Tamsaasni kallattii xumurame!
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo xumurame.
Tamsaasa kallattii haaraa itti ceene asii argattu.
Nagaan bulaa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu dhaabuuf akka jedhu ibsa baasen beeksise. Biyyoonni lamaan waggoota 20 booda hariiroo erga tolfatan booda ture bara 2018 imallii xiyyaaraa gara Asmaraa kan eegale.
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo xumurame.
Tamsaasa kallattii haaraa itti ceene asii argattu.
Nagaan bulaa!
Ministirri Ittisaa Israa’el Yoov Gaalaant ‘’qoqqobbii UK dhagahuun baay’ee abdii na kutachiise’’ jechuun ibsan.
‘’Murteen kuni yeroo waraana gama baay’een lolaa jirrutti mudate’’ jechuun mufii isaanii dubbatani.
UK’n murtee kanarra kan geesse Israa’el meeshaa waraanaa UK irraa argattuun ‘’seera deeggarsa namoomaa idil-addunyaa’’ cabsuuf oola ta’a ‘’balaa’’ jedhuun akka ta’e ibsite.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’el, Israa’el Kaaz jedhamanis murtee UK kanaan mufii ibsaniiru.
Murteen UK ‘’ergaa rakkoo qabu’’ Hamaasiifi Iraanitti dabarsa jechuun ibsa baasaniin beeksisan.
Israa’el hangam huba?
Israa’el lola Hamaas waliin taasisaa jirtuuf xiyyaara waraanaa, boombiifi misaa’elii alarraa argattuun itti dhimma baati.
Kanneen duula gaggeessaniifi namoonni siyaasaa akka jedhanitti, Israa’el lammiilee nagaa sirriitti hin eegne jechuun meeshaan itti ergamu akka dhaabatu gaafataa turan.
Akka dhaabbanni Strategic Export Licensing Criteria jedhamuufi buufata isaa UK taasifate ibsetti, Israa’el meeshaa waraanaa 65% Ameerikaarraa argatti.
Jarman irraa 29.7% akkasumas Xaaliyaanirraa 4.7% dha.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu dhaabuuf akka jedhu ibsa baasen beeksise.
Akka ibsa bahetti taanaan, balaiin kuni Kibxata borii eegalee dhaabata.
Sababa adda kuteef yoo ibsu ‘’haala mijaa’aa hin taane Ertiraa keessa isa mudatee'' fi ''to’annoo isaa ala ta’eerra’’ kan ka’e akka ta’e ibse.
Kana dura Ertiraan sababii garagaraa eeruun balaliin gara Asmaraa taasifamu Fulbaana 30, 2024 eegalee akka adda citu ibsitee turte.
Eegasii Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sababa imalli gara Asmaraa akka adda citu murtaaheef aangawoota Ertiraa akka gaafatu beeksisee ture.
Osoo kanaan jiruuti Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii Fulbaana 03, 2024 eegalee akka dhaabu kan beeksise.
Kuni guyyaa aangawoonni Ertiraa dhaabaa jedhan durseeti.
Kana dura Ertiraan himannaa garagaraa Daandii Qilleensa Itoophiyaarratti eeruun murtee kanarra akka geesse beeksistee turte.
Raashiyaan barattoonni Yuukireen kumaatamaan lakkaa’aman manneen barnootaa deebi’uuf sa’aatiin muraasi qofa wayita hafetti magaalaa guddoo biyyattii Kiyiiv misaayilaan haleelte.
Kantiibaan magaalaa Kiyiiv Vitaali Kilitichoo, iddoo bishaan itti qulqulleeffamuu fi seensi buufata baaburaa misaayilaan rukutame jedhan.
Kana malees, manneen barnoota lamaa fi yuunvarsiitiin tokko haleellaa misaayilaan barbaada’an.
Waraanni Yuukireen akka ibsetti, misaayiloonni kiruus 22 fi misaayilonni baalasitikaa humna qilleensaa Yuukireeniin mancaafamuu himan.
Qondaalonni naannicha akka himanitti, caccabaa misaayilatiin namoonni sadii madaa’aniiru.
Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu namoota Hamaasiin ugguraman lubbuun manatti deebisuu dhabuu isaaniif ‘’dhiifama akka naaf gootan isin kadhadha,’’ jedhan.
