Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waraanni hamaan daangaa irratti Paakistaanii fi Taaliibaan gidduutti baname

Waraanni hamaan daangaa irratti Paakistaanii fi Taaliibaan gidduutti baname. Paakistaanii fi Afgaanistaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun walitti dhukaasaa jiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan dubartoota hijaaba hin uffanne hirmaachiisan jechuun qindeessitoota maraatoonii to'annoo jala oolchite

    Iraanitti qindeessitoonni maaraatoonii lama dubartoota hijaaba hin uffanne akka hirmaatan hayyamuu isaaniitiin to'annoo jala oolaniiru.

    Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga suuraan dubartoota hijaab hin keewwatin kan dorgommii kanarratti hirmaatan interneetii irratti mul'ateen booda.

    Dubartoonni gara 2,000 fi dhiironni 3,000 ta’an Maraatoonii kibba Iraan Odoola Kiish keessatti gaggeefame kana irratti adda addaatti hirmaatan.

    Dorgomtoonni dubaraa gariin mataa isaanii hin haguuganne. Kunis yaada garaa garaa kaaseera. Kanneen jijjiirama deeggaran dubartoonni kun hijaab uffachuu diduu akka waan gaaritti ilaalan.

    Uggura aanga’oonni dubartootarraa kaa’an diduunsaanii dubartoonni waan barbaadan akka uffataniif jijjiiramni akka barbaachiisuuf ragaadha jedhu.

    Qondaaltonni Iraan gama isaaniitiin gochi kun fudhatama hin qabu jechuun deebii kennaniiru. Abbootiin seeraa saffisaan qindeessitoota kana irratti tarkaanfii fudhataniiru.

    Dorgomtoonni dubartootaa tokko tokko seera hijaaba cabsuu qofa adoo hin taane maaraatooniin gaggeeffamuunsaa hoggantoota Islaamaa biyyaattii irraa balaaleffannaa kaaseera.

    Abbaan alangaa Kiish dorgommiin kun gaggeeffamuun mataan isaa ''safuu ummataa cabsuu'' jedheera.

  2. Ibidda mana bashannanaan hojjettootaa fi turistoonni 25 ajjeefaman

    Ibidda mana bashannanaa beekamaa naannoo qarqara galaanaa Goo'aa, Indiyaa keessatti mudateen namoonni 25 ajjeefamaniiru.

    Miidhaamtoonni harki caalaan isaanii hojjettoota kilabichaa, namoonni kaan ammoo turistoota.

    Siliindarri gaazii mana nyaata itti qopheessan keessatti dhoohuun, bakka hunda gahuu amana poolisiin.

    Reeffi hedduun bakka nyaata itti qopheessan keessatti argame kanaaf "miidhamtoonni kunneen hojjettoota kilabicha ta’uu isaanii yaada dhiyeessa" Daarektarri Olaanaa Poolisii Goo'aa Alook Kumaar.

    Turistoonni sadii hanga afurii du'aniiru garuu umurii ykn biyyi isaanii hin himamne.

    Galaana Arabaa irratti kan argamtu Goo’aan duraan kolonii Poortugaal turte.

    Sababa bashannanaa qarqara galaanaashee fi riizoortiin ishee waggaatti turistoota miliyoonaan lakkaa'aman hawwata.

    Walakkaa waggaa kanaa qofa turistoonni gara miliyoona 5.5 ta’an Goo’aa daawwataniiru. Kanneen 270,000 ta’an biyya alaarraa dhufuu ragaan mootummaan ni agarsiisa.

    Waggoota dhiyoo asitti iddoowwan bashannanaa Indiyaarratti ibiddi lubbuu namaa galaafatu heddumaataa jira.

    Caamsa keessaa ibiddi gamoo abbaa darbii sadii keessatti ka’e keessa magaalaa kibbaa Hayidaaraabaad keessatti namoota 17 ajjeese. Ji’a tokko dura ammoo ibiddi hoteelli Kaaba-Baha Kolkataatti uumameen namoonni 15 du’an.

  3. Afrikaa Kibbaatti namoonni 11 ajjeeffaman

    Afrikaa Kibbaatti daa’ima waggaa sadii dabalatee yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamanii, namoonni 14 madaa’aniiru.

    Mucaa ganna 12 fi shamarreen ganna 16 namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa tokko.

