KFO'n filannoo bara dhufuurratti hirmaachuuf haal-dureewwan mootummaan guutuu qaba jedhu UN'fi AU'dhaaf dhiyeesse

Madda suuraa, OFC/Facebook
Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa Itoophiyaan bara dhufu gaggeessitu ilaalchisee paartiin KFO yaaddoo qabuufi haal-dureewwan mootummaan guutuu qaba jedhu bakka bu'oota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (AU)fi Gamtaa Afrikaatif dhiyeessuu beeksise.
Paartichi ibsa kaleessa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti baaseen, filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara dhufu gaggeeffamu ilaalchisee bakka bu'oota UNfi Gamtaa Afrikaa waliin marii gaggeessuu ifa godhe.
KFOn bakka bu'oota dhaabbilee idiladdunyaa kanneen waliin waajjirasaa Finfinneetti argamutti marii gaggeessuu ibsuun, rakkoolee garaa garaa Itoophiyaa keessa jiraniifi filannoof danqaa ta'an akkasumas filannoon haqa qabeessafi bilisa ta'e gaggeessuf ulaagaalee ijoo mootummaan guutuu qaba jedhe tarreessuun dhaabbilee kanaaf ibsuu beeksise.
Dhaabni KFO filannoo bara 2026 irratti kan hirmaatu biyyattii keessatti jijjiiramni bu'uuraafi qabatamaa ta'e yoo jiraate qofaa akka ta'e jila UNfi Gamtaa Afrikaaf ibsuu beeksise.
Pirofeesar Mararaa Guddinaa dhaabasaanii bakka bu'uun haala wantoota filannoof danqaa ta'aniifi haala qabatamaa Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru jila kanneenif ibsuu kan himu ibsi KFO kun, yeroo ammaa Itoophiyaan bakkee garaa garaatti waraana keessa jiraachufi paartileen mormituu dhiibbaa mootummaa jala jiraachuu himan.
"Filannoon dimookiraatawaa ta'e sagalee kennuu qofa osoo hin taane, bu'aa adeemsa dimookiraasiiti.
Adeemsi kun har'a Itoophiyaa keessa hin jiru. Biyya waraanni fi ari'atamuun siyaasaa keessatti babal'atetti filannoo amansiisaa gaggeessuun hin danda'amu," jedha ibsichi.
Dhaabbileen kunneenifi hawaasi idiladdunyaa dhiibbaa dippiloomaasii qabanitti fayyadamuun mootummaarratti dhiibbaa gochuu akka qabaniifi filannoon osoo hin gaggeeffamin dura haal-dureewwan murteessoo mootummaan guutuu qaba jedhes tarreessera.
Amantaa ijaaruu fi nagaa buusuu
Filannoon osoo hin gaggeeffamiin wantoota mootummaan akka raawwatuuf dhaabichi dhiyeesse keessaa tokko lolli biyyattii keessatti qaamolee hidhataniifi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu akka dhaabbatuufi mootummaafi paartilee gidduutti wal-amantaa ijaaruu kan jedhuudha.
Keessumaa Oromiyaa keessatti lolli humnoota mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamu hatattamaan akkka dhaabatuuf waamicha dhiyeessera.
Gama biraan ammoo mootummaan hidhamtoota siyaasaa, deeggartoota paartilee mormituu haal-duree malee akka gadi lakkisu, akkasumas sochii paartilee mormituu danquu akka dhiisu haal-duree KFOn dhiyeesse keesayyi.
Keessumaa paartileen mormituu Oromiyaa keessa socho'an ABOfi KFOn mootummaan gaggeessitootafi deeggartoota hidhuu, hiraarsuufi sodaachisuu akkasumas biirolee keenya nu jalaa cufa jechuun waggoota darbaniif himachaa jiru.
Waajjirri dhaaba ABO Gullalleetti argamu waggootaf erga cufameen booda ji'a yeroo dhiyoo banamuusaa dhaabichi ji'a Waxabajjii keessa beeksisee ture.
KFOn ammoo waajjiraalee 200 ol qabu keessaa hunduu dhiibbaa kallattiifi al-kallattiin mootummaan gaggeessun cufamee biiron sadi qofti hafuu Pirofesaar Maraaraan ji'a Caamsaa keessaa BBCtti himanii turan.
''Haala amma jiruun mootummaan filannoo deemsises dhiises wanti jijiiramu xiqqaadha...qarshii balleessuu malee waan guddaa fidu hin qabu'' jedhanii turan Prof. Mararaan.
Dhaabbileen ABOfi KFO filannoo biyyaalessaa bara 2021 gaggeeffame keessatti osoo hin hirmaatin hafa; sababni ammoo mootummaan dirree siyaasaa dhiphisuun paartilee mormituurratti dhiibbaa gaggeessuu himachuuni.
Mootummaan garuu, yeroo kamuu caalaa dirreen siyaasaa akka bal'ate jechuun himannaa paartilee mormituu kana waakkata.
'Boordin Filannoo haaromee irra deebin hundeeffamuu qaba'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Filannoo bara 2026 gaggeeffamu dura wantoota ta'uu qaba jedhee akka KFOn dhiyeesse keessaa tokko Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaarratti haaromsi akka gaggeeffamuudha.
Akkaataa komishinaroonni boordicha gaggeessan itti filamanii kaasee hoj-maata boordichaarraa mormii akka qabuufi qaama mootummaan biyya bulchu ofiif hundeeffateedha jechuun gaggeessan KFO Pirof. Mararaan irra deddeebin yoo dubbatan ni dhagahamu.
Marii dhaabichi bakka bu'oota UNfi Gamtaa Afrikaa waliin gaggeesse jedhe kanaanis boordichi akka qaama kamiifuu hin loognetti deebi'ee hundeeffamuu akka qabu yaada dhiyeessuu beeksise.
Dhimmi Marii Biyyaalessaa gaggeeffamaa jirus dhimma ijoo KFOn gaaffiifi shakkii irratti kaasedha.
Yeroo Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamuu kaasee paartileen mormituu "adeemsa ifaan hin hundoofne" jechuun mormii cimaa irratti kaasanii turan.
KFOfi ABO dabalatee Kokasiin Paartilee Mormituu ibsa irra deddeebin baasaniin adeemsa Mariin Biyyaalessaa itti gaggeeffamurratti komii qaban ibsataa turan. Waamicha Komishinichi taasisus osoo hin fudhatin hafan.
Kokasiin Paartilee Mormituu dhaabbileen ABOfi KFO miseensummaan keessa jiran, imarii biyyaalessaafi filannoo waliigalaa bara dhuftuuf qophii eegalame ilaalchisee bsa ji'a Waxabajjii darbe baasen, "sodaa guuddaan" qaba jechuun qaamoleen dhimmi ilaalu akka gidduu galaniif waamicha dhiyeessera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaas filannoo waliigalaa bara dhufu gaggeeffamuuf qophii eegaluu fi haalli nageenyaa biyyattii tasgabbii agarsiisaa waan jiruuf ammaaf filannicha bakka hundatti akka raawwatu dhiyoo ibsa baasee ture.
Gamtaan mormitootaa kun ibsa Waxabajjii 11, 2025 baaseen adeemsi marii biyyaalessaa fi dhimma filannoo waliigalaa bara dhuftuurraa yaaddoo guddoo waan qabuuf qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu gahee isaanii akka bahan waamicha godhe.












