Jarmanitti harki muramaa haadha lammii Eritiraa tokko daandiirratti argame

Madda suuraa, Polizei NRW Hagen
Lammiin Ertiraa yeroof eenyummaanshee hin baramne Jarman, magaalaa Weestifaaliyaa daandii A45 irratti harkishee muramaan argame.
Qaamni lammii Ertiraa hafe eessa akka jiru, isheen lubbuun haa jiraattuu, haa dhiistuu hamma yoonaa waan barame tokko hin jiru.
Harkashee muramee muka tokko jalatti argamerraa ashaaraa fudhatameen lammii Eritiraa tahuun barame.
Gabaasa miidiyaalee biyyattiirratti Wiixata darbe baheen, daa'imni baatii sadii kan dubartii ganna 32 kanaati jedhame balbala bataskaana Ortodoksii dhihoo jrutti huccuun maramee konkolaataarratti argameera.
Dubartiin muraan harkashee qofa argame kuni koolugaltummaaf garas kan deemte yoo tahu, wiirtuu kooluugaltootaa magaalaa Boon jirutti galmooftee akka ture poolisiin beeksiseera.
Daa'imni yeroo ammaa kana wiirtuu daa'immanii keessatti kunuunsi taasifamaafi akka jiru beekameera.
Muraan harkashee iddoo jireenyaashee irraa fagaatee argamuunis falmisiisaa taheera.
Dhimmi kuni kan dhagahame dubartiin tokko Dilbata halkan sa'atii 9 irratti waan hin baramne karaa irratti arguun poolisiif eeruu kennuun boodadha.
Bara 2024 Komishiniin Olaanaa Godaantotaa Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) akka beeksisetti, lammiileen Eritiraa 683,00 tahan biyyoota gargaraattii koolugaltummaa gaafataniiru.









