannoo (environmental war crimes)” qaama “duguuggaa sanyii” Gaazaa keessatti raawwatamaa jiruu taasisuudhaan mootummaa Israa'el himataniiru.

    “Badii fi faalamni gahe haala naannoo kan nageenyaa fi jiraachuu dhala namaatiif murteessaa ta'e bu'uuraan mancaaseera” jedhan.

    Mootummaan Israa'el gabaasa kanarratti yaada akka kennu gaafatamus battalatti sanatti deebii hin kennine.

    Haa ta'u malee, galmee Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti ilaalamaa jiru irratti himannaa yakka duguuggaa sanyii irratti dhiyaate “bu'uura kan hin qabnee fi madaala kan hin eegganne" jechuun kuffiseera.

    Oksfaamii fi dhaabbanni waajjirri isaa UK ta'e Conflict and Environmental Observatory miidhaa waraanni Gaazaa waggoota sadiif ture geessise ilaalchisee xumura irra kan gahan fakkiiwwan saatalaayitii, sakkata'iinsa fagootti taasifamu, xiinxala iddoo fi maddoota biroo fayyadamuudhaani.

    Gabaasichi rasaasawwanii fi dhootuuwwan Israa'el dhimma itti baate akkasumas mancaatiin gamoo fi bu'uuraalee misoomaa naannoo irratti dhiibbaa hamaa geessisan bal'inaan mul'iseera.

    Ji'a Guraandhalaa keessas gabaasni addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waggoota lama qofa keessatti dhohaaleen toonii kuma 200 ol ta'an Gaazaa irratti akka rooban mul'iseera.

    Kunis humna waliigalaa boombii niwukilaraa 13 magaalaa Jaappaan Hirooshimaa irratti darbatamanii wajjin kan wal-gitu ta'uu ibseera.

    Waggaa darbes Sagantaan Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNEP) duula waraanaa Israa'eliin manneenii fi bu'uuraaleen misoomaa manca'anii caccabaa toonii miliyoona 61 ol uumuu isaanii beeksisee ture.

    Kanneen keessaa harki 15 meeshaalee faalama dhaqqabsiisanii fi balaa qaban kan of keessaa qabu ta'uu ibseera.

  8. Pochetiinoof milkiin hin tolleef, taphuma jalqabaatiin gareensaa injifatameera

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Maawuriisiyoo Poochettiinoo Sar Aleeks Fargusan booda Maan Yunaayitidiif leenjisaa saddeettaffaadha

    Leenjisaa haaraan Maanchistar Yunaayitid, Maawuriisiyoo Poochettiinoo milkiin isa waliin hin turre.

    Maan Yunaayitid morkattoota isaa Liivarpuuliin erga injifatamee fi sadarkaa gadii Priimiyar Liigii Ingilaandi keessatti erga hafee booda gaarii hin qabu.

    Daqiiqaawwan 13 jalqabaa keessatti wanti hundi Maanchistar Yunaayitidiif gaarii hin turre; gooliiwwan lama kan itti galan yoo ta'u, ittisaan isaanii Leenii Yooroos kaardii diimaan dirree keessaa baafame.

    Haalli sun Liivarpuul tapha sana akka to'atuu fi injifannoo salphaa akka argatu carraa uumeefii ture.

    Kun bara 1937 asitti Maanchistar Yunaayitid yeroo jalqabaatiif gabatee sadarkaa liigichaa keessatti gareewwan sadan gadi aanoo keessaa tokko ta'ee gara Anfiild kan imale.

    Wayita sanatti, Ze Reed Deevils bara dorgommii boodarra liigicha keessaa itti gadi bu'an keessatti Liivarpuuliin mo'atamanii turan.

    Maanchistar Yunaayitid har'aa carraa akkanaa ni mudata jedhanii yaaduun ulfaataa fakkaatus, gahumsi garichaa fi bu'aan tapha sanaa garuu carraaqqii Poochetiinoon garee kana gabatee sadarkaa liigichaa keessatti ol kaasuu godhu keessatti hammam qormaanni guddaan akka isa eeggatus kan mul'ise dha.

    Yooroon daqiiqaa saddeettaffaatti Aleeksaandar Isaak irratti badii hojjechuu isaatiin abbaan murtee erga mirkaneessee booda kaardii diimaan itti kenne.

