Obbo Girmaa Waaqee Daandii Qilleensaa Yugaandaatti muudaman oduu jedhu waajirri Pirezidant Museeveenii haale

Madda suuraa, Fuula X Pirezidantii Yugaandaa Yuweeriiuula
Hogganaan aveeshinii buleessi Obbo Girmaa Waaqee hoji-gaggeessaa Daandii Qilleensaa Yugaandaa ta'uun muudamaniiru oduu jedhu waajirri pirezidantii Yugaandaa haaleera.
Torban darbe hoji-gaggeessituun Daandii Qilleensaa Yugaandaa Jeniifer Bamuturaachii itti gaafatamummaarraa kaafamuu hordofee fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa Yugaandaa Obbo Girmaa Waaqee bakka bu'u jechuun ibsaa turaniiru.
Har'as, ministirri dhimma dargaggootaafi da'immanii Malaam Baarugaharaa fuula X isaarratti, pirezidantiin biyyattii Yuweerii Museeveenii Obbo Girmaa Waaqee hoji-gaggeessaa Daandii qilleensaa gochuun akka muudetti barreessanii ture.
Haata'u malee, gabaasaan BBC Kampaalaa jiru odeeffannoo waajira Pirezidantiirraa argateen pirezidant Museeveenii jalqaba turban kanaarra Obbo Girmaa Waaqee waajira isaaniiti wal arganii akka waliin dubbatan mirkaneessee, muudama garuu haaleera waajirichi.
"Hojii-gaggeessaa (CEO) duraanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Mr Girmaa Waaqee, Mr Roobert Kateeraa waliin har'a Isteet Hawusitti wal argeera. Dhimmoota tiraanspoortii qillensaa fi dhimmoota kaanirratti mariyanneerra," jechuun Pirezidant Museeveeniin fuula X isaaniirratti baasaniiru.
Dabalataan itti-gaafatamaan dhimmoota pireesii ol aanaa pirezidaantichaa Saandoor Liil, fuula X isaaniirratti "Pirezidant Museeveenii Daandii Qilleensaa Yugaandaatiif hoji-gaggeessaa muudaniiru jedhamuun dhugaa miti," jechuun waakkataniiru.
Haata'u malee, pirezidaantichi hoji-gaggeessaa duraanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa waliin gaafa Roobii wal arganii "dhimmoota garagaraatti dabalataan waa'ee bulchiinsa aveeshinii" mariyachuu itti-gaafatamaan dhimmoota pireesii eeraniiru.
Itti dabaluun, lammileen Yugaandaa daandii qilleensaa biyyattiif hoji-gaggeessaan haaraan akka muudameetti oduu miidiyaa hawaasaarratti himamaa jiru akka dhiisan gaafataniiru.