Reeffi namoota ugguramanii kuni guyyaa Sambataa Raafaatti argameera.
Kana hordofuunis hiriirri mormiifi duulli hojii dhaabuu waliigala Israa’el keessatti taasifamaa jira.
Kunis mootummaan Israa'el Hamaas waliin walii galee kanneen ugguraman akka gadhiisisuuf dhiibbaa uumuufi.
Kanneen ugguraman manatti deebisuuf ''baay’ee dhihaachaa jirra’’ jechuun Netaaniyaahuu Jerusaalem keessati miidiyaatti dubbatan.
‘’Waan tokko galgala kana irra deebi’uun barbaada, ajjeechaa jumlaa booda Israa’el ajandaa idileetti hin deebituu. Hamaas gataa jabaa itti kanfala,’’ jechuun dubbatan.
Faransaayitti abbaan warraa haadhasaa irra deddeebiin dawaadhaan of dagachiisuun dhiiroonni biroo akka ishee gudeedan haala mijeessuun himatamee fi gudeeduun dhaddacha mana murtii Faransaayitti dhiyaate.
Namtichi himannaan irratti dhiyaate kun maanguddoo ganna 71 Doominik P jedhama.
Namtichi kun namoota karaa intarneetiin manatti waamee haadha warraasaa waggoota kudhanitti lakkaa’amuf akka gudeedan haala mijeessun himatame.
Abukaatoon dubartii miidhamtuu kana akka himetti, erga of wallaalchise booda irra deddeebiin miidhaa saalaa irraatti raawwataa ture jedhan.
Yakki kun lammilee Faraansaayii rifaasiseera.
Poolisiin dhiroonni 72 yoo xiqqaate gudeeddi 92 raawwatan adda baase.
Dhiroonni 50 adda baafamanii abbaa warraa dubartii kanaa wajjiin himannaan irratti banameera.
Dubartiin umriin ishee amma 72 kun yakki kun isheerratti raawwatamuu bara 2020 poolisiin itti hime.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden, Netanaahuun namoota Israa'elirraa butamanii Gaazaa jiran waliigalteen gadhiisisuu fi Hamaas waliin dhukaasa dhaabuuf hojii quubsaa hin hojjanne jechuun qeeqan.
Gabaasni akka akeekutti wixineen dhukaasa dhaabuu haaraan Ministira Muummee Israa’elitti ergamuun wayita gabaafametti qeeqa kana dhiyeessan.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden fi Pirezedantii ittaantu Kaamlaa Haaris gama intarneetiin warreen jaarsummaa kanarratti hirmaatan mariicha guduunfuuf akka gargaaruuf haasofsiisaniiru.
Namoota butaman keessaa jahan du’uu hordofee Wixata hiriirri mormii Israa’elitti hammaatera.
Baayiden Ameerikaan waliigalteerra akka gahamuuf ni dhidhiibdi jedhan.
UK’n eeyyama meeshaa waraanaa 30 gara Israa’el taasifamu addaan kutuu isaanii Ministirri Dhimma Alaa UK Deevid Laami beeksisan.
Kunis, erga oppireeshiniin waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti taasiftu seera deeggarsa namoomaa idil-addunyaa waliin wal simatuufi simatuu dhabuu isaa erga ilaaltee booda akka ta’e beeksisan.
Walumaa gala UK’n eeyyama al ergii meeshaa waraanaa gara Israa’el taasifamu 350 ta’u qabdi.
Eeyyami 30 addaan cite kuni xiyyaara waraanaa, helikooftara, dirooniifi qiyyaafannoo haleellaa lafoo mijeessan ni dabalata.
Akka aangawoonni UK jedhanitti, meeshaaleen waraanaa Israa’elitti ergaman seera deeggarsa namoomaa idil-addunyaa cabsuu keessatti hirmaachuu malu jechuun yaaddoo ibsatan.
Akka aangawoonni jedhanitti, kuni qoqqobbii meeshaa waraanaa miti.
Tapha guyyaa kaleessaa Liivarpuul Maanchistar Yunaayitidiin 3fi 0’n erga mo’e booda dhiibbaan isaa keessumaa taphataa Yunaayitid Kaazimeeroorratti cimeera.
Taphataan kuni boqonnaa dura si’a lama dogongoree galchiin lama erga seene booda yeroo boqonnaa jijjiiramee baheera.
