Tamsaasa kallattii keenya kaleessaa argachuuf
Israa'eliifi Iraan guyyaa Jimaataa darbe irraa kaasee haleellaan walirratti raawwatan dabalaa dhufeera.
Tamsaasa kallattii keenya kaleessaa argachuuf asiin seenaa.
Nagaan oolaa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga waldhabdeen tibbanaa kun eegalee kaasee Israa'eloonni 10 ol irra miidhaan qaqqabuun yoo himamu, ministeerri fayyaa Iraan ammoo namoonni 224 ajjeeffamu beeksiiseera.
Israa'eliifi Iraan guyyaa Jimaataa darbe irraa kaasee haleellaan walirratti raawwatan dabalaa dhufeera.
Tamsaasa kallattii keenya kaleessaa argachuuf asiin seenaa.
Nagaan oolaa!
Humni qilleensaa humna sodaachisaa ta'uu dhiisuu danda'us, sagantaa misaa'elaa Iraan akkuma halkan lamaan darban Israa'el keessattii fi waggoota muraasa darban keessatti argamee humna guddaa qaba.
Giddu-galli Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa akka jedhutti, Teehiraan dandeettii misaa'elaa guddaa fi Baha Giddugaleessaa keessatti dandeettii baayyee hedduu qabdi.
Misaa'eloonni balistikii fi kiruuzii kanneen diroonii bal'inaan gosa adda addaa kan akka maatii Shaahed fa'i, kumaatamaan lakkaa'aman fayyadaman dabalata.
Misaa'eloonni fi dirooniin kunniin meeshaa Iraan ittiin haleellaa raawwattu kan duraa ta'anii itti fufu.
Gaaffiin jiru garuu Israa'el biyyattii keessa seenuudhaan daran cimsitee fi gadi fageenyaan haleeluu itti fuftee waan jirtuuf, Iraan haleellaa akkanaa hanga yoomiitti itti fufuu dandeessi kan jedhudha.
Hanga ammaatti tarkaanfiin humna qilleensaa Teehraaniin fudhatame yoo jiraate baayyee xiqqaa ta'uun mul'ateera jedhe xinxalaan meeshaalee waraanaa BBC News, Kiriis Paartrige.
Humni qilleensaa Iraan jeettiiwwan F4 Phantoms fi F-14 Tomcats muraasa, kanneen bara Waraana Holoolaa yeroo dheeraan dura US'n tajaajilaan ala taasifamanii, dabalataan xiyyaarota Su-24, Su-22 fi Mig-29 kan Sooviyeet tolchite, kanneen ammallee Yukireen bal'inaan itti fayyadamaa jiran of keessaa qaba.
Uggurri meeshaa waraanaa biyya alaatii galchuurratti irra kaa'amee dandeetti Iraan waraanashee ammayyeessuu akka malee gufachiiseera.
Kanaafuu jeettiiwwan Iraan waldhabdee kana keessatti baay'ee kan hirmaatan fakkaachuu dhabuunsaanii nama hin ajaa'ibu.
Dhaloota 5ffaa Stealth F-35 osoo hin maqaa hin dhawiin, loltoota dhaloota 4.5ffaa bifa F-15 fi F-16 qaban kanneen haaraa ta'an waliin wal morkatu turan.
Jeettiiwwan ammayyaa kanneen misaa'ela qilleensa irraa gara qilleensaatti loluuf hidhatan haaraa gita isaanii Iraan dafanii ni injifatu turan.
Tajaajila balaa tasaa Israa'el Haayifaa keessatti namoonni kudhan 'miidhaa salphaan' irra gahe jedhe.
Teel Aviiv, Yeruusaaleemii fi Gaafiyaa dabalatee, erga misaa'elli Iraaniin dhukaafame kutaalee biyyattii haleelleen booda reefu Tajaajila ambulaansii Israa'el, 'Magen David Adom (MDA)' irraa odeeffannoo haaraa arganne.
