'Awurooppaa gahuu ykn du'a' - Dargaggoota galaana qaxxaamuruuf balaarra bu'an

'Awurooppaa gahuu ykn du'a' - Dargaggoota galaana qaxxaamuruuf balaarra bu'an

Wagga waggaan godaantonni jireenya fooyyee qabu barbaacha lubbuu ofii balaarra buusun galaana diimaa qaxxaamuru.

Kan lubbuu dhaban hedduudha. Ispeeniitti godaantonni 86 yeroo lubbuu baraaraman, Giriikiittimmoo dhibbaan kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Dhihoo giddugala Meditiraaniyaaniitti godaantonni 86 lubbuu yeroo baraaraman gaazexeessitoonni BBC doonii baraartotaarra turan.

Kanneen gara Awurooppaa imalaa turan kuni dargaggoota Gaambiyaa turani. Balaa imalli kuni qabu akka beekan BBC’tti himan.

“Yookaan Awurooppaa geessa yookaan galaana irratti duuta. FIlannoo lama qofatu jira,’’ jechuun kan lubbuun hafe keessaa tokko BBC’tti hime.