Taphattoota kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa shanan kaffaltii olaanaa argatan

Taphattuu Garee Dubartoota Futsaal Niwuu Ziilaandii Haannaa Maarii Kraakmaan (bitaa) fi taphattuu Taanzaaniyaa Meerii Aronee (mirga) tapha Futsal World 2025 irraatti.

Madda suuraa, Getty Images

Taphattoonni kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa yeroo ammaa namoota ispoortii addunyaa irratti gabaa guddaa fi kaffaltii olaanaa qaban keessaa tokkoodha.

Guddinni liigii Chaayinaa, Ameerikaa, Awurooppaa fi Sa'udii Arabiyaa isaan fayyadeera.

Ispoortiin dubartootaa kan asiin dura gatii hin qabneefi maallaqa gadi aanaa argatu amma indaastirii bu'aa guddaa argamsiisu ta'eera.

Urjiiwwan kubbaa miilaa kanneen akka Asiisat Osholaa, Taabitaa Chaawiingaa, Barbraa Baandaa, fi Rechel Kundanaanjii kubbaa miilaa dubartootaa liigii adda addaa addunyaa irratti taphachuun jijjiiraniiru.

Taphattoonni kun mindaa olaanaa fi waliigaltee ispoonsaraa guddaa argachuudhaan, taphattoota addunyaa cicimoo waliin dorgomuun dandeettiin Afrikaa gaarii ta'uu mirkaneessuun seenaa hojjechaa jiru.

Waancaa biyyoota Afrikaa (WAFCON) fi waancaa addunyaa dubartootaa FIFA akka jiraatuf gumaachaniiru.

Miindaan taphattootaa dubartootaa guddatus ammas hanga kan dhiirotaa hin geenye.

Taphattoonni dhiiraa mindaa waggaa miliyoonaan argatan, dubartoonni sadarkaa olaanaa irra jiran waggaatti doolaara 100,000 hanga 600,000 gidduu argatu.

Barreeffamni kun, SportBlot dabalatee maddoota adda addaa waabbeffachuun, taphattoota 5 kan Afrikaa keessatti kaffaltii olaanaa qaban xiinxala.

Kana qofa osoo taanee bu'aa isaan argatan, kilabii isaanii, akkasumas odeeffannoo qabeenya isaanii mul'isa. Mindaa isaanii, bonasii, ispoonsara fi wantoota biroo dabalata.

5. Taabitaa Chaawiingaa – Doolaara 450,000

Taabitaa erga goolii galchiteen booda yeroo gammachuu argisiiftu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphattuun sarara fuulduraa Maalaawii Taabitaa Chaawiingaa bara 1996 dhalatte. Dursituu taphattoota garee biyyaalessaati. Maatii harka qalleeyyiirraa kan dhalatte Taabitaan, Adoolessa 2024 Olompikii Liyoonaas waliin kontiraata waggaa sadii mallatteessuushee dura Siwiidin, Chaayinaa fi Inter Miilaaniif taphatti turte.

Bara 2025 Liigii Kubbaa Miilaa Faransaay D1 Féminine irratti Liyooniif taphattuu sarara fuulduraa kan dursitu taateetti.

Taphattoota kaffaltii olaanaa qaban keessaa tokko kan taate Taabitaan, waggaatti tilmaamaan doolaara 450,000 argatti. Qabeenyishee waliigalaa tilmaamaan doolaara miiliyoona 1.

Bara 2024 badhaasa waancaa Faransaay (Coupe de France) akkasumas Tokkummaa Biyyoota Afrikaa Kibba (SADC) irraa badhaasa taphattuu cimtuu injifatteetti.

Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa Dubartootaa UEFA keessatti dubartii Malaawii jalqaa kan taate taphattuun tun, bara 2023 nama Afrikaa kan jalqaba liigii dubartootaa Xaaliyaanii irratti kophee warqee injifattedha.

4. Asiisat Oshoalaa – doolaara 500,000

Asiisat yeroo kubbaa dhiittu

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1994 kan dhalatte Asiisat urjii Naayijeeriyaa kan badhaasa taphattoota kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa yeroo jahaa mo'atedha.

Riivas Enjels fi Baarseloonaa waliin taphattee waancaa Shaampiyoonsi Liigii Dubartootaa lamaa fi waancaa Liigaa F shan injifattee. Bara 2024 Bay FC'tti makamtee, sana booda Fulbaana 2025 waliigaltee waggaa lamaatiin gara Al Hilaal deemte.