Dubbi himtuun MDA akka jedhanitti, Haayifaatti namoonni 10 ''miidhaa salphaan'' irra ga'een isaan biratti yaalamanii gara hospitaalota 'Bnei Zion, Carmel' fi Raambaamitti geeffamaniiru.
Kibba Israa'el keessatti namni miidhame tokko kan baafame yoo ta'u, bakka biraatti ammoo MDAn akka jedhutti namoonni saddeet miidhaaan irra gaheera. Isaan keessaa tokko ammoo, ''haala giddu galeessa ta'e'' keessa jira.
Waraabbiin viidiyoo asiin gadi kun kan tajaajilli balaa tasaa Israa'el qoodee yoo ta'u, ogeeyyii fayyaa gargaarsaa bakka haleellaan misaa'elaa Iraan Haayifaatti raawwatame agarsiisa.
Iraan hogganaan kutaa basaasaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) Mohaammad Kaazemii ajjeefamuu isaa mirkaneessiteetti.
Dhaabbanni oduu Tasnim kan IRGC waliin hidhata qabuu fi TV mootummaa Iraan akka jedhanitti, Kaazemiin itti aanaa isaa Haasaan Mohaaqeeq fi ajajaa Mohseen Baaqeerii waliin haleellaa Israa'el Dilbata raawwateen du'aniiru.
Ministirri mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, gaaffii fi deebii 'Fox News' waliin duraan taasisaniin, "Hogganaa olaanaa basaasaa isaanii fi itti aanaa isaanii Teehraan keessatti argachuu keenya isinitti himuu nan danda'a" jedhanii ture.
Gama biraatiin ammoo baayyinni lakkoofasa namoota Iraan keessatti haleellaa Israa'eliin Jimaatarraa keessee ajjeeffamanii 224 gahuu ministirri fayyaa biyyatti beeksiise.
Baayyiinni kunis kan hanga wallakkeessa guyyaa Sambataa 128 ture irra 100 abaleera.
Ministirri fayyaa biyyatti dabaluudhaan namoonni 1,277 ammoo miidhaa irra qaqqabuu beeksiiseera.
Itti aanaan ministeera dhimma alaa Iraan, Israa'el ''gamoo Ministeera Dhimma Alaa Iraan keessaa tokko irratti itti yaaddee fi gara laafina malee haleellaa raawwatte'' jechuun himatan.
Khaatibzaadeh toora X isaanii irratti akka barreessaniitti: "Haleellaa kanaan namoonni nagaa hedduun madaa'aniiru, isaan keessaa hiriyyoonni koo hedduun yaaliif gara hospitaalaatti geeffamaniiru" jedhaniiru.
Itti dabaluunis waraabbii viidiyii haleellaa Israa'el raawwattee kan agarsiisuudha jedhaniis qoodaniiru.
Dambaliin misaa'elaa gara biraa galgala kana Iraan irraa Israa'el irratti kan dhukaafame yoo ta'u, gamoon Haayifaatti argamu tokko rukutamuu isaa gabaafameera.
Lammiileen Israa'el suuraawwan gamoo mana jireenyaa magaala qarqara galaanaa Baat Yaam keessatti barbadaa'ee fi daa'imman lama dabalatee, namoonni torba haleellaa kanaan dura raawwatameen ajjeefamun hubatameera.
Jiraattonni achi gaachana eegumsaa sirna ittisa qilleensaa 'Iron Dome' jiraatulleen, badiinsa Iraan geessisuu dandeesse arguun akka isaan rifachiise BBC'tti himan.
Iraan keessatti ammoo, namoonni Teehiraan kan haleellaa Israa'eliif xiyyeeffannaa taateefi guyyaa guyyaan itti caalaa jiru keessaa ba'uuf yeroo yaalaniitti baayyina tiraafikaa olaanaan danqamaa jiru.
Battala misaa'elli Iraaniin dhukaafame Israa'el keessa bakka qubsuma Haayifaa haleeleetti erga sagaleen dhohiinsaa guddaan dhagahameen booda aarri samiitti ol ka'ee mullate.