Madda suuraa, Balaam Barugaharaa
'Abbaa Aviyeeshinii Afrikaa' kan jedhaman Obbo Girmaa Waaqee eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Girmaan hoji-gggeessaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ta'uun tajaajiluun alatti hanga ajajaa oalaanaa Humna Qilleensaa L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaatiin bakka buufamanitti, waggoota lamaaf walitti-qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaniiru.
Bara bulchiinsa Hayilasillaasee Kiiloo 4'tti barataa Heerreegaa turan.
Kubbaa miilaa akka malee jaalatu. Guyyaa tokko hiriyaansaanii tokko, ''koottu Boolee geenyee deebinaa'' jedheen.
Innis osoo fula hin mariin waliin qajeele. Eedaa hiriyoonni Obbo Girmaa qormaata balaliisummaa xayyaaraa fudhachuuf ture.
Achi gahanii waraqaan qormaataa gaafa kennamuuf, lakkii ani barataa waggaa 2ffaati jechuun qormaata fudhachuu didanis, rakkoo akka hin qabne itti himamee qormaata fudhatan.
Akka carraas ta'e oqrmaata waan darabaniif Obbo Girmaa Waaqee leenjii balaliisummaa xayyaaraa akka fudhatan itti himame.
Leenjii jalqabanii erga xiqqoo turanii booda garuu leenjisaansaanii balaliisaa cimaa ta'uu akka hin dandeenye itti himuun gara Maarkeetingiitti isaan jijjiire.
Ergasii jalqabee Obbo Girmaan deemsa milkaa'inaa jalqabuun walakkaa jaarraa oliitif aviyeeshinii Itoophiyaa keessatti nama maqaa guddaa horataniifi daandii qilleensa Itoophiyaa sadarkaa guddaan gahan keessatti gahee isaanii bahan.
Obbo Girmaa Waaqee ofisara idileerraa ka'uun itti gaafatamaa kutaa kaargoo ta'uun muudaman.
Obbo Girmaan Daandii Qilleensa Itoophiyaaf waan hedduu kaayyeffatan keessaa hedduu isaanii milkeessaniiru jedhu gaazexessaa fi xiinxalaan dhimma Aviyeeshinii Obbo Qaalayyasuus.
Kana keessaa inni ijoon damee kaargoo madda galii isa gaarii gochuudha.
Inni biraan, xiyyaarota Diriimlaayinar 787 kudhan yeros doolaara biiliyoona 1.5'n bituu isaaniiti.
''Milkaahinni isaanii inni olaanaan Vision 2010 jedhu bocanii raawwachiisuu isaaniiti'' jedhu obbo Qaalayyasuus.
Dur daandiileen qilleensaa Naayijeeriyaafi Afrikaa Kibbaa daandii qilleensaa Itoophiyaa asii gadee ilaalu turan.
Dur daandileen qilleensaa biyyoota Arabaa tokko tokko daandiin qilleensaa Itoophiyaa maaliif nu cinaa dhaabata jechuun tuffachuu eegalanii ture.
Amma seenaan geeddarameera. Kun akka ta'u namootni hedduun dadhabaniiru. 'Garuu ammoo gaheen Girmaa Waaqee olaanaadha'' jedhu xiinxalaan Aviyeeshinii kun.

Madda suuraa, ETHIOPIAN/FB
Obbo Girmaa Afrikaanooti maaf jabeessanii dinqisiifatu?
Obbo Girmaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irraa sooroma bahanii yoo gadhiisan saamichaan kan isaan fudhatte Ruwaandaadha.
Obbo Girmaan garuu boqochuu barbaadanii ture. Ijoollee isaanii waliin yeroo dheeraaf turuu, horsiisa loonii haadha warraa isaanii gargaaruu fa'a ture karoorri isaanii.
Kan boqochuu danda'an garuu waggaa tokko qofa ture. Ruwaandaan gaafatama lama kenniteef. Inni tokko Daandiin Qilleensaa Ruwaandaa akka jabaatu dura taa'aa boordi ta'uun muudaman. Kan lammataa ammoo gorsaa dhimma Aviyeeshinii Ministira Geejibaa Ruwaandaa ta'an.
Obbo Girmaan walumaagalatti waggaa shaniif Ruwaandaa turan.
'Turtii isaaniin daandii qilleensicaaf bu'uura kaahaniiru, jedhu gaazexessaa Qaalayyasuus.
Ruwaandaan booda gorsaa dhimma Aviyeeshinii pireezidantii Toogoo ta'an. Biyya Afrikaa kan biraa keessattis haala ifa hin taaneen gorsaa ta'uun tajaajilaa turan.
Yaa'iiwwan Aviyeeshinii gurguddaa irratti affeeramuun daandileen qilleensaa Afrikaa wal-gargaaruun hojjechuu akka qaban gorsaa bahan.
Sababa kanaattis maqaa masoo Abbaa Aviyeshinii Afrikaa (The father of African Aviation) jedhu argataniiru.
''Maqaa masoo qofa miti. 'Girma Waqe life achievement award' badhaasni umrii guutuu maqaa isaaniin ni kennama'' jedhu gaazexessaan Qaalayyasuus.
Naayiroobii keessatti maqaa isaaniin badhaasni laatamera. Badhaasicha kan kennes Obbo Girmaa Waaqee mataa isaaniiti.
Gaazexessichi Ruwaandaa wayita hojiif deeman kan taajjaban: ''Hunduu Waaqee Waaqee yeroo jedhu dhagaahama. Gadi jeedhanii kabajaa waliin harka isaan fuudhu. Obbo Girmaan achitti maqaa guddaa qabu. Nama ajaa'iba.''















