Namichi karra-eegaa Arsenaal duubaan dhiite himatame

Madda suuraa, Getty Images
Namichi tapha Piriimer Liigii Ingiliiz Dilbata darbe dirree Tootenhaam Hootispars irratti Arsenaal waliin taasifame irratti karra-eegaa Arsenaal Aroon Raamsidaliin duubaan dhufee dhiite himatame.
Deeggaraan Tootenhaam kun tapha Darbii Landan Kaabaa Arsenaal 2-0n olaantummaan xumure irratti akkuma taphni dhumeen bakka deeggartoonni taa'an keessaa fiigaa dhufee dhiituuf yaalii osoo gochaa jiruu mul'ateera.
Metiroopoliitaan Poolis akka mirkaneeffatetti, namni kun dirree kubbaa miilaa keessatti dirree taphaa keessa seenuun nama rukutuufi waa itti darbachuun miidhaa qaqqabsiisuun himatame.
Namni maqaan isaa Joseef Waats jedhamuufi umuriin isaa waggaa 35 ta'e kun Ingilaand bakka Haknii jedhamurraa dhuffe.
Gocha dirree kubbaa miilaa keessatti ittiin himatame kanaafis Guraandhala 17, Mana-Murtii Hayibariitti dhiyaachuuf jira.
Taphicha dirree isaarratti kan keessummeesse Tootenhaam gaaffii poolisoonni yakka kana qorachuuf taasisan irratti tumsa taasiseera.
Kana malees, Tootenhaam Dilbata taphichaan booda gocha akkasii kubbaa miilaa keessatti mul'atu kun wan hin malle ta'uu ibsuun, tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu himeera.
Deeggaraan kun adabbiin "battalumatti dhorkaa irra kaa'uu" isa eeggatas jedheera Tootenhaam.
Waldaan Ogeessota Kubbaa Miilaas hokkara dirree Tootenhaam irratti uumameefi gocha deeggaraa kana balaaleffachuun dhimmicha qaama ilaallatu waliin akka hordofu himee ture.
Darbii Landan Kaabaa Arsenaal Tootenhaam 2-0n mo'ate kana irratti gaheen Raamsidaal baayyee guddaa ture.












