Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Haleellaan Raashiyaa bakka itti fufeetti Tiraamp marii dhukaasa dhaabuurratti Puutiiniitti aaruu ibsan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma marii dhukaasa dhaabuu Yukireen keessaa irratti puutiiniitti 'baayyee aaruu'' ibsan. Haleellaan qilleensaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattuu ammoo itti fufeera.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Miyaanmaaritti kirkirri lafaa hamaan magniitiyuudii 7.7 mudate
  • Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mootummaan ce'umsaa Yukireen keessatti hudeeffamuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin akka to'atamu yaada dhiheesse.
  • Raashiyaa fi Yukireen Galaana Gurraacha irratti walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalan
  • Morkataan Pirezidant Erdogaan hidhamuu booda Turkiitti hammaate
  • Kantiibaa magaalaa Istaanbul kan ta'an dureen paartii morkataa Ekraam Imaamoogluu malaammaltummaan himatamaniiru
  • Poolisoonni Turkii magaalaa Istaanbulii fi kutaalee Turkii adda addaa keessatti namoota hiriira ba'an gaaza nama imimmaanessuun bittimsaniiru
  • Ekraam Imaamoogluu paartii isaa Republican People's Party's (CHP) jedhamuuf kaadhimamee filannoo bata 2028 irratti hirmaachuuf ture
  • Gaazaatti 50,000 ol ajjeefaman - Ministeera Fayyaa Hamaasin hoogganamu
  • 'Ulaa Galaana Diimaaf jennee Ertiraa waliin lola hin seennu' - MM Abiy
  • Erga rokkeetiin itti dhukaafame booda Israa'el Libaanos haleelte
  • Waraanni Sudaan masaraa mootummaa deebifatuus, RSF haleellaa raawwate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Puutin humni waraanaa haaran kuma dhibbaan lakkaa'amu akka leenji'u waamicha dhiyeessan

    Pirezidantiin Raashiyaa humni waraanaa haaran 160,000 ta'u akka leenji'uf waamicha godhan. Erga bara 2011 as lakkoofsi loltoota haaraa akka leenji'aniif waamaman kun isa guddaadha.

    Puutiin waamicha godhan kanaan dhiironnu umurii 18-30 jiran kan hammatuudha. Lammileen biyyattii kuma dhibbaan lakkaa'aman leenjii loltummaa akka fudhataniif waamichi godhame kun erga Puutin lakkoofsa loltoota biyyattii guddisuu akka barbaadan ibsanii boodadha.

    Pirezidant Puutin lakkoofsi loltoota biyyattii gara miliyeena 2.9tti akka guddatuufi loltoonni idileen miliyeena 1.5 ta'uu akka qaban ji'ootan dura dubbatanii turan.

    Waamichi leenjii loltummaa ji'a Eblaafi Waxabajjii gidduutti raawwatamu kun yeroo US waraanni Yukireen akka dhaabatuuf tattaaffii gochaa jirtuttiidha.

    Raashiyaan yeroo kaan waqtii birraafi bonaa keessa ture leenjii loltummaa haaradhaaf waamicha kan gootu. Garuu waamichi leenjii loltummaa amma godhame kun kan bara 2024 irraa lakkoofsan guddaadha.

    Waraana Yukireen irratti erga bantee as loltoonni 100,000 ol Raashiyaa jalaa du'uu BBC'n mirkaneeffateera. Tarii Raashiyaan lakkoofsa loltootaa dabaluun kanneen adda waraanatti jalaa du'an bakka buufachuuf ta'inna.

  2. Somaaliyaatti mucaa waggaa 8 baddee turte namni guddaan fuudhee argamuun dheekkamsa kaase

    Somaaliyaatti mucaan durbaa ganna saddeetii erga baddee booda namni umurii guddaa fuudhee argamuun dheekkamsa kaase.

    Mucaan durbaa kun erga baddee ji'a jaha booda namni umurii guddaa fuudhuun dhagahame. Maatiin akka jedhanitti, Puuntlaand keessa maatii waliin osoo jiraattuu ji'a Fulbaanaa keessa baddee turte.

