Biyyoonni addunyaa Bara Haaraa 2025 akkamiin simatan?

Madda suuraa, Reuters
Biyyoonni Addunyaa dhufaatii Bara Haaraa 2025 dhukaasaa fi agarsiisa richiitiin dabaaluun haala adda addaatiin simatan.
Biyyoota adda addaa keessatti akkuma sa'aatiin garaagarummaa qabutti kanneen dursanii bara haaraa kana simatan jiru.
Itoophiyaafi biyyoota muraasa biroo dhaha ofii qaban keessatti Barri Haaraa yeroo biraa kabajama.
Ta'us, Finfinneen magaalota kanneen akka Damaasqoo fi Riyaad sa'aatii walfakkaataatti Bara Haaraa simatan keessaa tokko taateetti.
Biyyoonni yoona kana Bara Haaraa simatan irra caalaan kanneen dhaha Akka Lakkoofsa Awurooppaa yookiin bara faranjoota jedhamee beekamu hordofanidha.
Biyyoota jalqaba Bara Haaraa kana simatan keessaa tokko tokko Niiw Ziilaandii fi Awustiraaliyaa yoo ta'an, biyyoonni biroo Eeshiyaa akkasumas Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa itti aanan.
Ookland magaalaa guddittii jalqabaa bara 2025 simatte yoo taatu, richiitiin halluu adda addaa qabu gamoo dheeraa Niiw Ziilaand, Iskaay Taawor fi gidduu galoota magaalaa bakka adda addaatii gara samiitti dhukaafamuun haala dinqisiisaa ta'e bara 2025tti ce'uu isaanii gammachuun ibsatan.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman gara addabaabayii magaalaattii akkasumas naannawa richiitii gurguddaan irraa dhuka'uutti walitti qabamuun daqiiqaawwaan muraasaa seensa Bara Haaraa waliin lakkaa'aa turan.
Kaan walitti maramuun gammachuu isaani fi ergaa baga geessee waliif dabarsaa turan.
Biyyoonni akka Awustiraaliyaas kanneen dursanii Bara Haaraa simatan keessaa yoo ta'an namoonni kuma hedduu ta'an bakka agarsiisa riqicha Siidnii biratti walitti qabamuun simatan.

Madda suuraa, Reuters
Weellistoonni bebbeekamoon akka urjiin muuziqaa lammii Biriteen Roobii Wiiliyaams sagantaa kana irratti argamuun ummata bashannansiisa turan.
Biyyoota Eeshiyaa kanneen akka Jaappaan keessatti barri haaraan kun amantii waliin kan wal qabatu yoo ta'u, baatii tokkoo oliif sagantaa adda addatiin kabajamaa ture.
Ayyaanni Bara Haaraa Jaakaartaatti kabajamu irratti agarsiisa diroonii dabalatee agarsiisni dhukaasa richiitii nama hawwatu mul'ateera.
Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Indiyaa fi Siriilaankaan biyyoota biroo caalaa tartiiba yerootiin ayyaanicha dursanii kabajaniidha.
Bara Haaraa kana kabajuuf Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidam akkasumas magaalota addunyaa hedduu keessatti dhodhootuun adda addaa ni dhukaafama.

Madda suuraa, AP
Baankok keessatti manneen daldalaa sagantaa muuziqaa kallattii fi agarsiisa richiitii bakka namootni hedduun walitti qabamanitti taasifameera.
Biyyootni akka Gamtaa Arabaa, Armeeniyaa fi Azarbaajaaniif sa'aatii walfakkaata irratti Bara Haaratti ce'uu isaanii kabajatan.
Luboonni Waldaa Armeeniyaa akkuma sa'aatiin Bara Haaraa seenuuf jedhuun sirna kadhaafi eebbaan eegalu.
Dubaay gamoo addunyaa dheeraa - Burj Kaliifaa keessatti agarsiisa richiitii gara 15,600 ta'an dhukaasterti.
Kana malees agarsiisni bishaanii halluu adda addaa qabu ol ka'an agarsiisa kana waliin magaalitti addaa taasise.
Agarsiisni kunis ogeeyyii idil-addunyaa 110'n akka qophaa'e himameera.

Madda suuraa, Getty Images
Qarqara galaanaa Koopaakaabaanaa Biraazil Riyootti argamutti ammoo, namootni hedduun walitti qabamuun ayyaaneffatu.
Ayyaanni beekamaan kun, naannoo sanatti paartii Réveillon jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, addunyaa irratti ayyaanota guddaa ta'an keessaa isa tokkodha.
Qarqara galaanaa kanatti dooniiwwan richiitii fi agarsiisa adda addaa qabu qophaa'uun ayyaanichi haala ajaa'ibaa ta'een kabajame.
Kana malees sagantaan sirbaa fi bashannanaa haala addaan qophaa'eera. Namootni gara mil. 2 ta'anis achitti akka hirmaaatan himama.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Eeshiyaa hedduu keessatti seensi Bara Haaraa kun halkan walakkaa yoo ta'u ta'u, Hoong Koong, Singaapoor, Maaleeziyaa fi Filiippiinsitti agarsiisni addaa taasifameera.
Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman simannaa bara 2025 kabajuuf Beejiing irraa gara Kuwaalaa Laampuritti walitti qabamanii turan.
Barri Haraan Chaayinaa keessatti kabajamuun dura, Pirezidaanti Shii Jinpiing dinagdeen biyyattii ''karaa olka'aa'' irra akka jiru ummatatti himaniiru.
Waggootaaf waldhabdeen keessa kan turanii fi Beejiing akka qaama isheetti kan ilaaltu garuu ofiin of bulchaa kan jirtu Taayiwaaniif akeekkachiisa kennaniiru.

Madda suuraa, AP
Simannaan Bara Haaraa kun biyyoota waraana keessa jiran akka Yukireen, Sooriyaa, Sudaan fi kanneen biroo keessattillee kabajameera.
Sooriyaa keessatti waggoota kurnan darban keessatti Bara Haaraa biyyattii bulchiinsa Asaadin alatti yeroo jalqabaatiiF kabajame.
Ayyaanichaaf Damaasqoo keessatti agarsiifni richiitii taasifameera.

Madda suuraa, Reuters
Ayyaanni Bara Haaraa 2025 biyyoota Afrikaa garagaraa keessattillee haala ho'aa ta'en simatameera.