    Doominiik Soobooslaay rukuttaa adabbii sana fudhachuun goolii lakkoofise.

  9. Iraan yoo US waadaa ishee eegde Ulaa Hormuz akka bantu beeksifte

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan yoo US waadaa ishee eegde Ulaa Hormuz akka bantu beeksifte

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan, Ismaa'el Baaghee mootummaan Ameerikaa waadaa gale yoo guute, nageenyi seensa isaa fi naannawa Ulaa Hormuz yeroo gabaabaa keessatti deebi’ee ni mirkanaa’a jedhe.

    Ibsa miidiyaa torbaaniin kennuun qondaalli Iraan Baagheen mootummaa Iraan irratti qoqqobbiin Iraanirra Ameerikaan keesse akka kaafamu akka haaldureetti dhiyeesse. Akkasumas gochaan galana marsuu seera qabeessa hin taane Ameerikaan gootus akka dhaabbatu gaafate.

    Mootummaa Ameerikaa waadaa gale yoo hojii irra oolche, nageenyi seensaa fi naannawa Ulaa Hormuz yeroo gabaabaa keessatti akka deebi’u mootummaa Iraan amantaa qaba jedhe.

    Gaaffii karaa UlaaHormuz irra deebiin banamuu danda’uu isaa ilaallatee dhiyaateefis, Tehraan tarkaanfii Ulaa Hormuuz banuu fudhachuuf saffisaan hojjechuu akka dandeessu ibse.

  10. 'Doonii waraanaa Raashiyaa Liibiyaa keessatti haleelle'- Zeleniskii

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, 'Doonii waraanaa Raashiyaa Liibiyaa keessatti haleelle' - Yukreen

    Dooniin waraanaa Raashiyaa tokko Dilbata darbe buufata doonii Liibiyaa keessatti drooniiwwan Yukireeniin rukutamee dhidhime jechuun Pirezidantiin Yukireen Volodimir Zelenskiin ibse.

    Dilbataa ganama mootummaan baha Liibiyaa to'atu akka jedhetti, wayita dooniin waraanaa buufata humna galaanarra Bengaazii keessatti boba'aa fi meeshaalee barbaachisoo guuttachuuf dhaabbattee turtettidha keessa isheetti dho'iinsi kan uumame.

    Dooniin tun hojiishee xumurtee gara Raashiyaatti deebi'uuf qophaa'aa turte.

    Zelenskiin akka jedhutti haleellaan kun doonii Raashiyaa lammaffaa takkallee rukuteera. Isheenis doonii fe'umsaa meeshaalee waraanaa geejjibuuf itti fayyadamaa turan jechuun hime.

    Ministeerri Fayyaa ammoo namoota madoowwan doonii daldalaa qarqara galaanaatti buufata sanaatti haleellaan irra ga'e akka simate beeksise.

    Haa ta'u malee, dooniin tun isa Yukireen haleeluu itti gaafatamummaa fudhatte wajjin tokko ta'uu isaa irratti odeeffannoon hin jiru.

    Mootummaan Raashiyaa haleellaa kana irratti yaada kennuu irraa of qusate.

    Ibsa Wiixata baase keessatti, Zelenskiin "hojii waraanaa Yukireen fakkeenya ta'e" jechuun mootummaa isaa jaje; kunis deebii waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteef kenname dha jedhe.

    Dirooniiwwan galaanaa torba fayyadamuun doonii waraanaa Meerkurii jedhamtu, kan dooniiwwan waraanaa haaraa Raashiyaa keessaa tokko taate irratti haleellaan raawwatameera jechuun barreesse.

    Akkasumas helikoptarri waraanaa Ka-27 jedhamus barbadaa'eera jechuun dabale.

    Pirezidantiin Yukireen doonii lammaffaan haleellaa kana keessatti rukutame MV ANGARA,jedhamtu doonii fe'umsaa konteenarootaa Raashiyaa ta'uu ibseera.

  11. Tiraamp Iraan haleellaa diroonii gaggeessitu baayyee cimsaa jiraachuu himate

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan torban darbe keessa haleellaawwan dirooniiwwaniifi misaa'eloota baayyee waggaa darbe waraanni erga banamee kaastee taasiste caalaa gaggeessiteetti jechuun himate.

    Tiraamp gabaasa ykn lakkoofsa haleellaa Iraan gaggeessite jedheef madda hin eerre, garuu amma haleellaa dabaluushee filannoo walakkeessaa Ameerikaa darberratti injifachuu Paartii Dimokiraatotaa waliin walitti fidee ibse.

