Xalaayaawwan jaalalaa dhoksaan dubartootni Ispeen dhiirota Morookoo waliin walii barreessaanii karaatti hafe

Xalayaa jaalalaa dhorkaman

Xalayaawwan jaalalaa waggoota kurnaniin dura lammiin Morookoo mucayyoo warra Ispeeniif barreesse seenaa jechootaa fi gochoota nama qaanfachiisoo bara kolonii ture kan saaxile ta’e.

“Gara Ispeen Yoom deebita?” kan jedhu akkaataa miira namaatti seenee hasaasuun waraqicha irratti barreeffameera. Kuni Kaarmeeliif gaaffii haala murteessaa ta’e kan agarsiisu.

“Maaloo akka dubartii biraa hin ilaalle natti himi” jechuuni bara 1944 Giraanada irraa barreesiteef.

Xalayaan jaalala gadi fagoo miira keessoo ishee ittiin ibsatte kuni garuu nama isheen yaaddeef Morookoo gahee erganshee isa hin qaqqabiin hafe.

Xalaayaan isheen si’a meeqa barreesitee tarsaasaa irra deebiin barreesitee miirashii jaalalleeshii biraan gahuuf yaadde kuni gara Morookoo osoo hin taane karaa hin yaadamneen xalayaawwan biroo waliin kuusaa biyya ispeen keessatti hafe.

Xalayaawwan jaalalaa baroota 1930 hanga 1950 gidduutti kutaa kanatti too’atamanii hafan hariirroowwaan jaalalaa ulfaatoo Morookoo fi Ispeen gidduu ture kan saaxile ta’e.

Xalayaawwan kana dhoksaan qabatee ofbiratti kan hambise ammoo angaa’ota kolonii Ispeen biyya Morookoo keessa turani.

Saanduqni xalayaawwan kuni keessa jiru jechoota jaalala hasaasaniin kan guutame. “siif maraadheera… siifjechan laga oola akka ilmoo bosonuudhaa… kaanis kaanis hedduudha. Kuni kan dubartii Vaaleenshiyaa irraa barreesite tokkooti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaan isaaniimmoo suura ofkeessaa qabu. Xalayaa ergan keessatti xalayaa biraatiin maranii suura akkaan bareedanii ka’an keessa kaa’anii ergu. Kuni jaalalleen isaanii halaala jiru waan isaan fakkaatan sammuu isaanii keessa kaa’ufi.

Isheen tokko suurashee yeroo biskileetii ooftu kaatee ergite. Jireenya guyyaa guyyaashii ittiin hubachiisuufi.

Xalayaawwan kunneen hundisaanii bareechamanii kan qophaa’anidha. Garuu shira warra waajjira keessa hojjetuutiin dokumentoota waliin ukkaamfaamanii jaalala warra lamaaniis ukkaamsanii hafan.

Hanga namootni Liwusmato Diste fi Nevis Muril Garsiyaa jedhaman akkaadamikii irratti maxxansanii baasanitti lafumatti dhukkee dhuganii taa’aa turan.

Xalayaawwan kun hundisaanii hariiroo jaalalaa onnee keessaa laboobu jalqabaa hanga dhumaa kan qaban, kaan ammoo gufuuwwan jaalala isaanii mudachaa jiran kan walitti ittiin himani.

Angaa’onni Ispeen yeroo sana turan jaalalli jaalalleewwan biyya koloneeffataa fi koloneeffamaa gidduutti margee lalisu kuni akka hin milkoofne waan danda’an hunda godhaniiru.

Inumaa bara 1937 qajeelfama “Akka seera waligalaatti gaa’illi loltuu Morookoo fi dubartii Ispeen gidduutti akka dhorkamu” jedhu baasanii ture.

Bara 1912 Ispeen fi Faransaay Morookoo bakka lamatti qooddatanii kutaaleen biyyattii muraasni Ispeen jalatti bulan. Loltoonni hawaasa Berber seera haaraa Ispeen baaste kana mormuu eegalan.

Lolli dhiiga hedduu dhaangalaaase ‘Rif War’ bara 1921 fi 1926 hammaaatee jennaan waraanni Ispeen lakkoofsa loltoota Morookoo heddummeessee dabale. Loltoonni lammummaa Morookoo qaban hedduunis gara Ispeenitti ergaman.

Loltootaan alattis barattoonni, daldaltoonnii fi hojjettoonni biroo hedduunis gara Ispeen deemanii magaalaa fi baadiyyaa biyaattiitti jireenya idilee jalqaban.

Fakkii

Kuni jaalala dhiirota Morookoo fi dubartoota Ispeeniif akkuma lotorii ta’e. Dhiironni Morookoo bakka deeman hundatti dubartoota Ispeeniin walargatu.

Salamanka bakka jedhamutti dubartiin Ispeen Koncha jedhamtu loltuu Morookoo Nasar jedhamu kan ollaa isaanii buufatee jiruun walbarte.

Dubartii kana jaalalli loltuu Morookoo kanaa qalbii fuudhee waan wallaalchisee jennaan ajajoota isaatti xalayaa ‘akka nafuudhun barbaada’ jedhu akka bareesitu ishee dirqisiise. Garuu angaa’onni kolonii Ispeen hariiroon akkanaa haalan dhorkaadha jechuun dheekkaman.

