Doorsisa Tiraamp booda Awuroppaan loltoota Giriinlaanditti bobbaaste

Biyyoonni Awurooppaa garagaraa erga Tiraamp Odola Giriinlaand to'achuuf irra deddeebiin dhaadatan booda loltoota gara Giriinlaand bobbaasan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Shawaa Kaabaa Magalaa Caancootti balaa Konkolataan lubbun namoota 15 darbe

    Bakka balaan itti muudate

    Madda suuraa, Komunikeshinii Shawaa Kaabaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Bakka balaan itti muudate

    Balaan konkolataa kun hara'a nannoo sa’a 9:00 irraatti magalaa Caancootti konkolataa Fe’umsaa Magalaa Finfinnee irraa gara kallatti magalaa Fiicheetti osoo imalaa jiruu Bajajiitti bu’uun kallatti isaa gadi dhiisee konkolataa deddebisaa ummataan walitti bu'e.

    Konkolaataan deeddebis Ummataa Minibaas Magalaa Qarree gowaa irraa gara Magalaa Finfinneetti imaltoota fe’ee kan tue yoo ta'u, walitti bu'iinsa kanaan konkolatooni lamanuu laga keessaatti kufan.

    Konkolaataa deeddebisa ummatakana keessa kan turan konkolachisaa fi gargaraa isaa dabalatee namoon 13 konkolataa fe'uumsaa kessaa kan turan da'imman 2 waligala namooni 15 battalumaatti lubbuun isanii kan darbeera.

    Namoota biraa 7 irra balaan cimaafi salphaan qaqqabeera. Namoota balaan irra gahees Hoospitaala Caancootti yalamaa akka jiran gabaasni Komunikeeshinii shawaa kaabaa kan ibse.

    Ka’uumsi balaa kanaas ariitiin konkolachisuu irraan kan ka’e to’achuu dadhabuu konkolaachisaa fe'uumsaa ta'uu fi konkolaachisichi akkuma balaa qaqqabsiisen kan bade yoo ta'uu poolisiin hordofaa jiras jedhame.

  2. Qonnaan bultoonni buufata xiyyaaraa Bishooftuuf ka'an maal jedhu?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Daandiin Qilleensa Itoophiyaa buufata xiyyaaraa Afrikaa keessa guddaadha jedhame naannawa magaalaa Bishooftuutti ijaarsisuu eegaleera.

    Ijaarsi kuni egeree Daandii Qilleensa Itoophiyaaf abdiidha, guddina biyyattiifis gumaacha jedhameera.

    Haa ta’u malee, akkaataan qonnaan bultoonni kaafaman kanneen komatan jiru. Mootummaan komii kana ni waakkata. Qonnaan bultoonni maal jedhu?

  3. Puutiin Israa'elifi Iraan araarsuuf akka mari'atan waamicha dhiyeessan

    Natinahu fi putin

    Madda suuraa, AFP

    Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi pireezdaantii Iraan Masuud Pezzekiyaan waliin bilbilaan dubbataniiru.

    Marii isaanii kanaanis Raashiyaan biyyoota lamaan gidduutti akka araarri bu'uuf jaarsummaan akka gidduu seentu yaada dhiyeessan.

    Qaala'iinsa jireenyaa olka'aa dhufuun walqabatee hiriirri ummataa dhuma Muddee irraa eegalee Iraan keessatti hammachuun guutuu biyyattiitti interneetii cufamuu fi namootni 2,677 ta'an akka ajjeefaman gabaasaleen mirga namoomaa kan ibsan.

    Haalli kunis Baha Giddu Galeessaa keessatti muddama kan uumee fi pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan rukutuuf doorsisa turetti sagaleen abdii araaraa buusuu kun kan Putiin irraa dhagahame.

    Dubbi himaan Raashiyaa akka jedhanitti Putiin waldhabdee Waashingitan fi Tehran gidduu jiru hir’isuuf “tattaaffii itti fufuu'' jedhe.

    Dubbi himaan Dimitiri Peeskov kun akka himanitti, Moskoo “bu’aa haasawa bilbilaan pirezidaantii Iraan waliin taasifte yeroo dhiyootti ni ifoomsiti” jedhan.

    Marii Putiini fu MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin taasisaniin “dantaa tasgabbii fi nageenya naannichaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan siyaasaa fi dippilomaasii cimuu qaba'' jedhan irratti waliin mari'ataniiru.

