Torbee Abbaa Gammachiis: Gumaata amantaa, hogbarruu fi barnoota ammayyaa

Guyyaa Onesmoos Nasiib

Madda suuraa, Oromo Bible Society - OBiS

Torban kana Torbee Onesmoos Nasiib idila addunyaa (Global Onesmos Week) jechuun nama garbummaan gurguramuu irraa hanga hogbarruu Afaan Oromoof oolmaa oolan, Abbaa Gammachiisin, yaadachuuf sagantaan qophaa'eera.

Sagantaa kana dhaabbata Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromoo jedhamuutu qopheesse. Waxabajjii 18 -25, 2023 kan turudha.

Waxabajjiin 21 guyyaa Onesmoos Nasiib itti boqotan waan ta'eef guyyaa Onesmoos Nasiib jedhamuun hordoftoota amantaa Kiristaanaa Warra Luutaraanii biratti, keessumaa biyya alaatti, ni yaadatama.

Itoophiyaa keessatti Onesmoos gahee barnoota amantaa, hogabarruufi barnoota ammayyaa keessatti bahaniif sirni yaadannoo guddaan yeroo gaggeeffamu kun kan jalqabaati.

Waldaa warra wangeelaa Luutaraan idila addunyaa keessatti Onesmoos Nasib namoota wangeelaa ''Qulqulloota'' jedhamanii maqaan isaanii yaadatamu keessaa tokko akka ta'an barraa'ee jira.

Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa kan ta'an obbo Abdii Waaqtolaa waldaan isaanii erga hundeeffamee waggaa sadaffaaf yaadannoo Onesmoos qopheessanis, inni kun yaadannoo isa guddaa ta'uu BBC'tti himan.

Sababa Global Onesmos Week jechuun kabajaa jiraniif yoo ibsan, ''Waldaan warra Luutaraan Ameerikaa jiran waggoota hedduu dura guyyaa kana kabajaa waan jiraniif hawaasni Oromoo guutuu addunyaarra jiru waliin yaadachuufi,'' jedhan.

Yaadannoo torban tokkoo kana sirnoota adda addaan kabajaa kan jiru waldaan Macaafa Ququlluu Oromoo, Roobii darbe (Waxabajjii 21) guyyaa lubbuun isaanii itti boqotte sababeeffachuun Hoteela Iskaayilaayititti sagantaa yaadannoo gaggeesseera.

Sagantaa kanarratti aanga'ootni mootummaa, abbootiin amantaa fi namootni seenaa qoratan argamaniiru.

Saganticharratti Biiroon Barnootaa Oromiyaa seenaa Onesmoos sirna barnoota idilee keessa galchuuf karaa hoogganaa isaa Dr Tolaa Bariisoo waadaa seeneera.

Yunivarsiitii Finfinneetti Piroofeesara seenaa kan ta'an Prof. Tasammaa Ta'aa qorannoo gumaata Onesmoos qoratan irraa Itoophiyaa keessatti barnootni ammayyaa ''kan jalqabaa'' bara 1905 Onesmoosiifi Asteer Gannoon Najjootti akka jalqabe himan.

Sagantaan yaadannoo torbee tokko Onesmoos Sanbata xiqqaa dhufu fiigicha km 5 mata duree ''Fiigicha Onesmoos isa guddaa''( ONESIMOS GREAT RUN 2023) jedhuun paarkii Inxooxxootti namoota 600 hirmaachisuun akka gaggeefamus obbo Abdiin himaniiru.

''Yaadannoon kun namoota muraasaan yaadatamaa ture. Egaa namni kun nama saba Oromoo keessatti seenaa guddaa hojjete, Hogbarruu Oromoo keessatti nama seenaa guddaa qabu waan ta'eef, saba Oromoo hunda biratti yaadatamuu qaba jennee bara kana bifa addaattiin qopheessine.''

Onesmoos Nasiib, ''Namni biyya Oromoo'', eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maqaa Kiristinnaa Onesmoos Nasiibiin kan beekaman namni seenaa kun Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuu ganda Oggee iddoo addaa Waragoo jedhamutti bara 1857'tti dhalatan.

Maqaan isaanii inni ganamaa Hiikaa Awaajii jedhama. Barri isaan itti dhalatan bara waraanaa waan tureef ijoollummaa isaaniitti abbaa isaanii dhaban.

Osoo ijoollee waggaa afurii ta'anii jiranii butamanii harka daldaltoota garbaa seenan.

Pirofeesar Tasammaan akka jedhanitti ''Hiikaa Awaajii, kaninni biyyaa bahe gurgura garbaani. Waggaa afuritti gurgurame. Darbaa dabarsa gurgurame. Naqa saddeetii ol gurgurame. Achii Ertiraa Matsawwaa gahe.''

Hiikaan booda harka nama lammii Siwiizerlaand Warneer Mozingar, qoontsilaa Faransaay ta'uun Matsawwaa jiraachaa ture galee jedhu Piroofeesar Tasammaan.