Xiinxaltoonni kubbaa miilaas isa qeeqaniiru.
Ammamoo haati warraa isaa Anaa Maariyaanaa inni taphataa waancaa danuu mo’ate ta’u isaa hin dagatiinaa jechuun deeggarte.
Badhaasawwan inni argate Inistaagiraama irratti qooduun ‘’Yeroo hundaa Kaazemeroo isa jabaa’’ jechuun mallattoo irreefi onnee bira keesse.
Taphataan kuni Maadiriid waliin waancaa Chaampiyeens Liigii si’a shan akkasumas waancaa Laaligaas si’a sadii mo’ateera.
Erga Yunaayitid dhufemmoo Waancaa FA waliin kaase.
Xinxaltoonni kubbaa miilaa garuu akkaan isa qeeqan.
''Amma haala kana keessatti isa arguun nama gaddisiisa,'' jechuun Jeemi Kaaraagar waa'ee Kazamiiroo dubbate.
Gaari Neviil ammoo ''ofitti amanummaasaa duraanii sana dhabeera jechuun danda'a,'' jedhe.
Dubartiin qeerransa kunuunsitu paarkii keessatti erga qeerransi ishee miidhe booda hospitaala seente.
Taateen kuni Awustiraaliyaatti mudate.
Tajaajilli Ambulaansii Kuqiinsilaand (QAS) akka ibsetti, dubartiin kuni qeerransaan bakka garagaraa miidhamte.
‘’Kuni waan hin baramnedha,’’ jechuun akka qoratamu dhaabbatichi beeksiseera.
Paarkiin kuni baay’ee beekamaafi waggaatti namoota miliyoona lama ta’uun kan daawwatamudha.
Qeerransoonni Sumaatiraafi Bengaalis keessatti argamu.
Hojjettoonni kuma dhibbaan lakkaa'amaniifi miseensa waldaan hojjettoota Israa’el guddicha, Histadrut' ta'an duula hojii dhaabuutti jiru.
Kaayyoon duula kanaa mootummaan biyyattii kanneen Hamaasiin ugguraman gadhiisisuuf Hamaas waliin akka waliigalu dhiibbaa gochuudha.
Gaafa Sambataa reeffi lammiilee Israa’el ugguraman jaha Raafaatti argamuun ummata rifaasiseera.
Kunneen jalqaba akka lubbuun jiran yaadamee ture.
Kunis mootummaan Hamaas waliin waliigalteerra gahuu waan dhabeef waan mudatedha jechuuni hiriira kan bahan.
Manni Murtii Israa’el garuu waaree booda akka sa’aatii Israa’elitti sa’aatii 8:30’tti hojiitti deebi’uu qabu jedheera.
Ammoo gabaasonni akka agarsiisanitti, kuni waan ta'aa jiru miti. Mormiinis itti fufeera.
Inumaa hogganaan paartii mormituuYaayir Laappid jedhaman hiriira kanatti dabalamaniiru.
Duula hojii lagannaa gaafa Wiixataa kan qindeesse waldaan Histadrut, hojjettoonni hojiitti akka deebi’an ajajameera jechuun hogganaan waldichaa dubbachuun ni yaadatama.
Qurxummiin guddaan Weel jedhamu Raashiyaaf basaasa jedhamuun shakkamu qarqara galaana Norwaayitti du'ee argame.
Qurxummii kana Raashiyaan leenjisuun basaasaf itti fayyadamti jedhamee yaadama.
Qurxummii guddaan kun maqaa Hivaaldmiir jedhamu kan qabu yoo ta'u, reeffisaa qarqara magaala Norweey Risaavikaa jedhamtuutti argamuun qorannoof fuudhamee jira.
Qurxummiin kun waggaa shan dura bishaan qarqara Norweey keessatti mul'atee yoo turu kaameran itti godhamee ture.
Meeshan kaameeraa itti godhames "Meeshaa St. Pitisbarg" kan jedhu ture.
Pitisbarg ammoo magaalota Raashiyaa keessaa tokkoodha. Kuni ammoo gosti qurxummii kun Raashiyaaf basaasuu hin oolu shakkiin jedhu akka jiraatu taasise.
Sababni du'a qurxummii kanaa maal akka ta'e akka adda hin baane ibse dhaabanni Marine Mind jedhamu, kan reeffa qurxummichaa argeefi sochii qurxummichaa waggootaf to'ataa ture.
