Dhukaasa Waashingitan booda sodaa fi jeequmsa ture suuraan

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Gabaastonni Waayit Haawus hafeerraa irbaataa Tiramap irratti argamerratti yeroo dhukaasni banametti namoonni teessuma jala yeroo dhokatanittiYeroo dubbisuu: daqiiqaa 4
Yeroo sagantaan irbaataa gaazexeessitoonni Waayit Hawus gaggeeffamaa turetti dhukaasni wayita hidhataa tokkoon banametti Pirezidant Doonaald Tiraampiifi aanga'oota olaanoo dabalatee namoonni irbaata kanarra turan hatattamaan bakka sana gadhiisanii akka deeman taasifamaniiru.
Hafeerraan irbaataa kun kan qophaa'e Hoteela Hilten magaalaa Waashgiteen keessatti argamutti ture.
Ameerikaatti namoonni siyaasaa olaaniifi maqaa guddaa qaban, dippilomaatonni, akkasumas gaazexeessitoonni galma Hoteela Hilten Waashingiteen jirutti argamanii ture.
Akkuma dhukaasni dhaga'ameen teessumaafi minjaala jala dhokachuuf dirqamaniiru.
Namni dhukaasa kana banuun shakkame kun Kool Tomaas Aleen kan jedhu yoo ta'u, jiraataa Kaalifoorniyaa umuriin isaa waggaa 31 ta'edha jechuun miidiyaaleen Ameerikaa gabaasaniiru.
Wixata mana murtiitti dhiyaatee himanni akka irratti banamus ibsameera.
Miseensi tikaafi nageenyaa Ameerikaa tokko miidhamee hospitaalatti wallaanamaa jiraachuu aanga'oonni biyyattii dubbataniiru.
Taateen halkan sana irbaatarratti ture suuraan maal fakkaata?

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni tikaafi nageenyaa Tiraamp akka hatattamaan waltajjiirraa bu'u yeroo godhan, loltoonni kaan ammoo naannoo sana caqasaa/hordofaa turan.
Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri fayyaa Roobert F Kenedii galma sana keessaa akka ba'u yeroo taasismaa jirutti
Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Gargaartota dhiyoo Tiraamp keessaa tokko kan ta'e Isteefen Miiler fi haati warraasaa Kaatii gara bakka nageenya amansiisaa qabutti geeffaman
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Af-yaa'iin mana maree Ameerikaa Maayik Joonsan miseensota tikaafi nageenyaan galma sana keessaa akka ba'an taasifameera.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Kophee dubartiifi faayaa lafa jiru
Madda suuraa, @realDonaldTrump/ Truth Social
Ibsa waa'ee suuraa, Suura ajaja Tiraampiin Waayit Haawus qooderratti namni mudhii ol qullaa ta'e harkisaa duubatti hidhamee lafarra ciisee mul'ata. Duuba isaan ammoo miseensonni tikaafi nageenyaa ni mul'atu. 
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Bakka dhukaasni itti baname Hoteela Hilten Waashingiten jirutti konkolaataan poolisii dhaabbataa yeroo jiru ni mul'ata
Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp erga suura shakkamaa kanaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti qoodee booda osoo baayyee hin turiin, Waayit Haawus, kutaa itti gaazexeessitootaaf ibsa kennan keessatti gaaffii gaazexeessitootarraa dhiyaateef deebii kenneera.
Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Gabaastonni Waayit Haawus baayyeen uffata irbaataa hafeerraa kanarratti argamuuf uffataniin ibsa gaazexeessitootaa Tiraamp kennurratti argamaniiru
Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Melaaniyaa Tiraamp Kaarolaayin Leviit, Piit Hegiseet, Maarkoo Ruubiyoo fi aanga'oota biroo cinaa dhaabattee mul'atti. Tiraamp haadha warraasaa Melaaniyaatti taateen Hoteela Hilten kun "rifaasisaa" akka ture himeera.
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Keessummoonni galma sana gadhiisanii erga ba'anii booda hafeerraan irbaataa addaan cite itti fufa waan jedhameef bitaa itti galee ala dhaabbachaa yeroo jiran mul'atu