Liigiin Sa'udii Arabiyaa taphattoota irratti xiyeeffachuu irraa kan ka'e Oshoalaan waggaatti naannoo doolaara 500,000 argatti.

Peepsii fi Puumaa waliin waliigaltee raggaasisuudhaan qabeenyi ishee doolaara miiliyoona 3.2 gaheera.

Waancaa Addunyaa fi Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa irratti seenaa hojjettee jirti, Awurooppaatti goolii 100 ol galchiteera.

Bara 2017 liigii dubartoota Chaayinaa irratti kophee warqee kan injifatte dubartiin tun bara 2021/22 liigii Arjentiinaa irratti goolii galchuudhaan sadarkaa olaanaa irra turte.

3. Rechel Kundanaanjii -doolaara 500,000

Rechel

Madda suuraa, Getty Images

Taphattuun taphataa sarara fuulduraa Zaambiyaa Rechel Kundananji, bara 2000 dhalatte.

Bara 2024, Bay FC'ttiin kaffaltii doolaara 860,000'n mallatteessuudhaan, seenaa kubbaa miilaa dubartootaa keessatti taphattoota qaalii ta'an keessaa tokko taasiseera.

Kontiraata waggaa afurii irraa kan jirtu, Kundanaanjiin waggaatti tilmaamaan doolaara 500,000 argatti. Tilmaamaan qabeenyishee doolaara miiliyoona 2.

Ammaa Ameerikaa kan taphattu Rechel, asiin dura Kaazaakistaan fi Ispeeniif taphatteera.

Dandeettiin ishee Olompikii bara 2024 Zaambiyaan gaariitti akka dorgomu yeroo gargaartte baay'ee kan mul'ate.

2. Barbraa Baandaa – doolaara 525,000

 Barbraa Baandaa

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2000 kan dhalatte Barbraa Baandaa, taphatttuu sarara fuulduraa cimtuu fi dursituu Zaambiyaati. Bara 2024 kaffaltii doolaara 740,00'n, gara Orlaandoo Piraayid deemte. Kun kubbaa miilaa dubartootaa keessaatti kaffaltii olaanadha.

Ammaa kontiraata waggaa afuriirraa kan jirtu Baandaan, galii argachuudhaan addunyaa irratti taphattuu qaala'aa ta'uun sadarkaa lammaffaa irra jirti.

Bandaan waggaatti tilmaamaan doolaara 525,000 argatti, qabeenyi ishee doolaara miiliyoona 1.5.

Dandeettii goolii galchuu ajaa'ibaa ta'een kan beekamtu dubartiin tun Olompikii fi waancaa addunyaa irratti hatrikii galchiteetti.

Bara 2024 liigii Ameerikaa NWSL injifattee, akkasumas taphattoota Baaloon D'Or dubartootaaf kaadhimaman keessaa turte. Waltajjii idil addunyaa irrattis tapha Olompikii irratti yeroo hunda goolii galchuudhaan dursaa jirti.

1. Teembii Kigatilaanaa- doolaara 550,000

Teembii yeroo kubbaa dhiittu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Bara 1996 kan dhalatte Teembiin lammii Afrikaa Kibbaa.

Bara 2023 kaffaltii doolaara 275,000n gara garee Tigres deemte. Yeroo sanatti liigii Ameerikaa keessatti taphattuu gatii olaanaan bitamte lammaffaa turte.

Kontiraata waggaa sadii kan mallatteessite yoo ta'u, Liigaa Meeksikoo (MX Femenil) keessatti taphattuu cimtuu ta'uu itti fufteetti.

Taphattuu kubbaa miilaa dubartii Afrikaa kan kaffaltii olaanaa qabdu yoo taatu, waggaatti naannoo doolaara 550,000 argatti. Badhaasa fi ispoonsara dabalatee qabeenyishee gara doolaara miiliyoona 2.5' tti ol guddateera.

Badhaasa taphattuu cimtuu Afrikaa bara 2018 kan injifatte yoo ta'u, gareen kubbaa miilaa Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa Banyaana Banyaanan waancaa addunyaarratti dorgomaa cimaa ta'uu fi WAFCON akka injiffatan gargaarte.

Bara 2019 seenaa waancaa addunyaa keessatti goolii jalqabaa Afrikaa Kibbaaf galchite.

Saffisaafi dandeettiin isheen qabdu taphatoota addunyaa irratti kabajamoo ta'an keessaa tokko ishee taasiseera.