Bakka bu’aan Paartii Dimokiraatotaa ganna 71 Biraad Shermaan dhuguma xiyyaara keessatti poornoogiraafii ilaalaa turanii?

Madda suuraa, Getty Images
Bakka bu’aan Paartii Dimokiraatotaa ganna 71 tahan Biraad Sheermaan xiyyaara keessaa taa’uun poornoogiraafii ilaalaa ture jedhamuun suuraan qoodamaa ture.
Suuraan X irratti maxxabfame namoota miliyoona 12 oliin ilaalameera.
Suuraan qullaa dubartii agarsiisuu fi xiyyaara keessa taa’ee yeroo inni ilaalu agarsiisu baay’inaan qoodamee ture.
Sheermaan yeroo xiyyaara irra ture fuula Tiwiiteriikoo baneen daddabarsa ture.
‘’Akka carraa tahe Elon Maask, Algoorizimiin Tiwiterii [X] akka hin taane waan godheef qabiyyee namoonni hin gaafanne ykn qabiyyicha argachuuf ‘subscribe’ hin goone namatti fida,’’ jechuu isaanii Fox News dubbii himaa isaa wabeeffachuun gabaase.
Sheermaan Kaalifoorniyaa bakka bu’uun miseensa Kongireensii buyyattiiti.