Magaalaan Haayifaa magaalaa buufataa Israa'el kan qarqara galaanaatti argamtuudha.
Viidiyoo kana dowwadhaa.
Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora Israa'el dhiheenya kana Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolah Alii Kaameenii ajjeesuuf baafte humna guutuu sagaleen sagalee kifiisuu (vote power) qabuun dhorkuu qondaaltonni Ameerikaa sadii michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS News'tti himan.
Qondaalli tokko akka jedhutti, Israa'eloonni carraa Ayaatolah Kaameenii ajjeesuu kan argatan yoo ta'u, Tiraamp ammoo kun ''yaada gaarii'' akka hin taane ministira muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuutti himaniiru.
Mariin Netaaniyaahuu fi Tiraamp gidduutti taasifamaa ture kun erga Israa'el torbee darbe Iraan irratti haleellaa cimaa raawwatteen booda akka ta'e dubbatu.
Tiraamp yaada Ayaatolah ajjeesuu kana diduusaanii jalqaba Rooyitarsiin gabaafame. Netaaniyaahuun galgala kana gaaffiifi deebii 'Fox News' waliin taasisaniin, gabaasa Rooyitars kana kallattiin hin mirkaneessine ykn hin haalle.
"Gabaasni sobaa haasaa gonkumaa ta'ee hin beekneen baay'eetu jira, ani ammoo sana keessa hin seenu," jedhan.
"Haata'u malee, waan gochuu barbaadnu ni hojjenna jedheen yaada, isa sitti himuu nan danda'a. Waan gochuu qabnu ni hojjenna, akkasumas Ameerikaan waan Ameerikaaf gaarii ta'e beekti jedheen yaada, ani immoo sana keessa hin seenu qofa."
Poolisiin Israa'el, tajaajilli balaa tasaa meeshaan waraanaa magaalaa buufata doonii qarqara galaanaa kan kaaba Haayifaatti "qubsuma keessaa tokko" rukutee akka ture gabaasa argateera jedhe.
"Sadarkaa kanatti gabaasni lubbuu namaa darbuu ilaalchisee dhiyaate hin jiru, garuu miidhaan qabeenyaa mudateera," jedhan qondaaltoonni.
Waraabbiin viidiyoo fi suuraaleen Haayifaa irraa argame akka agarsiisutti, aarri guraachi magaalattii olitti halkaniin samiitti ol ka'aa mul'ata.
"Ummanni bakka balaan kun itti dhaqqabe irraa akka fagaatuufi qajeelfama poolisiin lafarra jiruuf akka aboomaman gaafanna," jechuun Poolisiin Israa'el dabaluun ibseera.
Tajaajilli ambulaansii Israa'el 'Magen David Adom' akka jedhutti, namoonni lama miidhaan qaama meeshaa qara qabuun irra gaheef gara hospitaalaatti geeffamaniiru.
Gamoon waajira ministeera haqaa iraan haleellaa qilleensaa Israa'eliin wayita haleelameetti viidiyoo waraabame kana dowwadhaa.
Televishiiniin mootummaa Iraan biyyattiin Teel Aviivii, Haayifaa fi magaaloota Israa'eel kaan irratti haleellaa ''dirooniifi misaa'elii hedduu'' raawwachuu himan.
Akkasumas dhaabbanni mootummaa Iraan kun misaa'eloonni ''dachaawwan sirna ittisaa Israa'el'' keessa qaxxaamuruudhaan haleellaa raawwataa jiraachu hime.
Haata'u malee hanga ammaatti waraanni Israa'el dhimma kanarratti omaa hin jenne.
Yaadni biraa Chaansilara Jarmanii irraa kenname kunooti.
Firedirki Meerziin Iraan, ''meeshaa nikulaaaraa hojjechuus ta'e qabaachuu hin qabdu'' jechuun ''murteessaadha'' jedha.