Namni kun ilaalcha birmaduu bahuu garbaa deeggaru waan tureef Hiikaa bilisa godhee gara Mana barnootaa Siwiidin Matsawwaa jiru Umkulluu jedhamutti galchee boodas gara biyya Siwiidin barnootaaf erge jedhu.

Hiikaan bara 1872'tti kiristinnaa ka'ee (cuuphame) maqaan isaas Hiikaa Awaajii irraa gara Onesmoos Nasiibitti geeddarame jedhu.

Bara duri bakkeewwan Itoophiyaa ammaa garagaraatti sirni garbummaa babal'atee ture.

Oromoota bara sana garbummaan gurguraman keessaa gareen gara Afrikaa Kibbaa geeffame jiraatus ''gareen Onesmoos waliin ture gara biyyatti deebi'ee biyya Oromootiif bu'aa guddaa buusan,'' jedhu hayyuun kuni.

Gumaata Onesmoos Nasiib waliin maqaan isanii kan ka'u Asteer Gannoo, Onesmoos waliin kan jalqaba wal argan isheenis umrii of bartetti garbummaan gurguramtee Umkuullitti jedhu Pirofeessar Tasammaan.

Turtii isaanii Siwiidin kan barnoota ammayyaa fi barnoota amantaa (Theology) booda Onesmoosiifi Asteer mana barnootaa mishineerii kan warra Siwiidin Mastawwaa jiru Umkulluutti kitaaba qulqulluu Afaa Oromootti hiikuu jalqaban.

Haati Hiikaa Aadde Roobee Gammadaa ''daldalaa garbaa harkatti ilma isaanii Hiikaa qabatanii jennaan yoo gadhiisuu baatte lamaan keessanuun ajjeesa ittiin jennaan du'uu isaa mannaa haa deemu jette'' jedhu.

'Barnoota ammayyaa Itoophiyaa kan jalqaban Onesmoos fi Asteeri'

Onesmoos Nasiibiif Asteer Gannoo

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Ibsa waa'ee suuraa, Onesmoos Nasiibiif Asteer Gannoo

Pirofeesar Tasammaan sagantaa yaadannoo Hoteela Iskaayilaayitiitti qophaaye irratti waayee Onesmoos Nasiib yoo himan, nama jalqaba sirna barnootaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti hundeessaniidha jedhan.

Seenaa Itoophiyaa keessatti barnootni ammayyaa bara 1908 Mana barnootaa Miniliikii II akka jalqabe amanama.

Pirofeesar Tasammaan garuu beekumsi waayee mana barnootaa ammayyaa isa jalqabaa Itoophiyaa irratti hanga ammaa jiru sirrii miti jedhu.

''Mana barnootaa idilee ammayyaa Najjootti banuun isaanii barnoota ammayyaa Mootii Miniliik waggaa sadiin dursa.''

Onesmoos gara ''biyya Oromootti'' kan deebi'an bara 1904'tti akka ta'e kan dubbatan Pirofeesar Tasammaan, eegasii mootii Leeqaa yeroosii dubbisuu himu.

''Bara 1904 akkuma dhufanii biyya galaniin Naqamtee Dajjaazmaach Kumsaa Morodaa biratti argama, yeroo jalqabaaf Afaan Oromootiin Kitaaba Waaqayyoo dubbifnaafiin Dajjaazmaach Kumsaan baayyee gammadan. Achiis gara biyya Boojii Najjootti ergan.''

''Najjootti barnoota ammayyaa isa jalqabaa bara 1905'tti bu'uureessan.''

Sana dura barnootni amantaa fi al-idilee jiraatus, barnootni idilee kan jalqabaa Onesmoosiifi Asteer jalqaban ijoollee 100 simatee barsiisaa turee jedhu.

Manni barnootaa jalqabaa jedhan kun Mana Barnootaa Elementarii Najjoo (Najjoo Elementary School) jedhamee eegaluus booda keessa barnoota ogummaa adda addaan jabaachuu himu.

Onesmoos Nasiib amantaa warra wangeelaa Lutaraanii keessatti 'barsiisa dogoggoraa ture sirreessuun' sadarkaa idil-addunyaatti maqaan isaanii kabajaan ka'a.

Onesmoos Siwiidinii deebi'anii Umkulluutti Asteer, kan beekumsa hogbarruu, weedduu qaban waliin Kitaaba Kakuu Haaraa Afaan Oromootti akka hiikan seenaan ragaa baha.

Pirofeesar Tasammaan Asteer yeroodhuma biyyaa baatuyyuu shamarree umriinis jabduu waan turteef waan hedduu bartee baate jechuun gumaacha olaanaa milkaa'ina Onesmoos keessatti gumaachuu himu.

Torban Onesmoos Nasiib yeroo yaadatamu kanatti maqaan Asteer duukaa kan ka'u ta'us, fuuladuratti Asteeris akkasuma addatti yaadatamuu qabdii jedhu hayyuun seenaa BBC'n dubbise.

Onesmoos Nasiib Waxabajjii 21, 1931 du'aan boqotan. Asteer Gannoo ammoo osoo hin heerumiin umrii isaanii wangeela, barnoota dubartootaafi hog-barruu Oromoof gumaachuun bara 1964 boqotan.