'Seerri addunyaan itti gaggeeffamtu dhabama ta'eera'- Bulchaa Jarman

Fireedrik Meerz

Madda suuraa, EPA/Shutterstock

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Chaansilariin Jarman Fireedriik Meerz seerri addunyaan ittiin gaggeeffamtu amma hin jiru jechuun yaa'ii nageenyaa Muuniik irratti dubbate.

''Bilisummaan keenya wabii hin qabu'' jechuun hoogganoota addunyaatti kan dubbate Meerz, bara siyaasaa biyyoota humna guddaa qabaniittti seenaa jirra Awurooppaanis ''aarsaa kaffaluuf'' qophii ta'uu qabdi jedhe.

Ameerikaa fi Awurooppaa gidduu garaagaartummaan jiru bal'achaa dhufuu amaneera.

Konfireensiin nageenyaa kan waggaa kun gaggeeffamaa kan jiru wayita Doonaald Tiraamp Giriinlaandiin fudhachuun walabummaa Deenamaark irratti yaaddoo uumetti.

Ministirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo haasaa Meerz galma keessaa ta'ee hordofaa kan ture yoo ta'u innis boodarra dubbachuuf deema.

Muniik akkuma gaheen yaada gaazexessitootaaf kenneen egeree haaraa uumamuuf deemuuf Awurooppaa akeekkachiisee ture.

''Addunyaan osoodhuma ijaan arginuu saffisaan jijjiiramaa jirti'' kan jedhe Ruubiyoon, Awurooppaa keessa jijjiiramni akka jiru hime.

Ji'oopolotikaa bara addaa keessa jirra, hundi keenyayyuu dhimma kana hubachuu nu barbaachisa, gaheen keenyas maal akka ta'u ilaaluu qabna'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaa'ii kana irratti dureewwan biyyoota 50 akka hirmaatan kan eegamu yeroo ta'u, dhimmi humna ittisaa Awurooppaa, fi egereen NATO mata dureewwan ijoo marii keessaayi.

US gumaata NATO keessatti qabdu xiqqeessaa, ejjennoon barbaachisummaa qaama kanaarraa qabdus gaaffii keessa galaa jira.

Fedhiin Tiraamp Giriinlaandirraa qabu wal amantaa Awurooppaa fi Awurooppaa kan barootaaf michoota walii turan yaaddessaa dhufeera.

Tiraamp Jimaata darbe Waayit Haawusiin alatti yaada kenneen Giriinlaand nu barbaaddi... Awurooppaa waliin akka gaarii jirra. Akkamitti akka raawwatamu ni argina. Dhimmi Giriinlaandirratti mariyataa jirra'' jedhe.

Waraanni Raashiyaafi Yukireen, muddamni warra Lixaafi Chaayinaa akkasumas dhimmi Niikuleeraa Iraaniifi US ajandaawwan marii yaa'ii wagga waggaan gaggeeffamu kanaa ta'a.

Fireedriik Meerz yaa'iin kun wayita eegalamu sirni addunyaan itti hogganamtu duraanuu rakkoo qabu amma ammoo dhabamaa jira jechuun sodaa qabu ibse.

Pirezidantii itti aanaan US JD Vaans waggaa tokko dura asumatti akkuma dubbate Awurooppaa fi US gidduu qaawwi guddaan banameera'' jedhe.

Yaadotaa akka Ameerikaa deebisanii guddoo gochuu, bilisummaa yaadaa, dhimma gibiraafi kaanis bakka itti US waliin guddoo wal dhabaa jiran ta'uu ibse.

Haasaan Vaansi dhimma bilisummaa yaadaafi godaantotaa bara darbe Awurooppaa fi UK dheekkamsiiseera. Waggaa guutuu NATO gidduutti muddama uumeera.

Jarman addatti Faransaay waliin balaa nikuleeraa ofirraa qolachuurratti adda Awurooppaa tokko ijaaruurratti dubbii eegaluus himeera.