  4. Keeniyaan lammiileen dorgommii "muka hammachuu" irratti akka hin hirmaanne akeekkachiiste

    Shamarree Keeniyaatti guyyoota sadii walitti aansuun muka hammachuudhaan riikardii cabsite.

    Madda suuraa, Truphena Muthoni

    Ibsa waa'ee suuraa, Shamarree Keeniyaatti guyyoota sadii walitti aansuun muka hammachuudhaan riikardii cabsite.

    Erga shamarreen ganna 21 Tirufena Mutooni yeroo dheeraf muka hamaachuun rikoordii mataa ishee cabsitee sa'aatii 72f ykn guyyoota sadii walitti aansuun turtee Rikoordii Addunyaa haaraa Giinis galmeessitee booda lammileen hedduun yaa'anii muka hammataa jiru.

    Ministeerri Fayyaa Keeniyaa namoonni dorgommii muka hammachuu yeroo dheeraaf hirmaatan baay'ataa dhufuu isaatin yaadda'uu ibsee, hirmaattota tokko tokko rakkoo fayyaa cimaan muudachuun hanaga hospitaala ciisuutti ga'aniiru jedhe.

    Akka ibsa Ministeerichaatti, jiraattota biyyattii dorgommii akkasii irrattii kallatumaan bobba’uu isaanii dura qorannoo fayyaa bal’aa gochuu qabu.

    Dorgommii haala fayyaa lubbuu isaanii balaadhaaf saaxiluu danda’u hirmaachuun dura adda baasuu akka qaban akeekkachiisera.

    Gochootni akkasii yoo namni tokko sirnaan hin qophoofne balaa ta’uu akka danda’u, akkasumas namoonni sochii qaamaa cimina olaanaa qabu irratti hirmaachuuf yaadan hirmaachuu isaanii dura akka gaariitti qophaa’uu isaanii fi leenjii duraa fudhachuu isaanii mirkaneessuu akka qaban ibseera.

    Kanaan dura biyyattii keessatti namoonni hedduun muka hammachuu yaalanii sababa fayyaatiin kufanii argamaniiru.

    Kunis kan ta'e erga shamarreen sun rikardii ishee kanaan dura sa'aatii 48 ture gara saatii 72tti fooyyeessuun ijoo dunbbii taateefi badhaasota heddu aragtteen boodadha.

    Shamarreen sun dhimma kunuunsa naannoo fi biqilootni ciramuu hin qaban jedhu agarsiisuuf sana agarsiisaa turte.

  5. Bu'aa filannoo yerootiin Museeveeniin garaagarummaa guddaan dursaa jiru

    Yoweri Museveniin

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Yoweri Musevenii

    Filannoo pireezdaantummaa Yugaandaa kamisa kaleessa gaggeefameen Yoweri Museveniin garaagarummaa guddaan dursaa akka jiran bu’aan filannoo yeroo akka mul’isutti komishiniin filannoo biyyalessaa biyyattii beeksiseera.

    Akka bu’aa yeroo Jimaata ganama ba’etti Museveniin sagalee dhibbeentaa 76'n dursaa jira.

    Hogganaan finciltootaa duraanii Museeveeniin yoo injifatan gara waggoota 45f biyyatti bulchu jechuudha.

    Bu'aan qorannoo kanaa buufata filannoo biyyattii keessaa dhibbeentaa 45 irraa walitti qabameera.

    Akka bu'aa filannoo yeroof ejensichaa agarsiisutti, hogganaan paartii mormituu Boobii Ween sagalee gara dhibbeentaa 20 argateera.

    Lammiileen Yugaandaa mormii fi jeequmsa irra deddeebiin ka’een booda filannoo biyyoolessaa walxaxaa Kamisa darbe gaggeeffameen ammas irra deebiin Museeveeniin filatamuu akka danda'an sagaleen walitti qabame kan mul'isu

    Pireezdaant Museeveenii manguddoo ganna 81, pirezidaantii ta'uun marsaa torbaffaaf dorgomaa jiraniidha

    Taphataan duraanii Boobii Weeyin, kan ganna 43, yeroo filannootti hanni ''guddaa'' akka ture dubbateera.

    Bobii Wayne ragaa hanna filannoo jedhan kana hin dhiheessine. Komishiniin Filannoos deebii hin kennine.