    "Jalqabarratti, yoo Paartiin Dimokiraatotaa mo'atan gabaan istookii gadi bu'a jedheen ture; akkuman jedhes ta'eera. Lamaffaarratti ammoo, namoota hiriira mormii bahan 81,000 kan ajjeeste Rippablikiin Islaamaa Iraan, haleellaa gaggeessitu cimstitee itti fufti jedheen ture; kunis akkuma jedhe ta'eera."

    Pirezidantiin US kun itti dabaluun, "Iraan torban darbe keessa diroonii fi misaa'eloota waggaa tokko darbe keessatti gaggeessite caalaa gaggeessiteetti. Hin yaadda'iinaa, hundi isaanii garuu qolatamanii osoo miidhaa hin qaqqabsiisiin kuffiifamaniiru."

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin deeman:

  12. Korri jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa ‘Cop31’ waliigaltee malee bittinnaa’e

    Hirmaattota kora Cop31

    Korri haala jijjiirama qilleensaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Cop31 sababa biyyoonni addunyaa kora kanarratti argaman dhimmoota boba’aa fi faayinaansiirratti garaa garummaa qaban dhiphisuu hin dandeenyeef, waliigaltee haaraa jijjiirama haala qilleensaa guddaadha jedhamerra osoo hin ga’iin hafaniiru.

    Mariin kun Jimaata darbe akka xumuramuuf karoorri qabameefiif kan ture ta’ulleen, waliigalteerra ga’uuf jecha hanga Dilbataatti dheeratee itti fufee ture.

    Korri Turkitti gaggeeffame kun konferansii dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii yeroo dheeraa fudhate ta’eera.

    Isaan kunneen odeeffannoo dabalataati:

  13. Artist Miikiyaas Charinnat 'dhibee tasaan' du'e

    Artist Miikiyaas Charinnat
    Ibsa waa'ee suuraa, Artist Miikiyaas Charinnat wallee isaa 'Dirree Dirree' kan jedhuufi kaan hedduun beekama

    Artistiin beekamaa wallee isaa garagaraan beekamu Miikiyaas Charinnat dhibee tasaan du'aan boqochuun dhagahame.

    Artistin kuni magaalaa Wal Qixxee keessatti guyyaa Sambata kaleessaa hojii muuziqaa akka dhiheessu eegama ture.

    Haa ta'u malee, galgala keessa duuni isaa dhagahame.

  14. Pochettiinoon tapha jalqabaa isaaniin akkam ta'u?

    Pocheettiinoon leenjii isaanii jalqabaa gaafa Kamisaa taasisan
    Ibsa waa'ee suuraa, Pocheettiinoon taphattoota isaanii waliin leenjii isaanii jalqabaa gaafa Kamisaa taasisan

    Poochetiinoon yeroo rakkisaatti gara Maan Yuunaayitid dhufe. Garuu kilebni akkasii guddaan gaaffii yeroos iif dhiyeessu diduu hin dandeessu jedhe.

    Ilma isaa Sebaastiyaan dabalatee garee leenjistoota isaa qabatee dhufee kallattumaan hojii eegaleera.

    Garuu dirree fi tapha ulfaataadhaan jalqaba. Yeroo tapha kana taphatan ammoo inumaayyuu dhuma gabatichaa irra taa'uu malu.

    Kiriis Saatan osoo ani Poochetiinoo tahee harkakoo gateettii Buruunoo Fernaandez irra kaa'een akka inni gammadee dandeettii isaa bara darbee kennuuf nan godha jedhe.

  15. Masirii, Ertiraafi Sudaan waa'ee Galaanaa Diimaafi Gaanfa Afrikaa maal mariyatan?

    Ministiroota dhimma alaa Masrii, Sudaaniifi Ertiraa

    Masirii, Ertiraafi Sudaan dhimma nageenya Galaana Diimaafi Gaanfa Afrikaarratti mariyachuu beeksisan.

    Ministiironni dhimma alaa biyyoota sadeenii Sambata, Sadaasa 21 Masirii magaalaa Aswaanitti wal-arguuni kan mariyatan.

