Naayijeeriyaatti hidhattoonni barsiisaa ajjeesanii ijoollee dubaraa 25 butan

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaa, naannoo kaaba-lixaatti hidhattoonni mana barumsaaa sadarkaa lammaffaa irraa ijoollee dubaraa 25 butanii barsiisaa tokko ajjeesan jechuun poolisii hime.
Wanbadooti kunneen Mana Barumsaa Waliigalaa Dubartootaa Maagaa, bulchiinsa Keebbii jiru Wiixata har'aati kan isaan weeraran.
Hidhattoonni kunneen ''poolisiitti dhukaasa bananii wal-haleelaa turan,'' kunis bakka bultii dubartootaa seenuun otoo hin weerariin dura ture.
Barsiisaan tokko ijoollee baraaruuf otoo yaaluu ofii ajjeefameera. Hojjetaan mana barumsichaa biraas madaa'ee yaala argachaa jira.
Namoonni ijaan argan wanbadooti naannoo sanatti baandaa jedhaman nama room'isiisuuf jecha qawwee dhukaasaa galan.
Kanaan booda ijoollee dubaraa kunneen fuudhanii gara bosona naannoo sana jiruutti dhaqatan.
Poolisiin naannicha humna dabalataa bobbaasuu himeera.