    Museveniin ilma isaa Muhuzi Kainurugaba, jeneraal waraanaa akka isa bakka bu'utti akka filatu bal'inaan amanama.

    Garuu pirezidaantichi kana ni haalu

    Komishiniin filannoo biyyattii bu'aa filannoo pirezidaantii kan xumuraa Dilbata dhufu akka ifoomsu ibseera.

  6. Biyyoonni Somaaliyaa deeggaran gamtaa ittisaa cimaa ijaaraa jiran kamfa’i?

    Xiyyarota waraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Paakistaan, Sa’uudii Arabiyaa fi Turkiin marii gamtaa waloo ijaarrachuu waggoota dheeraa booda waliigalterra ga'uu isaanii mirkaneessaniiru.

    Haa ta’u malee waliigalteen ammaa kun ammoo waliigaltee nageenyaa Paakistaan ​​fi Sa’uudii Arabiyaan bara darbe mallatteessan irraa addadha.

    Sawudiin biyya naannwa Galoo Galaanaa keessatti olaantummaa argataa jirtuudha.Paakistaan ammoo biyyoota Nikulera hidhatana keessaa tokkodha.

    Garee kanatti Turkiin makamuun ammoo gamtaa ittisaacimaa haaraa addunyarratti ijaaruu akka danda'u gabaasaleen kan eeran.

    Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan ibsa gaazexeessitootaaf Kamisa darbe Istaanbulitti kennaniin akka jedhanitti, "yoo biyyoonni wal amanan gamtaa cimaa" dhimmoota furmaata naannichaa ta'u uumuu akka danda'u ibsan.

    Yaadni pirezidaanti Turkii Taayib Erdogaan 'Gamtaa cimaa fi hunda galeessa dhibbaa Turkii dabaluu danda'u ijaarudha''jedhu.

    Akka Rooyitrs gabaasetti wixineen waliigaltee qophaa’aa waan jiruuf biyyoonni irratti waligalun kan raggaasisan ta'a jedhe.

    Akka xinxaltootni jedhanitti Turkiin Awurooppaa osoo jirtuu, Baha Giddu Galeessaa fi biyyoota Arabaa keessas dantaa qabdi.

    Waggoota dhiyoo asitti meeshaaleen waraana Turkii waraana adda addaa keessatti akka ''qorichatti'' barbaadamuun n xiyyeeffannoo idil-addunyaa qabteera.

    Waldhabdee Yukireen, Sooriyaa, Liibiyaa fi biyyoota biroo heddu keessatti dirooniin Turkiigahee guddaa taphataniiru.

  7. Dubartiin Venezuweelaa Noobelii Nagaa mo'atte medaaliyaashee Tiraampiif kennite

    Hoggantuun mormituu Venezuweelaa Maariyaa Koriinaa Machaadoo pirezidant Tiraampiif badhaasa Noobelii Nagaa argatte yeroo kennituuf

    Madda suuraa, Reuters

    Hoggantuun mormituu Venezuweelaa Maariyaa Koriinaa Machaadoo walga'ii Kamisa Waayit Hawusitti gaggeffameerratti medaaliyaa Badhaasa Noobelii Nagaa mo'atte Pirezidant Doonaald Tiraampiif akka kennite dubbatte.

    "Har'aa nu Venezuweelotaaf guyyaa seena qabeessadha," jechuun yeroo jalqabaatiif Tiraampiin qaamaan argitee dubbatte.

    Kun kan ta'e loltoonni Ameerikaa Pirezidantii Venezuweelaa Nikoolaas Maaduroo Karakaas deemanii erga qabanii booda qoricha sammuu nama hadoochu dddabarsuun himannaan irratti dhiyaateen torban boodadha.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaarratti galataa qabu ibsuun, tarkaanfiin kun "mallattoo wal kabajuu ajaa'ibaati," jedheera.

    Paartiin ishee filannoo bara 2024 mo'achuu kan ibsite Aadde Maariyaa Machaadootiin hoggantuu Venezuweelaa haaraa akka taatu pirezidant Tiraamp deeggaruudhaaf hayyamamaa hin taane.

    Tiraamp itti-aantuu Pirezidant Maaduroo kan taate Deelisii Roodiriigez waliin dubbachaa jira.

    Maariyaa Machaadoo waliin wal arguu garuu "kabaja guddaa" akka ta'e ibsuun, "dubartii ajaa'ibaa waan baayyee dabarsitedha" jechuun ishee jajateera.

