Ka'umsi mormii kanaa gaafa Dilbataa namoonni suuqii qaban duula hojii lagachuu eegaluusaanii yoo ta'u sababni ijoon mormichaa gatiin maallaqa Iraan gad cabuu fi qaala'insi gatii hammaachuudha.
Haala kanaan mormiin magaalaa guddoo Tehiraanitti eegale, magaalota kaanittis babal'ateera.
Inumaa kibba Iraan bulchiinsa Fars keessatti hiriirtonni waajjira mootummaa humnaan seenuuf yaalaniiru.
Hookkara magaalaa Fasa jedhamu keessatti uumame kanaan poolisoonni sadi miidhamuu fi namoonni afur hidhamuu aanga'oonni ibsaniiru.
Bulchiinsota lixa biyyattii Hamedan fi Lorestan jedhaman keessattis humnoota nageenyaa fi hiriirtota gidduutti walitti bu'iinsi mudateera.
Wayita hiriirri kun hammaatee jirutti mootummaan biyyattii Roobii kaleessaa guyyaa ayyaana biyyaalessaa ta'uu labse.
Mootummaan maaliif labsii kana akka dabarse sirriitti beekamuu baatus lammiileen biyyattii hedduun hiriira kana tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatamedha jedhan.
Sababa kanatti manneen barnootaa, dhaabbileen hawaasaa fi yuniversitiiwwan akka cufaman mootummaan labseera.
Bara 2022 dubartiin Mahsa Amini jedhamtu mana hidhaatti du'uushee mormuun erga hiriiri biyyattii keessatti gaggeeffamee as hiriirri mormiin guddaan akkanaa gaggeeffamee hin beeku.
Poolisiin biyyattii dubartiin kun hijaaba qixa sirrii ta'een uffachuu didde jechuun hidhan.
Muddama mudate kana tasgabbeessuuf humnoonni nageenyaa baayyinaan ramadamaniiru. Keessattuu iddoo hiriirri kun irraa eegale, magaalaa Tehraan keessatti eegumsi akkaan cimeera.
Pirezidantiin biyyattii Mas'uud Pezeshkiyaan ''gaaffii fi fedhii seera qabeessa'' hiriirtonni dhiheessan kabajuun akka deebii kennan ibsaniiru.
Abbaan alangaa biyyattii Mohammad Movahedi-Azad ammoo qaama biyyattii tasgabbii dhorkuuf socho'u kamiifuu deebii ga'aa akka kennan dhaadatan.