    Ministiirri dhimma Alaa Masirii Badeer Abdullaatii ministiirota dhimma alaa Sudaan Mohidiin Salaamifi kan Ertiraa Osmaan Saalee Masiriitti waamuni kan mariyatan.

  16. Itoophiyaan talaallii pooliyoo naannolee shan keessatti eegalte

    Daa'ima talaallii pooliyoo fudhataa jirtu

    Mootummaan Itoophiyaa daa'imman miiliyoona 11.3 tiksuuf talaallii pooliyoo naannolee garagaraa shan keessatti eegale.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka beeksisetti, talaallii kana mootummaa Itoophiyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), UNICEF, akkasumas dhaabbileen garagaraa tumsaniiru.

    Talaalliin kuni Finfinnee, Oromiyaa, Giddugala Itoophiyaa, Kibba Itoophiyaafi Kibbalixa Itoophiyaatti gaggeeffama.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaallii kana tumsuuf hojjettoota isaa 28 bobbaasuu beeksiseera.

    Pooliyoon maali?

    Pooliyoo yeroo baay'ee daa'imman umuriinsaanii shanii gad ta'an kan miidhu yoo ta'u, yeroo tokko tokko miidhaa sochii nama dhorku geessisa.

    Yoo maashaan hargansuu miidhame ammoo du'aaf nama saaxila.

    Talaalliin lubbuu daa'immanii ittisuu danda'u ni jira.

    Pooliyoon dhukkuba namarraa namatti darbu yoo ta'u bishaan faalameen daddarba.

  17. Itoophiyaan miseensa mana maree Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa ta'un filamte

    Jila Itoophiyaa yaa'ii irratti hirmaate
    Ibsa waa'ee suuraa, Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti, Itoophiyaan sagalee 133 argatte

    Itoophiyaa dabalatee biyyoonni afur miseensa mana maree Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ta'un filaman.

    Biyyoonni kuni Yaa'ii Waliigalaa 43ffaa dhaabbatichaarratti filataman. Akkaatuma kanaan miseensonni mana marichaa 36 irraa gara 40'tti ol guddateera.

    Manni Maree kuni hanga yaa'iin itti aanu bara 2028'tti taasifamutti manni maree kuni Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ni hooggana.

    Biyyoonni afran Itoophiyaa waliin filataman Indooneshiyaa, Omaaniifi Turkiidha.

    Dhaabbanni Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) eejansii addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii geejibni naga qabeessa akka jiraatu taasisudha.

    Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti, Itoophiyaan sagalee kenname keessaa sagalee 133 argatte.

    Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahmud Ali Yuusuf Itoophiyaan miseensa mana maree Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ta'un filatamuu isheen gammaduu ibsa baasaniin beeksisaniiru.

    Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO)
    Ibsa waa'ee suuraa, Manni maree kuni hanga 2028'tti dhaabbaticha bulcha
  18. Waraanni Iraan mana maree US keessatti garaagartee uume

    Kongirasii US
    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp waraana Iraaniif deeggarsa dabalataa barbaadu

    Waraana Iraaniifi bajata ministeera Ittisaa irratti waliigalteen dhibuun yaaddoo mootummaan US akka hojii dhaabu mala jedhu jabeesseera.

    Waraana Ameerikaan Iraan waliin itti jirtu akkasumas Pirezidant Tiraamp Ministeera Ittisaa US'f bajati dabalataa dolaara biliyoona 350 gaafatan Manni Maree US (Kongirasii) bajata federaalaa irratti akka waliigalteerra hin gahamne gochuu mala.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti, miseensonni paartii demokiraatikiifi rippablikaanii dhibdeen seera baastota waliin uumame bajata mootummaa irratti waliigalteen akka hin jiraanne gochuu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

    Bajanni mootummaa Ameerikaa jalqaba baatii Muddee irratti kan cufamu yoo ta' miseensonni mana maree bajati dhaabbilee federaalaa akka itti fufuufi hojiin isaanii akka adda hin cinne torban sadii qofa qabu.

    Garaagarteen kuni immoo keessumaa seenetii (parlaamaa) keessatti ni hammaata.

    Sababni isaas bajati deeggarsa paartilee lamaa qabu akka ragga'u senaataroota 100 keessaa yoo xiqqaate sagalee 60 ni barbaachisa.

  19. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegale.

    Oduufi odeeffannoo waan Itoophiyaafi addunyaan itti jiran jala jalaan gurra isin buufna.

    Nagaan oolaa.