    Dilbata namoonni hidhatan sadii hosteela magaalaa Saalsviil kan Lixa Magaalaa guddoo Pritooriyaatti argamtu seenuun namoota dhugaa turan irratti dhukaasa banan.

    Kaka'umsi dhukaasa kanaa hin beekamne, namni to'annoo jala oolees hin jiru.

    Biyyaa jeequmsi itti hammaate kana keessatti taatee akkanaa baayyachaa jirti.

    Afrikaa Kibbaa addunyaa irratti ajjeechaa olaanaa kan qabdi. Eblaafi Fulbaana bara kana gidduutti namoonni 63 guyyaa guyyaan akka ajjeefaman ragaan poolisii ni mul’isa.

  4. Dubartoonni miidhaa dijitaalaa dabalaa dhufeen maaf caalaa saaxilamu? Attamiin of eeguu danda'u?

    Miidhaan karaa interneetiin ykn dijitaalaan qaqabu gosoota miidhaa saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko yoo ta'u, kunis dubartoota toora interneetii irraa ala akka taa'n isaa gochaa jira.

    Miidhan dijitaalaa kunis dubartoota karaa interneetiin arrabsuu, hordoffii irratti taasisuu irraa kaasee hanga suura isaanii fayyadamuun waa'ee isaanii odeeffannoo sobaa raabsuun dubartoonni fi shamarran miliyoonaan lakkaa'aman waggaa waggaan rakkinni isaan mudataa jira.

    Akka addunyaatti, namoonni gara biiliyoona jahaa ta'an interneetii kan fayyadaman yoo ta'u, bara kana garuu dhiironni miliyoona 280 ta'an dubartoota caalaa toora interneetii irratti akka argaman Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Dhaabbanni Addaa Gamtaan Telekoomii Idil-addunyaa ibseera.

    Dhaabbanni UN dubartoonni, shamarranii fi namoonni koorniyaa isaanii ibsuu hin barbaadne sababii saala isaaniitiin carraan isaan irratti xiyyeeffatamu olaanaa ta'u ibsuun, kun balaa hamaa fi miidhaa yeroo dheeraa isaan mudachuu danda'a jedha.

  5. US erga EUn miidiyaa Elan Maask adabee bood 'dambiiwwan ukkaamsaa' jechuun kommatte

    Gamtaan Awurooppaa (EU)n waltajjii miidiyaa hawaasaa Elan Maask, X irratti baajii cuquliisa 'blue tick' jedhu irratti Yuuroo miiliyoona 120 adabame. Tarkaanifiin kunis US irraa deebii aarii cimaa kaase.

    Komishiniin Awurooppaa dhaabbatichi osoo eenyu akka akkaawuntii sana duuba jiru ''sirriin mirkaneessiin'' namoonni mallattoo cuquliisaa mirkanaa'e piroofaayilii isaanii irratti argachuuf akka kaffalan gaafachuun ''fayyadamota gowwoomsa'' jedheera.

    "Gowwoomsaan kun ammoo fayyadamtoota hanna fakkeessoo dabalatee gowwoomsaawwan biraatiif saaxila, akkasumas gosoota hammeenyaa biroo fakkeessitootaan raawwatamaniif kan saaxiluudha," jedha.

    Haata'u malee, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo fi Komishiniin Komunikeeshinii Federaalaa (FCC) qaama to'ataa Gamtaa Awurooppaa qeequudhaan dhaabbilee Ameerikaa haleeluu fi saaxilu jechuun himatan.

    ''Adabbiin Komishiniin Awurooppaa X irratti dabarsee kun haleellaa waltajjii kanaa qofa osoo hin taane, haleellaa mootummaan biyya alaatiin waltajjiiwwan teeknooloojii Ameerikaa hundaafi ummata Ameerikaa irratti raawwatamuudha,'' jechuun Ruubiyoon barreeffama X irratti barreesse.

    "Guyyoonni Ameerikaanonni toora interneetii irratti saaxiluu darbaniiru." Maaskiis dubbiin isaa kanatti jecha ''sirriitti malee'' jedhu itti dabaluun deebaluun maxxanseera.

    Jimaata gara nama irratti ammoo, dura taa'aan FCC, Birendaan Caar, Komishinichi X irratti kan xiyyeeffate ''dhaabbata teeknooloojii Ameerikaa milkaa'aa'' tokkicha waan ta'eefidha jechuun himataniiru.

