US haleellaa sayibarii dhaabbata bishaaniif qondaaltoota Iraan adabde
Ameerikaan qondaaltoota Iraan cimoo kanneen miseensa Garee Eegdoota Warraaqsa Isaamaa (IRGC) jaha haleellaa saayibarii dhaabbilee bishaan Ameerikaa irratti bara darbe gaggeefameef itti gaafatamoodha jedhen irra qoqqoobbii keesse.
Qoqqoobbiin kunis wayita US ajjeechaa loltootashee Joordaan keessatti raawwatameef haaloo bahuuf qophaa'aa turtetti ture.
Ajjeechaa raawwatame sanas garee milishootaa Iraaniin deeggaramanitu itti gaafatamodha jetti US.
''Basaastoota saayibarii Iraaniin ta'e jedhanii bu'uuraalee misoomaa murteessoo ta'an irratti xiyyeeffachuun gochaa balaafamaadha,'' jedhan Biraayaan Neelsan, qondaalli Tika Maallaqaafi Shororkessummaa.
Namoonni qoqqobbiin irra kaa'ame kunneenis qaamaa Ajaja Saayibarii Elekitiroonii Cyber-Electronic Command (IRGC-CEC) fi kan Haamiid Reezaa hammatuudha jedhan dursaan dhaabbata saayibarii fi ajajjaan Humna Iskuwaadi IRGC.
Humni Isquwaad kan duula waraanaa Iraan to'atuufi kan Ameerikaan Jidduugala Bahaa keessatti haleellaa raawwatamaa jiruuf itti gaafatamoodha jettudha.
Obbo Neelsan itti dabaluudhaan, "Ameerikaan tarkaanfii akkasiif obsa kan hin qabne yoo taatuu, meeshaalee fi aangoo geenya guutuutti fayyadamuun kanneen balleessaa raawwatan itti gaafatamo taasifna'' jedhan.
Ejjansiin Nageenya Saayibariifi Nageenya Bu'uraalee Misoomaa Ameerikaa (Cisa)n sirna bishaan Ameerikaa kan jiraattoonni dhugaatiif irratti bu'urreeffatan 'target-rich, cyber-poor'jedhan.
"Sababii kanaafiidha kan Cisa'n ariifannaa kanaan socha'eef'' jedhan eejansichatti Ittaanaan daareektara olaanaa nageenya saayibarii, Eriik Gooldsteen af-gaaffii BBC waliin taasisaniin.