    Ji'ootan booda garuu abbaan mucayyoo kanaa nama Sheek Mohaamuud jedhamutti akka heeremtuuf waliigaluun dhagahame.

    Torbee darbe qaamoleen nageenyaa mana jireenyaa namicha mucaa ganna saddeetii fuudheetti marsuun mucayyoo namicha waliin mana keessatti arge.

    Taateen kun lammiilee Somaaliyaa biratti dheekkamsa daandii magaalaa Moqaadishootti bahuun mormii akka dhageessisan taasiseera.

    Miidiyaa hawaasaa gubbaattis waa'ee seera maatii biyyattiirratti falmiin ka'ee jira.

    Somaaliyaa keessatti umuriin xiqqaan namni itti gaa'ela dhaabbachuu danda'u seeran daangeffamee hin jiru.

    Firri mucaa ganna saddeetii kun tokko akka jedhanitti, mucayyoon kun ji'a Fulbaanaa keessa magaalaa Bosaasoo keessaa dubartii fira taaten fudhatamte.

    Maatin mucayyoo kanaa irra deddeebin iyyaafatanis achi buuteeshii osoo hin barin ji'ootaf turan. Boodarra namichi Sheek Mahaammud jedhamu fuudhun barame.

    Sheek Mohaammud jalqabarra mucayyoo kana "Qur'aana barsiisufan of biratti fuudhe" jechuun akka haadha manaatti akka hin fuune haalus, boodarra himanni irratti banamnaan amane.

  3. Lammiilee Itoophiyaa dabalatee kanneen US ari'atamuun Paanaamaa geeffaman rakkataa jiraachu himan

    Lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantonni Eeshiyaa fi Afrikaa hedduun magaalaa Paanaamaa hoteela qananiin guutame keessatti erga itti cufamuun karaa foddaa gargaarsa kadhachuu eegalanii ji'a tokkoon ol ta'eera.

    Jarreen kunneenis US irraa gara magaalaa guddoo Paanaamaa, biyya kibba Ameerikaa Giddugaleessaatti argamtutti ari'amuudhaan kan abdii tokko malee ukkaamfamanii argaman.

    Isaan keessas dhiirota, dubartootaa fi daa'imman biyyoota kan akka Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa, Iraan, Afgaanistaan, Neepaal, Paakistaan, Kaameeruun, Chaayinaa fi Raashiyaa akka ta'an sochiin amantaa 'Fe y Alegría' ibseera.

    Dhaabbatichi yeroo ammaatti godaantota kanneen keessaa 51 magaalaa guddoo biyyattii keessatti keessummeessaa jira.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbisuudhaaf karaa kanaan galaa.

  4. Israa'el haleellaa magalaaa Beerut irratti gaggeessiteen qondaala Hezbollaa ajjeeste

    Israa'el haleellaa qilleensarraa kibba magaalaa Beeruut irratti gaggeessiteen qondaala Hezbollaa dabalatee namoota afur ajjeeste.

    Ministeerri Fayyaa Libaanos akka ibsetti, kanneen du'aniin alatti namoonni afur madaa'aniiru.

    Humni Waraana Israa'el ammoo mandhee Hezbollaa magaalattii keessatti argamurratti haleellaa gaggeessu qondaala Hezbollaa tokko ajjeesu ibsite.

    Akka Isaa'el jettutti qondaalli Hezbollaa Hasan Alii mahaamuud hidhattoonni Hamaas Libaanos irraa Israa'el irratti haleellaa akka gaggeessaniif karoora baasun gargaaraa ture.

    Himannaa Israa'el kanaaf Hezbollaan homaa hin jenne.

    Pirezidaantiin Libaanos Joosef Awuun haleellaa Israa'el kana balaaleffachuun tarkaanfii balaafamaa jechuun Israa'el komatan.

    Humni Waraana Israa'el gamasaan, "sababa yaaddon nageenyaaf jecha haleellaa gaggeessun [qondaala Hamaas ajjeesun] yaaddoo sana mancaasnera" jedhe.

