Maraammartoo ajjeechaafi yaaliiwwan ajjeechaa siyaasaa US - Amma daangaa darbeera

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Sambata darbe halkan namoota galma hafeerraa irbaataa waldaa gaazexeessitoota Waayit Haawus keessa turaniif, wanti bakka sanatti mudatee argan haaraa miti. Dhukaasatu baname, burjaaja'uufi naasuu, akkasumas wanti hunduu battalatti hokkaraafi goolamatti jijjiiramee argan.

Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi ittaanaa pirezidantii SD Vaans dabalatee aanga'oonni olaanoo biyyattii, akkasumas gaazexeessitoonni uffata irbaataan miidhaganii nyaanniifi dhugaataan sirnaafi kabajaan dhiyaataa ture battalatti goolamaan dhaalame.

Irbaata kanarra aanga'oonniifi namoonni mudannoofi godaannisa taatee kanaan wal fakkaatu qaban turaniiru.

Haati warraa aktivistii warra konservaativii [namoota ilaalcha ganamaatti cichuun ykn leellisuun beekaman] Fulbaana darbe ajjeefamee Chaarlii Kiirk, Erikaa Kiirk imimmaantu irra yaa'e.

Bara 2017 garee michootasaa Rippabilikaanota ta'an waliin osoo shaakala Beezbooliirra jiruu dhukaasa irratti banameen miidhaan lubbuu isaaf yaaddessaa ture kan irra gahe dursaan warra Mana-maree keessatti sagalee olaanaa qabanii Kongiresmaan Istiiv Sikaalseen humnoota tikaan bakka sanaa baafame.

Akkuma kana ammoo abbaaniifi eessumni isaa rasaasaan kan jalaa ajjeefaman Ministirri Fayyaa US Roobert F Kenediin irbaata dhukaasaan goolame kana keessaa humnoota nageenyaan baafame.

Gaazexeessitoonni baayyeen bara 2024 hiriira Baalter, Pensilveeniyaatti turerratti hidhataan Doonaald Tiraamp irratti dhukaasa banee gurra isaa madeessee booda sinaayparii humnoota nageenyaan ajjeefame ijaan argan galgala kana irbaata kanarras turaniiru.

Ameerikaa ammayaa keessatti, ajjeechaafi yaaliiwwan ajjeechaa goolama siyaasaa keessaa dhabamaa waan hin jirreef eenyurrayyu, bakka kamittiyyu mudachuu waan danda'u fakkaacha ajira.

Taateen Ebla 25, 2026 mudate kun yaalii kallattiin Doonaald Tiraamp irratti xiyyeeffate sadaffaadha. Kunis dhukaasa Baatler, Pensilveeniyaatti gurra isaa madeesseefi kan bara 2024 keessa rizoortii golfii Paalm Biichitti irratti yaalametti aaneeti.

Taatee biraa addaan, tajaajilli nageenyaa (Secrete Service) nama hidhatee wayita sanatti pirezidaantichi Filooriidaa keessa ta'uu baatus Kilaba Tiraamp Mar-a-Lago seenuuf yaale ajjeesaniiru.

Taateewwan akka kanaa kunneen baayyee irra deddeebiin waan mudacha ajiraniif, waanuma baratame ta'aa dhuyfaniiru.

Tiraamp, itti yaaduun, tokkummaafi dubbii siyaasaa tasgabbii qabu qabaachuu wayya jechuun waamicha taasise.

Gabaasaaleen oduu dubbii pirezidantichaa miilanaa kana "miira tasgabbii haaraa" agarsiisaa jira jechuun ibsan.

Dhumarratti, qoqqoodinsi paartii irra deebi'ee mul'achaa dhufuun isaa ni argama – kana ammoo yeroo baay'ee Tiraamp mata aisaatu dursa.

Maraammartoon kun torban kana keessa daangaa darbeera.

Sambata galgala garuu Tiraamp tokkummaan akka jiraatuuf waamicha dhiyeesse.

"Yaada inni gaafa Sambataa [taatee dhukaasaa booda] Waayit Hawusitti kenne mormitoonni isaa baayyeerrayyu dinqisiifannaa argateera," jedha gulaalaan Wall Street tokko.

Gaaffiifi deebii Dilabata galgala sagantaa CBS Daqiiqaa 60 waliin taasiserratti Tiraamp, haala siyaasaa dhukaasa jajjabeessu uumaa jiru jechuun Dimokiraatota komateera.

Isaan booda gaaffii fi deebii kana kan goote Nooraa Odonneel waa'ee manifesto nama haleellaa raawwate jedhame barreesse erga gaafattee booda "salphina" fi "suukaneessaa" jechuun itti qoose.

Galmi imaammataa Tiraamp fi michoota isaa Rippabilikaanotaaf kaa'anis maal akka fakkaatu dafee mul'ateera.

