Naayiroobii- Finfinnee kallattiin tajaajilli geejjibaa atoobisiin eegale

Madda suuraa, Abyssinia Luxury Coach
Dhaabbanni tajaajila geejibaa 'Abisiniyaa Leegzharii Kooch' jedhamu magaala guddoo Keeniyaa-Naayiroobiidhaa gara Finfinneetti atoobisiin ummata deeddebiisuu eegaluu beeksiise.
Dhaabbatichi Dilbata darbe tajaajila kana ifatti eegaluu daarektarri dhaabbatichaa Mikaa'el Jeems Maachiiyoo BBCtti hime.
Imala tokkof Shilingii Keeniyaa 7,500 yookan ammoo dhaqaafi galaaf Shilingii Keeniyaa 15,000 (gara birrii Itoophoyaa kuma 16) akka kaffalchiisu ibseera.
Obbo Mikaa'el Abiisiniyaa Leegzhariin dura tajaajila geejiba deddebiisa ummataa 'Royaal Allaayiid' jedhameen Keeniyaa Moyaalee fi Mombaasaatti tajaajila ummata deddebiisuurratti bobba'ee akka ture kaaseera.
Waggaa afuriin dura kan hundeefame 'Royaal Allaayid' daandii Itoophiyaa dhaquun hanga Moyaalee qofaatti hojjataa akka ture kan kaase daareektarri dhaabatichaa, amma gatiin tikeettii xiyyaaraa waan qaala'eef fedhiin atoobisiin imaluu jiraachuu fi fedhii kana guutuudhaaf tajaajilli gara biraa waan hin jiraanneef ''yeroodhaaf qaawwi akka ture'' dubbate.
Qaawwa kana guutuudhaaf jecha ''maaliif kallatiidhaan [Naayiroobiirraa Finfinneetti] imala hin eegallu jechuun Abisiniyaa eegaluu'' dabaluun hime.
''Ammatti atoobisota saddeeti qabna. Karoorri keenya 16 gahuudha. 16 keessaayis atoobisoonni jaha achuma Itoophiyaa keessa akka taa'an barbaadna. Isaanis karaa Jabuutiitiin ni galchiina'' jechuun karoora dhaabbatasaanii gara fuulduraa BBCtti himeera.
Akka ibsa Obbo Mikaa'eliitti, Abisiniyaa Leegzhariin guyyaa guyyaadhaan Naayiroobii fi Finfinnee jidduu ummataa deddebiisuun hajjataa jira.
Tajaajila kana Dilbata darbe ifatti kan eegale yoo ta'u, imaltoota torba qofaatuu Naayiroobiirraa kallattiin Finfinneetti imaluuf tikeettii kutate ture.
''Dilbata imala yaalii ture. Sababii haalaan beeksiifni hin hojjatamneef imaltoonni kallattii Naayiroobiirraa Finfinnee dhaqan hin argamne ture'' kan jedhu Obbo Mikaa'el, ''atoobisichi namoota 46 qabachuuf dandeettii kan qabu yoo ta'u, kallattiin Finfinneetti imaluuf kan galmaa'an namoota torba qofaa turan'' jedhan.
Imaltoonni garri caalan hanga Moyaaleetti kan imalan akka turan kan kaasan Daarektariichi, ''namoota torban sanas Salaam Baasiitti dabarsuudhaan gara Finfinneetti gaggeessineerra'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, Kamiisaaf tikeettiin gara Finfinnee imaluu gurguramee dhumusaa BBCtti himeera.
Sababiin atoobisoonni kunneen namoota 46 qofaa akka fe'an itti taasifameef yoo kaasu, jidduu teessootti eddoon jiraachuun teessuuma gurguddaa waan fayyadamaniif akka ta'e ibse.
Obbo Mikaa'el atoobisichi, keessummeessitoota, mana fincaanii dubartootaafi dhiiraa qofaatti kan qabuufi keessoo isaatti tajaajila intarneetii fi 'iskiriinii' dabalatee tajaajilawwan bohaartii akka qabu ibseera.
Sarara imalaafi sa'aatii ilaalchiisuun, atoobisichi guyyaa keessaa sa'aatii 10 irratti Naayiroobiirraa ka'uudhaan, guyyaa itti aanuutti ganama keessaa Mooyaalee gaha.
Hanga tajaajilli immigireshinii banamuuttis imaltoonni akka boqatan kan kaase Obbo Mikaa'el, immigireshiniin ganama sa'aatii lamarratti ni xumurama jedhaniiru.
Achinsi ganama keesaa sa'aatii 2:30 irratti Moyaaleerraa, Yaabeelloo, Bulee Horaa, Dillaa, Hawaasaarra goree halkan keessaa naannoo sa'aatii 1:00tti Finfinnee akka galu ibsaniiru.
Haala nageenyaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateefi Obbo Mikaa'el, ''osoo sararri kun hin eegaliin duras ani mataankoo yeroo 10 ol dedebii'eera. Imala kiyyaa yaaddoon nageenyaa na hin mudane. Kana malees, nageenya daandii ilaalchisee, Moyaalee irraa odeeffannoo fudhaneeti kan imallu. Akkasuma, daangaa Itoophiyaa keessa halkaniin iamala hin taasiifnu, guyyaa qofaa imalla'' jechunn deebii kenne.
Dhaabbanni tajaajilaa kun erga hundeeffamee reefuu baatii jaha akka ta'e kan kaase Obbo Mikaa'el, atoobisoota ummataa saddeetiin hojiisaa eegaluu fi lakkoofsa kanas gara 16tti ol guddiisuuf karoora qabaachuu dabaluun kaaseeera.
''Dhaabbatichi jalqaba Keeniyaatti hundeeffame. Achii erga xumurreen boodadha deemnee hayyama daldalaa baafachuuf gaafannee kan turre garuu ni harkiifate'' jechuun dubbatan.
Keeniyaatti Imbaasii Itoophiyaatti ittaanaa Ambaasaadaraa kan ta'an Obbo Damaqqaa Axifoo torban sadiin dura ittigaafatamtoota dhaabbatichaa waliin dubbachuu imbaasichi beeksiisee ture.
Ambaasaadar Damaqqaan hoggantoonni dhaabbatichaa waa'ee fooyya'insa diinagdee maayikiroo ibsa taasisuu kaasuudhaan, imbaasichi ''hoggantoonni dhaabbatichaa carraa kanaatti fayyadamuun Itoophiyaatti damee akka bananiif jajjabeesseera'' jedhan.