Hundeessaa dhaabata Marine Mind kan ta'e Sebaastiyaan Istiraand sababa du'a qurxummichaa irratti qorannoon gaggeeffamaa akka jiru AFPtti hime.
Gosti qurxummii Weel kun umurii hanga 60 jiraachuu akka danda'u hima Sebaastiyaan.
Raashiyaan bineensota akka qurxummii doolfin fa'aa leenjisuun gochaa waraanafi basaasaf itti fayyadamuun akka beekamtutu himama.
Israa'el keessatti erga waraanni biyyattii reeffa booji'amtoota afur Gaazaa keessaa baasuu beeksiseen booda aariirraa kan ka'e hiriirri mormii namoonni hedduun irratti hirmaatan gaggeeffame.
Mormiin har'a gaggeeffamus kan halkan tureetti kan fufedha.
Kaleessa namoonni kumaatama hedduun lakkaa'aman magaalota gurguddoo Israa'el hedduu keessatti gaggeeffame.
Hiriirtoonnis boji'amtoota Hamaas harkaa baraaruu dadhabuun dadhabina mootmmaati jechuun balaaleeffatan.
Hiriirri irra caalaan nagaan kan gaggeeffame yoo ta'u, Teel Aviiv keessatti qofaa daandii poolisii cabsuudhaan karaa guddaa cufanii ture.
Kaan isaanii ammoo daandii irratti ibidda qabsiisuudhaan riibaaniiwwan booji'amtoota waliin ta'u agarsiisuuf keelloo kelloo gubaa turan.
Yeruusaalam keessattis ummanni baayyeen waajjira Ministira Mummee fulduratti kan walitti qabamanii turan.
Taphataan sarara ittisaa kilaboota Liids Yunaayitid, Leesteer Siitii, Kaardiif Siitii fi Hibernian duraanii, Sool Baambaan umurii isaa waggaa 39tti du'aan boqote.
Taphataan sarara ittisaa giddu Ayivoorii Koost kun, tapha isaa Paaris Seent Jarman waliin kan jalqabe yoo ta'u, Daanfermlaayinii fi Miidilsbiroo akkasumas garee Kaardiif kan bara 2018 gara Piriimiyerliigii Ingiliiziitti guddate keessaa tokko waliins taphatee ture.
Bara 2021 yeroo taphataa Kaardiif turetti dhukkuba non-Hodgkin lymphoma'n qabamee irraa fayyee kan ture yoo ta'u, kilabii Turkii Adanaspor, kan oduu du'asaa Sambata halkan labse waliin hojjataa ture.
Ibsi Adanaspor baase akka jedhutti: "Daayreektarri teeknikaa keenya Souleymane Bamba, kan tapha Jimaata darbe Maanisaa waliin taasisaniin dura dhukkubsate, gara hospitaalaatti geeffamee achitti boqateera. Maatii isaa fi hawaasa keenyaaf jajjabina hawwina."
Oduun kunis Kaardiif ''gadda guddaan'' kan fudhatame yoo ta'u, Baambaa ''gammeessa kilabii'' jechuun ibsuun, itti dabluun, "Akka taphataa fi leenjisaa tokkootti dhiibbaan Sool Baambaan kilabii kubbaa miilaa keenya irratti qabu kan hin madaalamne ture. Hundaa keenyaaf goota, kutaa uffannaa hunda keessatti geggeessaa fi nama dhugaa gaarii ture."
Kaaba Lixa Naayijeeriyaatti bakka namoonni namoota kudhanootaan lakkaa’aman lolaa hamaa torban hedduudhaaf mudateen lubbuu isaanii dhabanii keessatti gamoon mana jireenya kufeen daa'imman lama lubbuun darbuu dabaleera jedha dhaabbati balaa biyyattii.
Ejensiin Bulchiinsa Balaa Tasaa Biyyaalessaa (Nema) akka gabaasetti, daa’imman kunneen kutaalee kaaba lixa torba lolaadhaan baayyee miidhaman keessaa tokko kan taate Kaatsinaa keessatti du’aniiru.
Kufaatii gamoo mudate sanaa hordofuun daa'ima sadaffaa ammoo miidhaan gahuu Nema'n himeera.
