Kaameruun talaallii busaa akka addunyaatti isa jalqabaa ta'e kennuu jalqabde

Madda suuraa, AFP
Sagantaan talaallii busaa addunyaarra isa jalqabaa tahe Kaameruuniitti jalqabameera. Kanaanis lubbuu daa'imman Afrikaa kumaatamatti lakkaa'amanii baraaruuf abdiin irra kaa'ameera.
Talaalliin kun daa'ima Daani'elaa jedhamtuuf wiirtuu fayyaa magaalaa Yaawundee dhiyeenyatti argamutti Wiixata kennameera.
Afrikaa keessa waggaa waggaan namoonni 600,000 tahan sababa busaan lubbuu akka dhaban Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ni hima.
Du'a galmaa'u kana keessaa daa'imman umrii shanii gadii %80 tahu.
Kaameruun talaallii RTS,S jedhamu kana daa'imman umriinsaanii hanga ji'a jahaa jiran hundaaf bilisaan kennuuf jirti.
Talaallichi marroo afuriin kan fudhatamudha.
Talaallichi dhukkubsattoota %36 tahan irratti bu'a-qabeessa tahuun isaa mirkanaa'uu qorattoonni US himaniiru. Kana jechuunis namoota sadii keessaa lubbuu nama tokkoo ol baraaruu danda'a.
Jalqabbiin talaallichaa oduu dansaa tahus, bu'a qabeessummaan isaa xiqqaachuun isaa "furmaata isa olaanaa" tahuu hin danda'au jedha Wiliis Akiwaalee dhaabbata End Malaria Council Kenya irraa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojjettoota fayyaaf garuu busaa ittisuuf wal'aansoo taasisan keessatti akka "meeshaa dabalataa" tahee gargaaru, doktorri Kaameruun talaallii kana keessaa qooda qabu Shaaloom Induulaa ni hima.
Talaallii RTS,S tolchuuf dhaabbata Biriteen qorsa oomishu GSK qorannoo waggoota 30 itti fudhateera.
Qaamni talaallicha mirkaneessuun hojiirra akka oolu godhu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO), jalqabbii talaallichaa Kaameruun kana seena qabeessa jedheera.
Jalqabbiin Wiixataa kun erga sagantaan yaalii Keeniyaa, Gaanaa fi Maalaawii keessatti gaggeeffame booda raawwate.
Sagantaa talaallii kana biyyoonni 20 biroo bara kana keessa jalqabsiisuuf karoorsuu isaanii walta'insi talaallii idil-addunyaa Gavi himeera. Isaan keessaas Burkinaa Faasoo, Laayibeeriyaa fi Seeraa Liyoon ni eeramu.
Akka WHO'n jedhutti, Kaameruunitti waggaatti namoonni miiliyoona jaha tahan dhukkuba busaan qabamu.
Kana keessaa kanneen 4,000 tahan wiirtuuwwan fayyaa keessa lubbuun isaanii darba - hedduun isaanii ammoo daa'imman ganna shanii gadi.
Bara 2021tti namoota addunyaarra busaan qabaman keessaa %95 Afrikaa keessatti argamu ture - kanneen du'an keessaa ammoo %96 Afrikaa keessa galmaa'e.
'Miidhaa kan hinqabne, bu'a-qabeessaa fi bilisa'
Lammiileen Kaameruun gariin talaallichi miidhaarraa bilisa tahuufi hojjechuusaa irratti shakkii qaban kaasaniiru.
"Namoonni 'akka yaaliitti nutti fayyadamaa jiru' ennaa jedhan [ni dhagahama]. Kun garuu dhugaarraa kan fagaatedha," jechuun ogeessi qorannoo busaa Piroofesar Wilfreed Fon Imbaakaam BBCtti himan.
"Nuyi saayintistoonni hawaasa barsiisuu keessatti caalaatti hojjechuu qabna. Maalummaa isaa fi faayidaasaa irratti barsiisuun, sodaa isaanii tasgabbeessuu qabna."
Qondaalli talaallii kana hooggana Daaniyeel Ekootoo sirna baniinsaa irratti BBCtti akka himanitti, haadholii ijoolleessaanii talaalchisuuf dhufan wajjiin haasawaa turan. Talaallichi "miidhaarraa bilisa, bu'aa kan qabuu fi bilisa" tahuu itti himaa turuusaanii dubbatan.