Meerziin gara walgahii biyyooa G7 Kanaadaatti gaggeeffamutti osoo hin deemiin dura gaazexeessitoota waliin kan dubbatan yoo ta'u, ''Iraan gara meeshaa niklaaraatti tarkaanfachaa jirtu Israa'el Jimaata darbe bakka waraanaa Iraan keessa jiru akka haleeltu taasiseera,'' jedhan.
''Kun Israa'el, Baha Giddu Galeessaa fi hawaasa addunyaa akka waliigalaatti balaa ta'a,'' jedha. Iraan sagantaa meeshaa nikulaaaraa qabaachuushee haaltee jirti.
Meerz itti dabaluudhaan Israa'el Jarmaniin ''meeshaalee ibidda dhaamsu'' akka kennitu gaafachuu ishee dubbata.
"Kana hatattamaan ni jalqabna" jedha.
Miidiyaan Iraan ministeera fayyaa biyyattii wabeeffachuun akka gabaasetti hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 128 haleellaa Israa'eliin yoo du'an. 900 kan ta'an madaa'aniiru.
Jaarmiyaan garaagaraa Iraan keessa jiran lakkoofsa kana akka adda addaatti ibsaa jiru. BBCn qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.
Gaazexeessitoota garas erguu waan hin dandeenyeef.
TVn mootummaa Iraan kaleessaa daa'imman 20 dabalatee namoonni 60 ta'an du'uu gabaasee ture.
Mootummaan Baha Azarbajaan ammoo naannochatti namoonni 31 du'uu ibseera. Loltoota 30 fi miseensa Waldaa Addeessa Diimaa Iraan tokko.
Waldaan Addeessa Diimaa Iraan ammoo Baha Azarbajaanitti miseensonni isaa lama haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu ibsee ture.
UNtti bakka bu'aan Iraan guyyaa lama dura haleellaa Israa'eliin namoonni 78 ajeefamuu fi 320 kan ta'anm madaa'uu ibseera.
Dubbi himaan mootummaa Iraan Fatemeh Mohajerani dubartoonni fi daa'imman walumatti 30 ta'an haleellaa gidduu Israa'el raawwataa jirtuu ajjeefamuu ibsan.
Miseensonni gameeyyiin humna waraanaa Iraan Eegdota Warraaqsa Islaamummaa biyyattii- Islamic Revolution Guards Corps (IRGC) jedhamu keessaa 18 ajjeefamuu ibsan.
Haleellaawwan biroon saayintistoonni nukilaraa torba ajjeefamuunis ibsameera.
Ministirri Ittisaa Israa'el misaa'eloonni hedduun Iraan irraa gara Israa'elitti dhukaafamuu erga adda baasee booda kutaalee Israa'el hundatti sagaleen dhukaasaa dhagahamaa jiraachuu ibse.
Humni Qilleensaa biyyattii ''misaa'eloota dhukaafaman qilleensarratti fashalsuuf sochii eegaluu,'' ibse.
Uummanni biyyattii qajeelfama kennamuuf sirriitti hojiirra oolchuu akka qabanii fi of eeggannoo cimaa gochuu akka qabanis akeekachiiseera.
Ajaji waraana Israa'el- Home Front Command jedhamu uummanni akka bakka tokkotti walitti hin qabane akkasumas ''bakka eegumsa qabutti siqanii akka turan, akeekkachiiseera.
"Sochiin uummataa daangeffamuu qaba. Uummanni walitti qabamuurraa of qusachuu qaba. Wayita akeekkachiisan dhageessan iddoo eegumsa qabutti fiigaa. Hanga ajaji darbutti achuma turaa!'' jedha ibsi humna waraanaa Israa'el.
Imbasiin Ameerikaa magaalaa Jerusaalamitti argamu hojjettoonni maatiisaanii waliin akka dawoo keessa dhokatan itti hime.
Kunis sodaa haleellaa Iraan fi Israa'el gidduutti adeemaa jirurraa kan ka'e ta'uu ibseera.
Hojjettoonni kunneen yoo barbaadan Israa'el gadhiisanii ba'uu danda'u jedhe imbasichi.