  5. Barataan Yunivarsiitii Tiraamp irratti xiyyeeffate US gadhiise bahe

    Barataan Yunivarsiitii Korneel waggaa eebbaa irra ture tokko sababa sochii mormii Israa’el irratti raawwatameen erga viizaan Ameerikaasaa jalaa haqameen booda biyyaa ari’amuurra Ameerikaa gadhiisuu filate.

    Barataan lammii biyyoota lamaa; UK fi Gaambiyaa ta’an, Momodou Taal bara darbe yeroo waraanni Israa’el fi Gaazaa itti fufeetti sochii mormii mooraa yunivarsitii keessatti taasisaniin viizaan barattootaa isaanii akka haqamu ta'eera.

    Mr Taal kanaan dura Ameerikaa keessaa akka hin ari'amne dhorkuuf himannaa banee kan ture yoo ta'u, garuu Wiixata kaleessaa toora X isaarratti akka maxxanseetti "bilisaa fi mataa koo ol qabadhee" biyyaa bahuu filachuusaan ibsan.

    Kunis kan ta'e erga manni murtii gaaffii akka US hin ari'amneefi akka turuuf dhiheesse dideen booda ture.

    Bulchiinsi Tiraamp barattoota idil-addunyaa mormii Israa’el irratti mooraa yunivarsiitii keessatti sochii taasisaa turan irratti tarkaanfii fudhachaa jira.

  6. Zimbaabuween waamicha mormii gaggeeffamu dhorkuuf daandii cufte

    Mormiin biyyoolessaa pirezidantiin Zimbaabuwee, Emmerson Mnaangaagwaa aangoo akka gadhiisaniif dhiibbaa gochuuf yaadame dhorkudhaaf mootummaan magaalatti cufe.

    Lammiileen biyyattiis humnootiin nageenya hedduun magaalaa keessatti waan bobbaafamaniif mormiidhaaf daandii irratti bahuu irraa fagaachuu mana keessa turuu filachuutu dhagahame.

    Hiriira karoorfame kana irratti mormitoonni muraasni qofti kan hirmaatan yoo ta’u, garee loltoota waraanaa mufatanii kanneen Mnaangaagwaa malaammaltummaa fi aangoorra turuu barbaada jechuun himataniin durfamees poolisiin bittimfamaniiru.

    Gabaasa hirmaattoonni hiriira mormichaa xiqqaa ta'uu hordofuun, hogganaan mormii kanaa Bilessed Geezaa lammiileen lammiileen Zimbaabuwee ''soddaattoota akka hin taane'' maxxansa X irratti barreessan.

    Mnaangaagwaan bara 2017tti fonqolcha mootummaa hogganaa yeroo dheeraa Roobart Mugaabee irratti raawwatame hordofuun pirezidantii biyyattii kan ta’an yoo ta’u, yeroo ammaa marsaa lammaffaa fi isa dhumaa tajaajilaa jiru.

  7. US Gaazaa keessatti seerri bahe 'qaama hunda'' irratti hojjata jette

    Ameerikaan Gaazaa keessatti ''qaamonni lafa irra jiran hundi'' seera gargaarsa namoomaa idil-addunyaa akka eegan eegdi jette.

    Haata'u malee akkas jechuunshee kun, ajjeechaa waraanni Israa'el namoota 15, kanneen ogeeyyii fayyaa gargaarsaa, hojjettoota ittisa siiviilii fi qondaala UN irratti raawwatame sanarratti qorannoo mataa ishee raawwachaa jiraachuu fi dhiisuu hin mirkanneeffannee.

    Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Taami Biruus waa'ee ajjeechaa kanaa gaafatamanii, ''wanti Gaazaa keessatti raawwatamu hundi sababa Hamaasiin kan ta'aa jirudha'' jedhan.

    Dhaabbanni gargaarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka jedhetti, Bitootessa 23 ambulaansonni shan, konkolaataan ibiddaa fi konkolaataan UN "tokkoon tokkoon" haleellamuu isaanii fi ogeeyyii fayyaa gargaarsaa ammallee uffata isaanii uffatan dabalatee reeffa namoota 15 walitti qabamanii awwaala jumlaatti awwaalamuu isaanii ibseera.

