Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarran Chibook butamanii addunyaan dagateefi ammallee achi-buuteen dhabame
Waggoota kudhan dura bara 2014 ture hidhattooti Bookoo Haraam shamarran Naayijeeriyaa 276 kan butanii fudhatan.
Dhimmi isaanii duula #bringbackourgirls jedhuun ijoo dubbii addunyaa ta’ee ture. Isaan keessaa shamarran Chibook 80 ammallee bakki jiran hin beekamu.
Addunyaafi mootummaan nu dagateera jedhu maatiin. Hawaasi kaaba-baha Naayijeeriyaa ijoolleen duraa butaman har’as taatee gaafasii yaadatu.
Waggoota kudhan booda maatiin shamarran isaanii ammallee hin argamne ijoolleen keenya dhufu jedhanii abdii keessa jiraatu.
''Namoonni ijoollee biraa qabda naan jedhu. Gaafan qofaa ta'u garuu ijatti na dhufti,'' jedhu Aadde Estaar Yaakubuu imimmaan harcaasaa.
Maatiin shamarran kanaa kanneen badan qe‘eetti deebisuuf wanti dalagame xiqqaadha, yaaddoon duraaniis hin furamne jechuun komii isaanii BBC’tti himaniiru.