Inumaa Koncha jecha hin taaneen hamileeshii tuqan.” Furdoo , Fokistuu. Maal fakkaattii kuni Roobii wayii” jedhanii arrabsan. Kuni sababa loltuu Morookoo jaalatteefi.

Angaa’onni kunneen Nasar fedhii jaalalaa kan agarsiise Konchan mana waan qabduuf ishee waliin galuu yaadeti jedhanii yaadan. Garuu isaa keessaayyuu jaalalli akka Volkaanootti dhohuu gaheera.

Angaa’onni jaalala akka jara kana lamaanii dhiirota Morookoo fi dubartoota Ispeen gidduuti hammaachaa dhufe kana osoo ifa hin baasin haala danda’ame hundaan yaa ittifamu kan jedhu hojiirra oolchan.

Sirni warra Faransaayi irra caalaa loltoota Morookoo irratti kan hirkate waan tureef isaan akka warra Ispeen seera itti tumanii hin dhorkine. Akka hin uumamne garuu dhoksaan lafa jala irrumatti hojjetu ture.

Fakkaeenyaaf yoo dubartiin isaanii tokko xalayaa loltuu Morookoof barreesitee argamte akka isheen biyya morookoo hin deemne uggurri irra kaa’ama.

Yeroo kaan ammoo loltoonni Morookoo jaalalatti shakkaman akka gara Ispeen hin deemne ugguru. Jaalala walirraa eeguun akkana.

Bara 1948 dubartiin Kaarmen jedhamtu Zaragoza irraa jaalalleeshee Morookoo Jiruu Abdusalaamif xalayaan ergite angaa’otaan too’atamee jennaan jarri lachuu garanaaf garasitti akka hin sochoone ugguraman.

Kaarmen xalayaa jaalalleeshee Morookoo jiru kanaaf ergiterratti intaalli ishee abbaashee osoo hin argin guddachaa akka jirtu caqastee ture. Angaa’onni garuu dhimmuma intala isaanii kanalleen hubannoo keessa galchanii jaalalleewan lamaan akka walargan hin heeyyamin hafan.

Angaa’onni garuu maaliif hariiroo jaalalleewwanii kana ugguruu hojii godhatan? Kan jedhu gaaffiidha. Kuni ilaalcha abbootiin irree tarkaanfachiisan akkaa ta’e ifa.

Impaayerri warra Firaankoo kuni dubartootaaf ilaalcha gaarii kan hin qabne, qabiinsa hamaa ta’e kan agarsiisuu fi carraa hojii dubartootaallee kan hin deeggarre ture.

Saanduuqa Poostaa

Jaalalli humna guddaa boqonnaa namaaf hin kennine ta’ulleen warri Ispeen garuu jaalala dubartoota isaanii kan dhiirota Morookoof isaan maraachaa ture kana humnumaan ukkaamsu.

Kunis Morookoon Kolonii warra Ispeen waan taateef jaalala keessa galuu osoo hin taane Morookoo biratti olaantummaa agarsiisuu kan kaayyeffate.

Jaalalli lammiilee biyyoota lamaanii kuni gara lachutti walqixa hin turre. Dubartoonni Ispeen dhiirota Morookoo akka hin jaalanne walirraa ittisanis dhiirotni Ispeen garuu dubartoota Morookoo yoo jaalatan hagas mara hordoffiin irratti hin taasifamu.

Haalli dubartootni biyyoota koloneeffattootaa dhiirota biyya kolonii jala jiranii akka hin jaalanne ukkaamsuu kuni Ispeen qofatti osoo hin taane biyyoota Awuroopaa kolonii qaban hedduu keessatti kan baratame ture.

Nezerlaandisii fi Biriiten yeroo Indiyaa koloneeffatanii turanitti dubartoonni isaanii akkas jedhanii jaalala dhiira warra biyya koloneeffatamanii keessa akka hin seenne nidhorkamu.

Faallaa taanaan garuu namni dhimma itti kennu hin turre.

Biyyoota Awurooppaatti seeronni akkanaa dubartoota isaanii jaalala dhiirota warra kolonii jala jiranii irraa ittisuuf yaaliin guddaan taasifamus Jaalalli akka abidda dibamee dhoksumaan karaa xalayaa ittifufe malee hin hafne. Xalayaawwan hedduun garuu karaatti hambifaman.

Xalayaawwan bara sana jaalalleewwan ergamaniif osoo hin qaqabin hambifaman kunniin waan akkaan qalbii nama mirqaansu qaba. Keessa namas nijeeqa.

Xalayaawwan kuni namoota hedamaniif bira hin geenye. Bilisummaa namaa sarbuudha kuni. Isaan xalayaan isaanii akka mankuusaatti hafu heeyyama hin kennine.

Bara 1956 Morookoon Kolonii Ispeen jalaa yeroo bilisa baatu warri xalayaa jaalalaa karaatti ugguranii onnee jaalalaa walhanqisaa turan waajjirri isaanii nicufame. Mankuusaan isaaniituu dagatamee ture.

Xalayaawwan jaalalaa muraasa yeroo dhihoo mankuusaadhaa argamanii maxxxanfaman Kanaan ala hedduun isaanii seenaan isaanii sirritti hin beekamu. Wanti hanga ammaa argamee maxxanfame kuni qoftis iccitii seenaa jaalalaa bara sana ture guutuutti kan ibsu miti