    Waraanni Israa’el loltoonnisaa konkolaattota ibsaa fuulduraa ykn mallattoo ariifachiisaa malee “haala shakkisiisaa ta’een gara fuulduraatti fiigaa jiran” irratti dhukaasuun isaanii fi namoota ajjeefaman keessaa hojjetaan Hamaas fi hidhattoonni biroo akka jiran ibse.

    Haata'u malee, eenyummaa reeffa walitti qabamee cirracha keessatti awwaalame irratti yaada omaatuu hin kennine.

    Seerri namoomaa idil-addunyaa namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu kan dhorku yoo ta’u, hojjettoota yaalaaf eegumsi addaa akka godhamu gaafatee jira.

    Dhiyeessituu meeshaa waraanaa guddittii Israa’el kan taate US, haala seera namoomaa cabsuun seera mataashee kan meeshaan waraanaashee loltoota biyya biraatiin akka hin fayyadamamne dhorku cabsaa jirti.

  8. Raashiyaan US waliin 'hojiin itti fufee jira' jette erga Tiraamp Puutiinitti 'aareera' jedhanii booda

    Raashiyaan mariin Galaana Gurraachaa US waliin gaggeeffamu 'hojiin itti fufee jira' jette erga Tiraamp Puutiinitti 'aareera' jechuun dubbatanii booda.

    Akka gabaasa dhaabbata oduu mootummaa Raashiyaa Tass irraa dhagahameetti, dubbii himaan Kirmeliin Dimitirii Peskoov har’a waliigalteen jaarsummaa Ameerikaan Galaana Gurraacha keessatti dhukaasa dhaabuuf gaggeefamu hojii adeemsifamaa jiru ta’uu ibsaniiru.

    Kunis dhukaasa dhaabuu humna galaanaa Galaana Gurraacha keessatti Raashiyaa fi Yukireen adda addaatti torban darbe US waliin waliigaltee irra gahanii ture eeruudhaan kana jedhan.

    Peskov har'a akka jedhanitti, sochiin Midhaan Galaana Gurraacha kanaan dura bara 2022tti haleellamee, ''kutaa Yukireen ilaallatu keessatti hojiirra ooleera'' garuu kutaa Raashiyaa ilaallatu keessatti gonkumaa hin raawwatamne. Kanaaf, Raashiyaan bara 2023 waliigaltee kana keessaa baate.

    "Kanaaf, gadi fageenyii kun hundi amma adeemsa qunnamtii keenya keessatti xiyyeeffannoo barbaachisaa argachaa jira" jechuun cimsanii dubbataniiru.

    ''Ammaleen hojiin hojjetamuu qabu tokko tokko jira,'' jechuun kan gabaase Taas, ''waa'ee dhimmoota ajandaa keessa jiran bal'inaan keessa seenuu hin danda'u'' jechuus dabaluun ibseera.

  9. Taphataan buunyaa dorgommiirra osoo jiruu of wallaalee du'e

    Lammiin Naayijeeriyaa Gabri'eel Oluwaaseeguun dorgommii buunyaa irratti osoo dorgomaa jiruu du'e.

    Dorgommii buunyaa Sambata darbe Gaanaatti gageeffamerratti taphataan kun of wallaalee kan du'e.

    Gabri'eel dorgommii buunyaa ulfaatiina salphaatiin shaampiyoonaa biyyaalessaafi akkasumas shaampiyoonaa Lixa Afrikaa ture.

    Dorgommii Pirofeeshinaalaa Liigii Buunyaa Gaanaa irratti hirmaachuuf garas kan imale lammiin Naayijeeriyaa Gabri'el Oluwaaseeguun, taphataa buunyaa lammii Gaanaa Joon Mbanuuguu waliin osoo dorgommiitti jiranuu of wallaale.

    Abbaan Taayitaa Dorgommii Buunyaa Gaanaa akka beeksisetti, Gabri'eel battala of-wallaaletti wal-dhaansa dursaa argatee gara hospitaalatti geeffamus lubbuun hafuu hin dandeenye.