    ''Awurooppaan ardii dambiiwwan Awurooppaanota mataa isanitiin ukkaamfamtee of duuba deebitee deeggaruuf Ameerikaanota irratti gibira kaffalchiisaa jirti,'' jechuun barreessan.

    Yaadni isaanii kunis yaada ittaanaan pirezidantii Ameerikaa JD Vaans Kamisa darbe dubbatan kan fakkaatuudha.

    Oduu Gamtaan Awurooppaa waltajjiichii adabuuf adeemuu jedhuu gidduutti, waltajjiin kun waan ''odeeffannoo gulaalaaluu irratti bobba'uu dhabeef'' adabamaa jira jechuun dubbate.

    ''Gamtaan Awurooppaa balfa irratti dhaabbilee Ameerikaa irratti duuluu osoo hin taane, bilisummaa yaada ibsachuudeeggaruu qaba,'' jedhan.

    Ogeessi miidiyaa hawaasaa, Maatii Naavaaraa akka jedhanitti, yaadonni kennaman kun adabbiin kun ''adabbii qofaa osoo hin taanee ibsa'' Gamtaan Awurooppaa dambii dhaabbilee teeknooloojii irratti baase hojiirra oolchuuf fedhii qabaachuu isaa agarsiisuudha.

  6. Obbo Taayyee Danda'aa hidhaa waggaa meeqaan adabaman?

    Manni Murtii dhaddacha har'a taa'een Obbo Taayyeen yakka meeshaa waraanaa seeran alaa qabatanii argamuun hidhaa cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birrii 5,000 akka adabaman murteessera.

    Deetaan Ministeera Nagaa duraaniifi miseensi Caffee kun Labsii Bulchiinsafi To'annoo Meeshaa Waraanaa 1177/12 keewwata 4 (1) fi 22 (3) jalatti himatamanii dhimmisaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti murtiitti ilaallamaa turuunsaa ni yaadatama.

    Himanni kun Obbo Taayyeen meeshaa waraanaa heeyyama hinqabne kilaashiin tokko, kaazinaa kilaashii lama fi rasaasa kilaashii 60 mana isaanitti argameera kan jedhudha.

    Abukaatoo Obbo Taayyee kan ta'an Obbo Abarraa Nigus, "Ragaaleen ittisaa dhagahamuu qaban saditu turan. Isaan bifa sirrii hintaaneen osoo hin dhagahamin darbameera. Murtee manni murtii murteessu kabajnus komii qabna" jechuun BBC'tti himaniiru.

    Giitummaa odeessa karaa kana kana cuqaasuudhaan ni argattu.

    Obbo Taayyee Danda'aa turtii kanaan dura BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin waa'ee siyaasa, misoomaa fi bulchiinsa MM Abiy irratti maal jedhu?

  7. Biyyoonni lixaaa Taanzaaniyaa reeffa namoota filannoon booda ajjeefamanii akka gadhiiftu gaafatan

    UK fi Faransaay dabalatee Imbaasiiwwan biyyoota lixaa Taanzaaniyaa keessa argaman, reeffa namoota jeequmsa filannoo Onkoloolessa darbe mudateen ajjeefaman hunda maatiif akka gadhiisaniif aanga'ootaaf waamicha taasian.

    Ergamoonni 17 ''gabaasa amansiisaa'' caqasuudhaan, tibba jeequmsa sanatti aanga'oonni Taanzaaniyaa ''ajjeechaa seeraan ala raawwachuu, dhabamuu, fedhii malee hidhamuu'' fi ''reeffa dhoksuun'' akka jiru himaniiru.

    Deebii kanaatiif ammoo Taanzaaniyaan, ''taateewwan gaddisisoo mudatan'' irratti hubannoo akka fiduuf komishinii qorannoo hundeessuun ibsiteetti.

    Hokkora tibba filannoo biyyattii keessatti ka'ee tureen wal qabatee namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuun isaanii gabaafameera. Mootummaan lakkoofsa namootaa ajjeeffamaniiru jedhe ofiisaaniitiin hanga yoonaatti ifa hin goone.

    Filannoo pirezidaantii Onkoloolessa 29 gaggeeffamee tureen booda hiriira mormii bal'aa gaggeeffame ture irratti aanga'oonni tarkanfii humnaa fudhachuunsaanii gabaafameera.

