Waraanni Israa'el kibba Libaanos irratti haleellaa itti fufee jira; kunis erga Iraan weerarri kun akka dhaabbatu gaafattee fi yoo dhaabbachuu baate "haaloo hamaa" akka baatu doorsistee guyyaa tokko boodadha.
Waayee haleellaa Libaanos hanga ammaa kan beeknu kunooti:
Kibbi Libaanos ni haleelame: Magaalaan gara kibbaa Naannoo Xaayir jedhamtu har'a ganama haleelamte; kunis erga humnoonni ittisa Israa'el (IDF) naannicha gadhiisanii akka ba'an akeekkachiisa dabarsanii sa'aatii muraasa keessatti haleellaa raawwatame dha.
Miidiyaaleen Libaanos akka gabaasanitti, haleellaa garagaraa waraana Israa'eliin har'a ganama jalqaba irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni sadii du'aniiru. Waraanni Israa'el garuu haleellaa Kibxataa irratti hanga ammaa yaada hin kennine.
Iraanii fi Israa'el wal haleeluu dhaaban: Biyyoonni lameen erga Donaald Tiraamp Wiixata kaleessaa battala "walitti dhukaasuu" akka dhaaban gaafatetti wal haleeluu akka dhaaban beeksisanii turan.
Loltoonni Iraan lama ajjeefaman: Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, loltoonni humna qilleensaa waraana biyyattii lama haleellaa Israa'el Wiixata kaleessaa raawwateen ajjeefamaniiru.
Kunis erga dhukaasa dhaabuu dhiheenya kanaa as yeroo jalqabaatiif Iraanii fi Israa'el walitti dhukaasanii boodadha.
Caccabuu helikooptara US: Gara biraatiin naannichatti, waraanni US sababa helikooptarri isaa kan Apache jedhamu Wiixata kaleessaa handaara galaanaa Omaanitti kufuu isaa qorachaa jira - miseensonni waraanaa lama nagaan oolaniiru.
Tiraamp waliigaltee nagaaf ariifachaa jira: Kaleessa galgala, pirezidantiin US Ameerikaa fi Iraan "tarkaanfii dhumaa" waliigaltee irra ga'uu irratti akka argaman dubbatan.
Har'a hamma ammaatti waan dhageenye hin qabnu. Ulaan Galaanaa Hormuz ammas cufaadha, miidhaan diinagdee isaas caalaatti hammaachaa dhufeera jechuun gulaalaan BBC idil-addunyaa gabaaseera.