    Lammiin Naayijeeriyaa kun dorgommiiwwan buunyaa 23 irratti hirmaatee 13 yoo injifatu saddeet ammoo injifatameera.

  10. Siwidiin deeggarsa waraanaa isa guddaa Yukireeniif kennuu beeksifte

    Mootummaan Siwidiin deeggarsa waraanaa dolaara biliyeena 1.2 Yukireeniif kennuu beeksise.

    Deeggarsi kun kan kanaan duraa irra baay'ee guddaadha jedhame.

    Ministiirri Ittisaa Siwidiin Paal Joonsan gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin Siwidiin erga, "deeggarsa keenya cimsuu akkasumas humna leenya kallattii hundaan jabeessuu" akka barbaaddu dabarsuu akka barbaaddu himan.

    Deeggarsi waraanaa biyyattiin Yukireenif kennite kun, deeggarsa meeshaalee waraanaa sirna Ittisaa, artilarii akkasumas qunnamtii saatalaayitiifi dandeettii humna galaanaa irraa akka ta'e ibsa ministiirri ittisaa.

    Raashiyaan bara 2022 Yukireen weeraruu hordofee Siwidiin miseensummaaf NATO'tti iyyachuun fudhatama argattee amma miseensa taatee jirti.

  11. Tiraamp dhimma waraanaa Yukireen xumuruurratti maal jedhan?

    Waraana Yukireen keessatti gaggeeffamu saffisaan xumuruun qaama duula filannoo Tiraamp filattota US keessatti dhiyeessan turan keessaa tokko ture.

    ''Yoo injifanne dafnee furmaata arganna jedheen yaada,'' jechuun ture kan Fulbaana darbe yeroo Zeleniskii waliin Niiw Yoorkitti wal argan kan dubbatan.

    Haata'u malee dubbiinsaa haala waliigaltee kana itti taasisuuf yaalaa jiruu yeroo gara yerootti jijjiirameera.

    Falmii duula filannoo pirezidantii karaa televijiiniin gaggeeffameen, Tiraamp ''osoo pirezidantii hin ta'in durayyuu akka xumuramu'' waadaa galaniiru.

    Sunis waadaa duraan Caamsaa 2023 keessa seene irraa kan hammaate yoo ta'u, yoon filataman sa'aatii 24 keessatti lola dhaabuu akka danda'u dubbatan. Jecha kanas yeroo hedduu irra deebiiin dubbate.

    ''Waliigalteen sun salphaa ta'a,'' jechuun Tiraamp yeroo duula filannoo taasisan, ammas jecha kanaa yeroo hedduu irra deebi'aniiru.

    Jalqaba baatii kanaa, osoo aangoosaanitii baatii lama hin guutiin dura, sa'aatii 24 keessatti waraana dhaabuu akka danda'u yeroo dubbatan "xiqqoo qoosaan ture" jedhanii ture.

  12. Tiraamp Raashiyaarra qoqqobbii kaa'uuf dorsiisuu hordofee Mooskoon mariif qophii ta'uu beeksifte

    Waraana Yukireen dhaabuuf yaada dhiyaate Puutin lafarra harkisaa jira jechuun Raashirra qoqqobii kaa'uf Tiraamp akeekkachiisee ture.

    Yaada Tiraamp kana booda Raashiyaan iba kenniteen US waliin hojjataa ajja jirtu beeksifte.

    Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimiititii Peeskoov ibsa miidiyaaf kennaniin, walitti dhufeenya US waliin qaban fooyyessuuf hojjataa jiraachuu ibsan.

    "Adda dureen dhimmoota walitti dhufeenya keenyaa keenya bulchiinsa duraanii UStiin baay'ee miidhame furuu irratti Ameerikaa waliin itti fufnee hojjataa jirra.

    Akksumas djimma nageenya Yukireen ilaalchisee wantoota garaa garaa irratti hojjataa jirra," jedhan Dimiitirii Peeskoov.