    Filannoo okkoraan guutamee boodas pirezidaanti Saamiyaa Suluhu Haasaan sagalee %98tti dhiyaachuun mo'attuu ta'uun labsameera.

    Dorgomtoonni Saamiyaa filannicharraa dhorkamunsaanii dorgommii filannoo pirezidaniiii haqa qabeessummaasaa irratti aarii cimaa kan kaase yoo ta'u, mormiitoonnis ''dimokiraasii qoosaa'' jechuun ibsan.

    Aaanga'oonnis intarneetii adda kutaniin kan ture yoo ta'u, hiriira mormii gaggeffame irraa mana suuraa qoodu kamuu dorsiisaa turan.

    Saamiyaan haqa qabeessummaa filanichaatiif falmuudhaan qeequmsa haala qabiinsa mirha namoomaa isheerratti dhiyaatu kufaa taasifte.

  8. Haalaand v Imbaappee, Meesii v Roonaaldoo- Ramaddiin Waancaa Addunyaa kam walitti fide?

    Ramaddiin Waancaa Addunyaa bara 2026 kaleessa Waashingitan DCtti raawwatameera.

    Sirna baninsa ramaddii Waancaa Addunyaa kana irratti pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Badhaasa Nagaa Fifa fudhataniiru.

    Badhaasni kun pirezidaantii Fifa Jiyaanii Infaantiinoodhaan bara kana hojiirra oole.

    Nama ''nagaa fi ''uummata addunyaa tokkoomsuuf'' hojii addaa hojjeteef kennama.

    Haaluma kanaanis waancaa addunyaa mo'ataadhaaf kennamu warqee irraa hojjetamee fi medaaliyaawwan kaan Tiraampiif kennamaniiru.

    Gara ramaddii baheetti haa deebinu. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaaf asiin seenaa.

  9. Waraanni cimaa daangaa Paakistaaniifi Afgaanistaan jidduutti ka'e

    Waraanni daangaa haaraa lubbuu namaa galaafate Paakistaanii ​​fi humnoota Taalibaan Afgaanistaan ​​gidduutti kan uumame yoo ta'u, gareen lamaanuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu laafaa cabsaniiru jechuun wal himatan.

    Jiraattonni magaalaa Afgaanistaan ​​kan taatee Ispiin Boldaak kan daangaa biyyoonni lamaan irratti gara kilomeetira 2,574 qooddattuu halkan darbe baqataniiru.

    Maddi wallaansa fayyaa magaalaa Kaandahaar kan dhiheenyatti argamtu irraa BBC Pashto'tti akka himeetti, hospitaalli naannoo sanaa reeffa namoota afur simateera. Paakistaan ​​keessatti namoota sadii miidhaan irra gaheera.

    Ji'oota darban keessa lolli adda addaa biyyoota lamaan gidduutti irra deddeebiin kan ka'e ture yoo ta'u, mootummaan Taalibaan Afgaanistaanis ​​Paakistaan ​​biyyattii keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu himateera.

    Gama lamaaniinuu halkan darbe walitti dhukaasuu isaanii mirkaneessanis, lola sa'aatii afruuf gaggeeffame kana jalqabuudhaan wal waliisaaniitti quba qaban.

    Dubbii himaan Ministira Mummee Paakistaan, Moshaaraaf Zaayidi, Taalibaan dhukaasa dubbii barbaachaa raawwateera jechuun himatan.

    Ibsichi itti fufuunis: "Deebiin hatattamaa, kan malu fi cimaan humnoota hidhannoo keenyaan kennameera. Paakistaan ​​walabummaa daangaashee fi nageenya lammiilee keenyaa mirkaneessuuf dammaqinaan fi kutannoo guutuu qabdi," jedhe.

    Gama biraatiin ammoo, dubbi himaan Taalibaan, Paakistaan ​​''ammas haleellaa jalqabdeetti'' jechuun deebii kennuuf dirqamu himan.

    Suuraaleen naannichaa argaman akka agarsiisutti, lammiileen Afgaanistaan ​​baay'een miilaafi konkolaataadhaan baqachaa kan jiran yoo ta'u, namoonni magaalota ollaa keessa jiranis lolli deebii'ee ka'e kun akka hin babal'anneef sodaachuudhaan bahaa jiru.