    Maariyaa Machaadoo Waayit Hawus keessaa erga baateen booda deeggartootashee karrarratti walitti qabamanii turaniin "Pirezidant Tiraamp irratti amantaa qabaachuu dandeenya," jette.

  8. Qaamoleen nageenyaa Iraan reeffa mormitootaa kennuuf maallaqa guddaa gaafatan

    Kophee namoota ajjeefamanii

    Madda suuraa, Reuters

    Reeffa namoota mormii Iraan keessa turerratti ajjjeefamanii fudhatanii awwaaluudhaaf maatiin gaafatan aanga'oonni biyyattii maallaqa guddaa isaan gaafachuu BBCtti himan.

    Namoonni BBC Persia dubbise baayyeen miseensonni maatii reeffa firootaafi maatii isaanii hospitaaota keessaa fudhachuuf maallaqa yoo hin kaffaliin fudhachuu akka hin dandeenye humnoota nageenyaan dhorkamuu ibsan.

    Hiriira mormii jabaa torban lamaa oliif guutummaa Iraan keessatti yoo xiqqaate namoonni 2,435 ajjeefamuu jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman beeksisaniiru.

    Namni Iraan Raashaat keessa jiraatu tokko reeffa maatii isaa fudhachuuf akka dolaara 5,000 (Tomaan miliyoona 700) kaffaluuf gaafatamuu BBCtti himeera.

    Kurdoonni hojii ijaarsaarra turaniifi reeffa fudhachuuf gaafatanis dolaara 7,000 akka kaffalan gaafatamuu himaniiru.

    Mootiin maallaqa gaafataman kaffaluu waan hin dandeenyeef reeffi bakka tursiisan keessa akka jiru ibsaniiru. Iraan keessatti hojjetaan ijaarsaa ji'atti dolaara 100 gadi argata.

    Bakkeewwan tokko tokkotti hojjetoonni hospitaalaa gara maatii namoonni jalaa du'aniitti bilbiludhaan qaamoleen nageenyaa reeffa miseensa maatii isaanii qabatanii osoo maallaqa hin gaafatiin dura dafanii deemanii akka fudhatan bilbilanii akeekkachiisaa turuu BBCn dhaga'eera.

  9. Somaaliyaa fi UAE maaliif walitti bu'an?

    Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud fi Pirezidantii UAE Mohaammad Bin Zaayid Al Nahyan

    Madda suuraa, MoFA UAE

    Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud fi Pirezidantii UAE Mohaammad Bin Zaayid Al Nahyan

    Somaaliyaan beekamtii Israa'el Somaalilaandif kennite hordofee deeggarsa idil-addunyaa argachuuf tibbana carraaqqii hedduu gochaa turte.

    Mootummaan Somaaliyaa tattaaffii dippilomaasii taasise hordofuun biyyoota Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa hedduu irraa deeggarsa argateera, garuu hariiroon biyya tokko waliin qabu yeroo kamuu caalaa walxaxaa ta'eera.

  10. Dhaadannoo Tiraamp booda biyyoonni Awurooppaa Giriinlaanditti loltuu bobbaasan

    Xiyyaara Humna Qilleensaa Royaal Daanish

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp dhiibbaa Raashiyaafi Chaayinaa to'achuuf Giriinlaand akka barbaadan himu

    Waraanni Faransaay lakkoofsaan xiqqoo ta'an magaalaa guddoo Giriinlaand Nuuk keessatti qubatan.

    Kuni yeroo biyyoonni Awurooppaa baay'ee loltoota lakkoofsaan muraasa yeroo bobbaasaa jiranittidha.

    Biyyoonni kaan loltoota bobbaasan Jarman, Siwiidiin, Noorway, Finlaand, Nezerlaandis, fi UK dha.

    Odolli Giriinlaand qaama Denmaark yeroo taatu Pirezidantiin US Donaald Tiraamp immoo dhuunfachuu akka barbaadan irra deddeebiin dubbataa turaniiru.

    Sochiin isaanii kunis biyyoota Awurooppaa hin gammachiifne.

    Dippilomatii kan ta'an Oliviyeer d'Arvoor loltuun ergamuun ergaa siyaasaa jabaa qaba jedhu.

  11. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduu biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Isinis WhatsApp, Facebook, YouTube, fi marsaritii keenyaan nu hordofaa jenna.

    Nagaan oolaa!