    Dbalauunis, "Hojiin itti fufee jira. Ammatti waanti himnu qabatamaan waanti irra gahame kana jennu hin jiru. Pirezidaant [Puutin] Pirezidaant Tiraamp waliin dubbachuuf qophiidha, Barbaachisaa taanan, toorri bilbilaa [isaan ittii waliin dubbatan] qindaa'uu danda'a," jedhan.

  13. Raashiyaan halkan darbe qofaa diroonii Yukireen hedduu haleeltee kuffisuu himte

    Gabaasa keenya kanaan duraatiin guyyoota muraasaa darban keessatti Raashiyaan walitti fufiinsaan Yukireen irratti haleellaa raawwataa jiraachu isin biraan geenyee turre.

    Amma ammoo daangaa gama biraa irraa odeeffannoo haaraa dhaga'aa jirra.

    Innis Ministeerri Ittisaa Raashiyaa halkan tokkotti dirooniiwwan Yukireen 66 haleellaa kuffisuu ibseera.

    Isaan keessaayis bulchiinsa Biraayinskii keessatti diroonoota 41,bulchiinsa Kaalugaa irratti 24 fi bulchiinsa Kursk irratti tokko akka ta’e dubbatan.

  14. Raashiyaan Yukireen irratti boombii humna cimaa qabu fayyadamuu itti caalchiifte

    Raashiyaan Yukireen irratti boombii 'glide' kan humna cimaa qabu fayyadamuun haleellaa raawwatamu cimsaa jiraachuu gabaasni ibse.

    Guyyaa Dilabataa qofaatti, boombii 'glide' 223 loltootaa fi qubsuma Yukireen irratti dhukaasuu ishee, Istaafni Jenaraal Yukireen himan.

    Boombiin 'glide' meeshaa gatiisaa baayyee alphaa ta’e garuu ammoo kan miidhaa olaanaa qaqabsiisuu danda'auudha.

    Akkasumas dhiheenya kessa baayyinni boombii kanaa la tokkootti dhukaafamu haalaan dabaleera.

    “Ji’a Amajjii keessaa diinni haleellaa qilleensaa tokko keessatti giddu galeessaan boombii 'glide' lama-sadii yoo fayyadamu, ammabaayyinni kun gara boombii afur-shan, yeroo tokko tokko immoo gara sagalitti illeen ol guddateera,” jechuun dubbi himaan ajaja hojii Yukireen Luhansk, Dmytro Zaporozhets, gaaffii fi deebii TV Bitooteessa 1, taasianiin kan dubbatan.

    Akka gabaasaaleen jedhaniitti bara darbe Raashiyaan ji’atti boombii 'glide' 3,000 ol Yukireen irratti fayyadamteetti.

  15. Tiraamp dhimma marii dhukaasa dhaabuu Yukireen irratti Puutiinitti 'baayyee aaruu' himan

    Doonaald Tiraamp torban hedduudhaaf Yukireen keessatti dhukaasni akka dhaabatuuf mari'achuuf yaalii taasisaniin booda, pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinitti akka ''baay'ee aaran'' dubbatan.

    Gaaffii fi deebii NBC News waliin taasisaniin, Tiraamp Puutiin amanamummaa pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskii irratti duuluu isaaniitiin akka aarsan ibsuun, yoo dhukaasa dhaabuu didee ammoo biyyoota boba'aa Raashiyaa bitatan irratti gibira %50 akka kaa'an doorsisan.

    "Anii fi Raashiyaan waraanaa Yukireen keessatti dhiiga dhangalaasaa jiru dhaabuu irratti waliigaltee gochuu yoo dadhabnee fi sun badii Raashiyaa akka ta'eetti yoon amane, boba'aa Raashiyaa keessaa bahu hundarratti... gibira lammaffaa kaa'uufan jira," jedhan.

    Yaadonni Tiraamp kunis haasaa inni Puutiinii fi Raashiyaa irratti qabu jijjiiramuu kan agarsiiseedha. Gabaasa kanarratti bal'insaa karaa kanaatiin argachu dandeessu.

