US haleellaa niwukilaraa yoo raawwatte, Iraanis deebii ni kenniti'-Miseensa Paarlama Iraan
Miseensi paarlaamaa Iraan Ameerikaan meeshaa niwukilaraa Iraan irratti yoo fayyadamte Iraanis deebii wal gitu akka kennitu ibsan.
Miseensi Komishinii Nageenyaa Biyyaalessaa fi Imaammata Alaa Paarlaamaa Iraan Fadaa Huseen Maalekii, Ameerikaan Iraan irratti meeshaa waraanaa niwukilaraa yoo fayyadamte, Iraanis deebii walgitu akka kennitu akeekkachiisan.
Ameerikaan Iraan irratti haleellaa niwukilaraa raawwachuu akka dandeessu kan gaafataman qondaalli kun "Tiraamp tarkaanfii of eeggannoo hin qabne fudhachuu hin danda'u jedhee afaan guutee dubbachuuf na rakkisa, garuu tarkaanfiin akkanaa waraana balaa guddaa qabu addunyaa irratti fiduu danda'a jedhan.
''Tarkaanfiin balaafamaan akkanaa yoo fudhatame Rippabilikni Islaamaa Iraan deebii ni kenniti, deebiin kennamus gosa meeshaa waraanaa Iraan irratti fayyadamameen kan wal madaalu ta'a'' jedhan.
Ameerikaan boombii niwukilaraa Iraan irratti yoo fayyadamte Iraan ni fayyadamti jedhamee kan gaafatamee Maalikiin, ''Ameerikaan waanuma fedhe yoo fayyadamte Iraan deebii gitu nikenniti'' jedhan.
Qondaalli kun Iraan meeshaa niwukilaraa qabdi jedhanii afaanii baasanii hin dubbanne.Yeroo Ameerikaan meeshaa waraanaa kamiiyyuu fayyadamte, Iraan deebii walfakkataa akka kennitu qofa dubbatan.
Gama biraatiin, Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp mariin Iraan waliin gaggeeffamaa jiru ykn mariin haaraan karoorfame akka hin jirre dubbatan. Waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumamuu dhabuunis walitti bu'iinsa isaanii itti fufsiiseera.
Maalekiin, Ameerikaan dirqamoota waliigaltee duraan fudhatte yoo hin kabajin, Iraan gara mariitti hin deebitu, ulaan Hormuzis banaa hin ta'u jechuun akeekkachiisan.