  10. Abbootiin Alangaa Oromiyaa 'WBO'n butamanii irratti kan beeknu

    Abbootii alangaa Oromiyaa torban darbe hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon butaman keessaa lama gadhiifamuu isaanii BBCtti himan.

    Abbootii alangaa afur butaman keessaa tokko ajjeefamuun tokko ammoo rasaasaan dhahamuun lubbuun oolee yaalamaa jiraachuu BBC'n iyyaafateera.

    Abbootii Alangaa kunneen gaafa 17/03/2018 magaalaa Jimmaa irraa ka'uun gara magaalaa Naqamteetti osoo imalaa jiranii aanaa Jimmaa Arjoo keessatti butamanii ture.

    Namoota gadhiifamuun gara maatii isaaniitti imalaa turan keessaa BBC'n Obbo Alamaayyoo Ballaxaa dubbiseera.

    Isaan abbaa ijoollee sadii tahuu BBCtti himan. Abbootiin Alangaa kunneen kan butaman guyyaa gara sa'a 8:30tti ture.

    Obbo Alamaayyoo haala turtii isaanii BBCtti akkas jechuun himan.

  11. 'Imalli nagaa dhugaatti geessu kan murtaa'u Raashiyaadhaan'

    Mari'attoonni olaanoon Ameerikaa fi Yukireen Jimaata kaleessaa marii waraanaa Yukireen keessatti gaggeeffamu dhaabsiisuudhaaf dandeessisu gaggeessu isaanii erga ibsaniin booda imalli gara nagaatti geessu kan murtaa'u Raashiyaadhaan ta'u dubbatan.

    Ergamaan addaa Ameerikaa Istiiv Wiitikoof fi soddaan Pirezidanti Doonaald Tiraamp Jaareed Kushinar, mari'attoota Yukireen waliin ta'un ibsa waloo baasaniin ''bu'aa sirriin gara waliigalteetti taasifamu kamu kan murtaa'u qophii Raashiyaan nageenyaa waaraaf qabduuniidha. Kunis walitti bu'insa dhaabuudhaa fi tarkaanfiiwwan ajjeechaa dhaabuuf fudhataman kan hammatuudha'' jedhan.

    Walgahicharratti qaamooleen lamaanuu ''kan dhimmoota nageenyaa'' irratti waliigalan yoo ta'u, dhimma ittisaa irrattis mar'ataniiru.

    Marii guyyaa KIbxataa Mooskootti gaggeefameen waraanaa gara waggaa afuritiif gaggeeffamaa jiru dhaabsiisuudhaaf waliigaltee nagaa dandeessisu irra gahuun hin danda'amne.

    Walgahiin guyyoota lamaaf Wiitiikoof fi Kushinar akkasumas barreessaa nageenya biyyaaleessaa Yukireen, Ruustar Umeeroob fi Birgadar Janaraala Indirii Haanaatoov jidduutti gaggeeffame kan torban lama jidduutti yeroo jahafaaf ta'ameedha.

    Mari'attoonni kunneenis irra deebiin Sambata Filoridaa keessatti wal argu jedhamee eegama.

    Jilli mari'attoota Ameerikaafi Yukireen ibsa waloo baasaniin, Yukireen dursa kan kennitu ''naannoolee bilisummaafi walabummaashee mirkanneessan eeggachuu, nageenya lammiilee biyyattii mirkanneessuu akkasumas gara fulduraatti yeroon dimokiraatawa ta'e akka jiraatuuf bu'uura kaa'uudha'' jedhan.

    Bakka bu'oonni Ameerikaa marii Kibxata Putiin waliin taasisan kaasuudhaan kan mari'atan yoo ta'u, carraa Yukireen waraanaan booda qabaattu, waa'ee bulchiinsoota biyyattii diigaman deebiisanii ijaaruu akkasumas hidhata diinagdee Ameerikaa waliin qabaattu irratti mari'ataniiru.

  12. Tamsaasa kallattii keneyaa har'aa eegalleerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundatti. Tamsaasa kallattii kan guyyaa Sambata har'aa kan odeessaalee addunyaa mara irraa gagabaabsinee ittiin isin biraan geenyu kunoo amma eegalleera.

    Yoo jala buutan nu hordoftan odeessaalee ijoo biyya keessaafi addunyaa mararraa asiin argattu.

    Odeessaalee dabalaa keenya argachuuf ammoo kallattiin marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube BBC News Afaan Oromoo millachuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!