Gareen 'Atis Namaa' Eid'f harka qalleeyyii gargaaruuf imalaa turan akkamin du'arraa oolan?

Garee ATIS NAMAA jedhaman magaalaa naqamtee gara Gimbii imalaa turan balaa konkolaataa irraa oolan

Madda suuraa, Tashoomaa Taammiruu

Garee 'ATIS NAMAA' kan dhabdoota bira dhaabbachuun beekaman osoo gargaarsa harka qalleeyyiif kennuuf imallarra jiranuu balaasaan mudateerraa lubbuun oolan.

Ayyaana Eid-Al Faxiriif kan oolu hordoftoota amantaa Islaamaa harka qalleeyyii ta'an kanneen magaalaa Gimbii jirataniif daakuu, zayitii fi lukkuu qabatanii Dilbataa ganama imala isaanii gara Gimbiitti jalqaban.

Miseensoota garichaa afurtu konkolaaticha keessa ture. Tashaalee Taammiruu fi Lalisaa Abarraa deeggarsicha geessuuf deemaa turan. Namoonni lama ammoo ogeessota kaameeraati. Kan hafe konkolaachisaadha.

Magaalaa Naqamteedhaa ka'uun gaara Abbaa seenaa darbanii gara magaalaa Gimbiitti yoo dhiyaatan bakka gabaa Sanbataa jedhamu yoo gahu mariin konkolaachisaaf abboomamuu dide jedhe Tashaaleen.

Konkolaachisaan konkolaataa naanneessuuf yoo jedhu guutummaa guutuu mariin konkolaataa ajajamuu dide jedhe.

''Bakkicha hallayyaa guddaatu jira. Konkolaatichi hallayyaa keessa galuuf yoo jedhu dhagaan daandii qarqara dhadhabatu jira ture. Isatti rukutamuun achumatti garagale. Malee reeffa namaayyuu hallayyicha keessaa argachuun ulfaata.''

''Ammayyuu abjuu abjuu natti fakkaata. Waaqayyotu haala ajaa'ibaan nu oolche.''

Namoota beela'an hedduu kan nyaachisan, kan daaran hedduu daara kan baasan gareen Atis Nama' jedhaman kunneen osoo miidhaan homaa isaanirra hin gahiin balaa kana keessaa oolan. Waan gaarii hojjechuun ofumaafi mitiiree.

''Yeroo mariin ajajamuu dide hundi keenyayyuu naanee maqaa waaqayyoo qofa waamaa turre. Gaafa inni gaggaragalee kufu garuu waan taheyyuu hin beekun ture.''

Konkolaataan isaanii kun kufee erga dhaabbatee ''eenyutu du'e jennee maqaa wal waamaa turre'' kan jedhu Tashoomaan hundi keenya nagumaan waan baaneef achii kaanee meeshaaleen fe'annee deemaa turre bosona keessatti waan daddarbameef isa funaannee konkolaataa biraa waamnee imala itti fufne jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen ATIS NAMA jehamuun beekaman kunneen maqaalaa Naqamtee keessa buufachuun keessumaa lixa Oromiyaa keessa naanna'uun tola ooltota irraa maallaqa argataniin hiyyeessota gargaaraa turan.

Namoota manni irratti jigee fi gargaara dhabaniif mana ijaaraa turan.

Sababa beelaa fi dhukkubaan warren sireetti galan hedduuf birmataniiru. Bara 2017 keessa qofa mana namoota 14'f ijaaraniiru.

Kun kan bitanii fi ijaaran dabalatee gara 14 akka tahe Tashaaleen BBCtti himeera. Dabalataan torbanitti namoota rakkina adda addaa keessa jiran afur gargaarra jedhe.

Hojii tola ooltummaa kana erga jaqabanii gara waggaa afurii taheera. Koree nama afurii qabu. Namoonni miseensa tahuun isaan wlaiin hojjetan akka jiranitti tahee bakka adda addaa kan waliin deemanii hojjetan garuu namoota afuridha.

Haadholiin umuriin isaanii raagee qofaa hafan, gargaarsa kan hin qabne, ijoollee kanneen hin qabne bira dhaqabaniiru.

Namoota firri hin gaafanne akkasii eessaa argattu gaaffii jedhuuf ''namoonni eeruu nuuf ergu. Warra sadarkaa dhumaarra jiran, waan afaan kaawwatan warra hin qabnefaatu nu mudata. warruma waaqayyo gargaaruu barbaadetu carraa akkasii argata'' jedhe.

Namoota qonnaan bulan yoo tahe saawwa, hoolaa fa'a binnaafii. Akka horsiisanii bulaniif deeggarsa akkasii akka argatan goona.

Namoota magaala keessa jiraatan yoo tahan ammoo daldalanii akka jiraataniif gargaarsa maallaqaa goonaaf. Warra hojjechuu hin dandeenye ammoo dedeebinee aka gargaarsa argatan goona jedhe Tashoomaan.

Yeroo eeruu argannu dudduubee isaanii qorannee adda baasna kan jedhu Tashoomaan namoota humna hin qabne gargaaruu akka itti fufan hime.

''Gargaarsa gaafa kenninu amantaa fi qomoodhaan adda hin foonu.''