Warri gara bitaan jiran tokko tokko, kanneen yaaddoo bilisummaan yaada ofii ibsachuu ykn aktiivismii Dimookiraatotaa irratti tarkaanfii fudhatamuun kaka'an, haleellaan kun mala ittiin pirezidaantichi ejjennoo qabu cimsatudha jechuun shira bu'uura hin qabne tamsaasaniiru.

Haata'u malee, deebiin Tiraamp erga dhukaasa kanaan booda kenne baay'inaan danqaalee galma baal'aa guddaa Waayit Haawus keessatti ijaaruuf mudatan maqsuu irratti xiyyeeffateera.

Dilbata Tiraamp miidiyaa hawaasaarratti waan Sambata darbe uumame galma guddaa ijaaruuf '' sababni sirriin'' kana ta'uu maxxanseera.

Xalayaa garee kunuunsa seenaa seera qabeessummaa galma baal'aa kanaa mormuuf barreesseen, gargaaraan abbaa alangaa waliigalaa Bireet Shumeet galmi yaadamekun ''nageenyaafi tasgabbii'' pirezidaantichaa ni mirkaneessa jedhan.

"Himannaan keessan [garee kunuunsa seenaa] lubbuu pirezidaantichaa, maatii isaa fi hojjettoota isaa balaa guddaa keessa galcha," jechuun barreesse.

Rippablikaanonni Kongiresii keessa jiran baayyeen karoora galma kana ]Waayit Hawus] keessatti ijaaruu seera dandeessisu baasuuf waadaa galaniiru.

"Galmi ijaaramuun rakkoo amma mudate kana fakkaatuuf furmaata," jedhe Afayaa'iin Mana-maree Maayik Jaaksan gaaffiifi deebii Fox News irratti taasiseen taatee hafeerraa irbaataa gaazexeessitoota Waayit Hawusirratti mudate eeruun.

"Sagantaawwan akka kanaa qopheessuuf bakka naga qabeessa ta'a."

Waldaan Gaazexeessitootaa Waayit Haawus kan irbaata maallaqa walitti qabuu kana qopheessu pirezidaantichi – akka aadaa isaatti keessummaa affeeramee – sagantaa waggaa kana akka qopheessu barbaaduufi dhiisuu isaa ifa miti.

Akkasumas, galma baal'aa eegumsa cimaa qabu yoo qabaatanillee, pirezidaantonni akkaataa idileetti haasaa, taateewwan maallaqa walitti qabuufi ummattti mul'achuu biroof Ameerikaa keessa naanna'u.

Galmi baal'aan tokko jiraachuun qofti yaaddoo nageenyaa taatee Sambata mudate fakkaatu guutummaatti oolchuu hin danda'u.

Yaaddoowwan sun akkamitti namni tokko gamoo pirezidaantii fi qondaaltota mootummaa olaanoo keessummeessu keessa meeshaa waraanaa fiduu akka danda'e, naannoon nageenyaa Tajaajilli Iccitii Ameerikaa (US Secret Service) kaa'e gahaa ta'u fi dhiisuu isaa, akkasumas keessummoonni kutaalee hoteelichaa biroo keessa jiran sakatta'amuu qabu turan kan jedhu kan dabalatudha.

Akka qondaalli olaanaa bulchiinsa kanaa jedhutti, Hoggantuun Hojjettoota Waayit Haawus Suusii Waayils jalqaba torban kanaa qondaaltota Tajaajila Iccitii waliin walga'uun "taateewwan gurguddoo pirezidaanticha hirmaachisuuf pirootokoolii, akkasumas hojmaatarratti mari'achuuf jirti – kun ammoo ganna kana kan gaggeefamu kabaja waggaa 250ffaa Ameerikaa dabalatee qophii taasifamus kan ilaallatudha..

Dhukaasa hiriira Baalter naannoo Pittsburgh jedhamutti mudateen booda, Tiraamp bakkeewwan hiriirri jirutti argamuu haalaan hir'iseera.

Erga pirezidaantii ta'aee as buufata waraanaa nageenya qabutti mul'achuu, akkasumas bakka xixiqqootti haasaa taasisuufi minjaala marsanii bakka taa'anitti mariyachuu filataa jira.

Qoodni ummata bal'aatti dhiyaachuu hafee gara walga'ii mana keessaa Tajaajilli Iccitii namoota hirmaatan sakatta'uun salphaa ta'etti jijjiirameera.

Filannoon walakkeessaa yeroo dhiyaataa jiru kanatti garuu, Tiraamp deeggartoota isaatti mul'atee akka filatan jajjabeessuun dirqama itti ta'uun garuu waan hin oolledha.

Sammuu shakkii qabuufi eegumsa cimsuun nageenya pirezidaantii mirkaneessuun nidanda'ama. Haata'u malee, gama siyaasan ammoo gatii baasisu qabaachuu danda'a.