Yeroo ammaa buufata xiyyaaraa idiladdunyaa ollaa magaalaa Teel Aviiv guutummaatti cufameera.
Kana jechuun karaa ba'an imala lafoo qofaan ta'uusaati.
Gara biyyoota ollaa akka Jordaanfaa seenuuf lafa imaluu qabu jechuudha.
US imbasii ishee Israa'el magaalaa Jerusaalam keessa akka ta'u filatte, magaalaa Israa'el Teel Aviiv ta'uu qaba ture.
Haalli kun biyyoota kaan keessatti baratamaa miti.
Imbasiin Jerusaalam jiruu fi wajjirri Teel Aviiv jiru lamaanuu banaadha. Garuu akka duraanii miti.
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahu Iraan ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatteef 'gatii jabaa' baasti jedhan.
Mana jireenyaa namootaa magaalaa Baat Yaam keessatti misaayelii Iraaniin haleelame yeroo daawwatanitti ture kana kan dubbatan.
''Iraan dursitee itti yaaddee namoota nagaa, ijoolleefi dubartoota ajjeesuun ''jireenya keenyaaf yaaddoo guddaa'' akka taate agarsiisa'' jedhan.
Namoota ajjeefamaniif ''gaddan ibsa, yaadni keenya maatii gaddan wajjin jira'' jechuun booda namoonni ajaja of eeggannoo kennamu akka hordofan yaadachiisan.
Lammiileen Iraan iddoo kuusaan meeshaalee waraanaa biyyattii jiran gadhiisanii akka ba'an waraanni Israa'el akeekkachiisee ture.
Akeekkachiisa kana lammiileen akka hin fudhanne ibsaa jiru.
''Eeyyeen, akeekkachiisa kana dhagaheera,'' jedhe namni tokko, garuu akka hojiirra hin oolchine ibse.
Namni kan biraan akeekkachiisa Israa'el kanarratti yaada kenne ''bakka buufata waraanaa ta'ee fi hin taane an akkamiinan beeka?'' jechuun gaafate.
Akeekkachiisa Israa'el kanaan daran kan yaadda'an jiraattota magaalaa Tehraan.
''Tehraan gadhiisee ba'uu hin danda'u. Maatii fagoo imaluu hin dandeenye asitti dhiisee magaalaa kana keessaa ba'uu hin danda'u. Maal gochuun danda'a, asuma taa'een eega,'' jedha jiraataan Tehraan kan biraan.
Aanga'oonni Iraan biyyi guutuun yaaddoo waraana jala akka jirtu ibsaniiru.
Garuu lammiileen akka hin sochoone hin akeekkachiisne, daldallis sochiin uummataas hin daangaffamne.
Doktaroonni Indiyaa iddoo Kamisa darbe xiyyaarri kufee caccabe Ahmedabad keessaa reenfa namoota 270 baasuu ibsan.
xiyyaarri gara Landan imaluuf ka'e kun iddoo jireenyaa ogeeyyii fayyaa Indiyaa irratti kufuun nama tokkorraa kan hafe namoonni xiyyaaricha keessa jiran 242 hunduu du'aniiru.
Namni qofaasaa balaa xiyyaaraa balaafamaa kana keessaa lubbuun oole kun lammii Biriteen nama waggaa 40ti.
Qondaalonni biyyattii namoota lafa turan, kanneen xiyyaarri kun irrati kufe, keessaa meeqa akka du'an adda baasuu itti fufaniiru.
Eenyummaa namootaa adda baasuuf qorannoo qaccee sanyii (DNA) gaggeessaa jiru.
Xiyyaarri erga balalii eegalee daqiiqaa tokko osoo hin guutin kufee caccabe kun mooraa Hospitaala Siivilii fi Kolleejii Meedikaalaa keessatti iddoo jireenya doktarootaarratti kufe.
Pirezidantiin waldaa doktarootaa Dr Dhaval Gameti balaa kanaan walumaa galatti hanga ammaa reenfi namoota 270 isaan bira dhufuu ibsan.