  16. Fannoo Diimaa Gaazaatti ogeessoonni fayyaa 8 jalaa ajjeefamu ibse

    Waldaan Fannoo Diimaa fi Ji'a Diimaa addnyaa oggeessoon fayyaa dhaabbatichaa Kibba Gaazaa Raafaa keessatti tajaajila namoommaa kennaa turan saddeeti jalaa ajjeeffamuun akka naasise ibseera.

    Hojjattoonni Ji'aa Diimaa Filisxeem kan ajjeeffman haleellaa humni waraana Israa'el raawwateeniidha jedhame.

    Torbaniin dura ambulaansii namoota sagal qabatee ture bakka Alshiin jedhamuutti dhukaasni cimaan akka irratti raawwatame waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa beeksiiseera.

    Torbaniif gara sana qaqabuun sababii dhorkameef reeffiisaanii torbaniin booda Bitooteessa 23 fudhamuu ibseera. Oggeessi fayyaa tokkoo ammalleen bakka buuteensaa dhabamu himame.

    Waldaan Ji'a Dimaa Filisxeemis hojjattootaan alatti reeffi hojjattoota ejansii ittisa siiviilii jaha akkasumas hojjataa dhaabba UN argameera jedhe.

    Waldaan Ji'a Diimaa Filisxeem akkasumas Hamaas du'a hojjattoota fayyaa kanneeniif Israa'eliin itti gaafatamtu taasisaniiru.

    Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa reeffii hojjattoota fayyaa waldaa Ji'a Diimaa Filisxeem akka ''bakka yeroo dhumaatiif itti mul'atanii turan Raafaah akka hin geenyeef erga dhorkamneen booda torbaniitti reeffasaanii arganneerra'' jedhe ibsa Dilbata baaseen.

    Dhaabbatichi tarree maqaa namoota du'anii kan baasee yoo ta'u, isaaniis Musxaffaa Kifaagaa, Saaleeh Mu'aamar, Izaduun Shaaz, ahaamad Baahilil, Mahaamad Al-Haayilaa, Asharaaf Abbuu laabdaa, Raa'iid Al Shaariif fi Riifaat Raariwaan ta'u ibseera.

    Oggeessi fayyaa gara biraa ammoo Asaad Al Naasiraan bakka buuteensaa dhabameera jedhameera.

  17. Dheeressaa Qixxee: 'Diikshinarii' Oromoo, gameessa qabsoo keessatti rifeensa lama biqilche

    Obbo Dheeressaa Qixxee jedhamu. Qeellam Wallaggaa, ollaa magaalaa Dambi Doolloo bakka Igiboo jedhamutti dhalatan. Roorroo sirni abbaa lafaa uummata naannichaarran gahu keessatti dhalatanii itti guddatan.

    Daa'imummaa kaasanii cunqursaa sirna abbaa lafaa keessatti guuddachuurraa kan ka'e gaafa dargagummaa hiriyoota waliin baratan waliin qabsoo sirna abbaa lafaa buqqisuufi egeree Oromoo murteessutti lixan.

    Mishinaroonni Dambi Doollofi naannosheetti manneen barnootaa banuun Obbo Dheeressaaniifi hiriyoonnisaanii ganamaan ija akka banatan carraa baneef.

    Dambi Doolorraa hanga Yuunivarsiitii Finfinnee, qabsoo warraaqsa barattootaa, qabsoo Oromoo ABOn hogganamaa ture keessatti hirmaataniiru. Dabalataan dubbiifachuuf asiin cuqaasaa.

  18. UKn ''godaansa seeraan alaa'' dhaabuuf yaa'ii biyyoota 40 hirmaachise gaggeessuuf

    Yunaayitid Kingidam ''godaansa seeraan alaa'' yaaddoo addunyaati jetteen dhaabsiisuudhaaf yaa'ii biyyoonni 40 irratti hirmaatan guyyoota lamaaf gaggeessuuf.

    Yaa'iin ministirri mummee biyyatti Kiir Israarmar keessummeessan kunis namoota dadabarsa namootaa seeraan alaatiin ''daldala sukkanneessaa'' raawwatan dhaabsiisuufi biyyoonni goodaansa irratti haala ''irratti wal dhaban'' furuufiidha jedhameera.