Kamisa darbe dhaabbatichi akka jedhetti, guutuu Naayijeeriyaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 179 sababa lolaa kanaan kan du’an yoo ta’u, kanneen kuma kudhaniin lakkaa’aman ammoo bakka jireenyaa saanii irraa buqqa'uudhaaf dirqisiifamaniiru.
Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundatti.
Tamsaasa kallatti kan ittiin odeessaalee ijoo biyya keessaafi addunyaa mara irraa isin biraan geenyu kunoo amma eegaleera.
Yoo nu hordoftan olmaa addunyaa ni hubattu.
Bakka nagaa oolaa!
Humnoonni Israa'el reeffa booji'amtoota jahaa Hamaasiin ajjeeffamnii Gaazaa keessatti deebiisuusaanii erga gabaafamee sa'aatii muraasa booda, amma Minisitirri Mummee biyyatti Beeniyaamin Netaaniyaahuu dubbatan.
Ministirri Mummee hanga namoota booji'amtoota ja'an ajjeesuun itti gaafatamoo ta'an hanga to'ataniittin Israa'el ''hin boqottu'' jedhu.
Dubbi himaan waraanaa, Rear Admiral Daani'eel Haagaarii ibsa kanaan dura gaazexeessitootaaf kennaniin, booji'aman kunneen ''osoo bira gahuudhaaf yeroo gabaabaa hafu keessatti'' du'uu isaanii ''xinxlalli jalqabaa'' ni mul'isa jedhanii ture.
Qondaalli olaanaa Hamaas Izzat El-Reshiq, Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuu diduusheetiin du’a namootaa kanaatiif itti gaafatamummaa qabdi jechuun dhaabbanni oduu Rooyitars gabaaseera.
Ergaa Hamaasiif dabarsan keessatti ministeerri mummichaa kun itti dabaluudhaan ''namni booji'aman kanneen ajjeese kamuu waliigaltee hin barbaadu'' jechuun dabalaniiru.
Taayilaandii keessatti lubbuu qabeeyy ''gosa weerartuu'' biyyattii keessatti babal'ate fi naannoof balaansaa olaanaa jedhamuun qondaaltonni biyyattii ibsam kana balleeffuuf duula eegalun himame.
Yaaliin to'achuuf kana raawwachuudhaafis namoonni hedduun gara haroowwanii kan bobba'an yoo ta'u, saayintistoonni ammoo fooyya'insa qaccee sanyii jeneetikii gaggeesuu eegalan
Ta'us garuu gosti qurxummii naannoo faala jedhame blackchin tialapia'n qaamoolee bishaan Taayilaandii keessatti babal'achuu itti fufee jira.
Hanga ammaattis bulchiinsota 17 irratti dhiibbaa qaqqabsiiseera jedhameera.
Qorannoo paarlaamaan biyyattii qurxummiin kun attamiin akka babal'ate ilaalchisuun gaggeessaa kan jiru yoo ta'u, bakka bu'aan Baankook Naataachaa Boonchaiinsawat, ''naannoo faalamaa dhaloota eegeereetti hin dabarsinu'' jedhan.
Taayilaand gosa qurxumii blackchin tialapia jedhamu kanaan yoo weeraramtu kun yeroo jalqabaa miti. Garuu kan ammaa kun kan yeroo duraa irra hedduudha.
Miseensi paarlaamaa Naataachaan akka jedhaniitti, weerara kana dhaabsiisuudhaaf doolaara miiliyoona 293 gaafachuu danda'a.
Gosi qurxumii blackchin tialapia jedhamu kunis bishaan biyyattii keessatti lubbu qabeeyyii bu'aa qaban gara biraa adamsee soorachuudhaan akka rakkoo cimaatti kan ilaalame.
Mootummaan Taayilaandi lammiileen gosa qurxummii kana akka kiyyeessaniif kan jajjabeessaa ture yoo ta'u, qurxummichi garuu lageeniifi hidhawwan hunda keessa seenuu eegaleera.
Qurxummiin kunis haroowwanii fi lageen soogidda qabaniifi qulqulluu keessa jiraachuufi babal'achu ni danda'a.
Mootummaan Taayilaandis namoota qurxummii kana kiyyeessaniif maallaqa kennuuf waadaa kan seene yoo ta'u, kilograama tokkotti doolaata 0.42 ykn maallaqa biyyattii baht 15 kanfalaaf.