    Yaa'iin Wiixata har'aa eegaluufi adda ta'unsaa himame kunus ''bu'aa qabatamaa'' fiduufi wal ta'insa idil-addunyaa cimsuurratti kan kiiyyeefate jedhameera.

    Godaansi siyaasaa Yunaayiti Kingidan keessaa ajandaa ijoo mootummaa taasifamun kan ilaalamu yoo ta'u, mormitoota aadaa cimsaniif ta'e warri riifoormstootaa, paartii UK biyya bulchuu Leebar dhimmicha to'achu hin dandeenye jechuun himatu.

    Yaa'ii kanaan dura Waajjirri Dhimma Biyya Keessaa networkii namoota seeraan ala nama daddabarsan diiguufi himannaa jajjabeessuuf Paawundii miilyoona 33 akka baasuu beeksiseera.

    Qondaaltonni Veetnaam, Albaaniyaa fi Iraaq dabaltee qondaltoonni biyyoota godaantonni hedduun irraa gara UKtti imalanii bakka bu’oota kana akka Faransaay, Chaayinaa fi Ameerikaa waliin walgahii Landan Laankaaster Haawusitti gaggeeffamu irratti ni hirmaatu.

    Akkasumas jilli Mootummaa Naannoo Kurdootaa, Interpoolii fi dhaabbilee miidiyaa hawaasaa Meta, X fi TikTok dabalatee, daldala yakkaa waggaatti tilmaamaan doolaara biiliyoona 10 (£7.7bn) baasuu kana akkamitti akka dhaabamu danda'urratti marii kana irratti hirmaataa jiru.

    Bara 2025 hanga ammaatti namoonni 6,000 ol bidiruu xixiqqaan Chaanaalii qaxxaamuranii gara UK dhuquudhaan waggaa tokkoof jalqaba rikoordii taasiseera.

  19. Namtichi awwaala maatii kunuunsutti ibidda bosonatti qabsiise qoratamaa jira

    Kooriyaa Kibbaatti maanguddoon ganna 56 tokko ibidda bosona lubbuu namoota 30 galaafate kaasuu hin oollee jedhamuun shakkamee qoratamaa jira.

    Namichi maqaan isaa hin ibsamne kunis yeroo sanatti tulluu kaawuntii Uiseong, Kaaba bulchiinsa Gyeongsang keessatti awwaala maatiisaa biratti sirna akaakayyuu raawwachaa ture.

    Himatamee jira garuu hin hidhamne, qorannoon iddoo sanaa erga xumuramee booda gaaffiidhaaf ni waamama. Shakammaan kun garuu himata kana ni haale.

    Guyyaa Sambata darbe qondaaltonni akka jedhanitti, ibiddi guddaan kun erga jalqabee waggaa 10n booda, dhumarratti guutummaatti to'annoo jala ooluu isaa himaniiru.

    Ibiddi sunis manneen qulqullummaa seena qabeessa dabalatee gamoowwan irratti miidhaa bal'aa geessiseera.

  20. Amma nu gahe, Hogganaan waraanaa Miyaanmaar namoonni du'an gara 1,700 gahuu hime

    Hogganaan waraanaa Miyaanmaar namoonni gara 1,700 kan du’an yoo ta’u, kanneen 300 ammoo ammallee achi buuteen isaanii dhabamusaanii beeksiise.

    Hogganaan waraanaa Miyaanmaar karaa bilbilaatiin kirkira lafaa kanaan namoonni gara 1,700 ta’an du’uu isaaniiMinistira Muummee Maaleeziyaa Anwaar Ibraahimitti himan.

    Hoganaan waraanaa kun itti dabaluudhaan, namoonni gara 3,400 ta'an miidhamaniiru jedhamee kan yaadamu yoo ta'u, namoonni gara 300 ta'an ammoo ammallee achi buuteen isaanii dhabamuu dubbata.

    Lakkoofsi namoota du'anii ammalleen kana caalaa dabaluu mala jechuun dubbatan itti dabaludhaan.